Taphattoota ciccimoo Afrikaa Baranaa: Viktar Osimeen fi Asisat Oshowaalaa Naayijeeriyaa irraa filataman

Madda suuraa, BBC Sport
Dorgommii taphattoota ciccimoo bara kanaa Afrikaa irratti Naayijeeriyaan injifannoo dachaa gonfatte.
Taphataan Naayijeeriyaa Viktar Osimeen Sagantaa Konfedereeshiniin Kubbaa Miillaa Afrikaa (Caf) Morookoo, Maraakash keessatti gaggeesserratti taphataa collee Afrikaa bara kanaa ta'uun badhaafameera.
Dubartootaanis Naayijeeriyaa irraa Asisat Oshowaalaa filatamteetti. Oshowaalaan kilaba Baarseloonaaf kan taphattu yoo ta'u badhaasa kana yeroo ja'affaaf argatte.
Taphataan Naappoolii Viktar Osimeen taphataa biyya Masirii Mohammad Saalaa fi taphataa Morookoo Ashraf Hakiimii caaluun dorgommii kana injifate.
Taphataan jireenya gadadoorraa ka'ee kubbaa miillaan addunyaarratti beekame kun, badhaasi sadarkaa olaanaa biyyisaaf argamsiise kun erga bara 1999 as Naayijeeriyaaf kan jalqabaati.
Biyyattiin erga bara sana Nwankwo Kanu badhaasa kana injifatee as dorgommii kana mo'attee hin beektu.
Gareen teeknikaa Caf akkasumas ogeeyyiin miidiyaa, daanyoti fi dursitoonni garee taphattootaa erga sagalee kennanii boodadha bu'aan dorgommii kanaa kan ba'e.
Kilaboonnis yaadasaanii irratti kennaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphataan umrii waggaa 24 Naappooliif taphatu Osimeen, badhaasa kabajaa olaanaa qabu kanaaf ga'uu kan danda'e dandeettii bara taphaa 2022-23 agarsiiseeni.
Taphoota 32 irratti goolii 26 galche, keessattuu gooliin inni Caamsaa darbe tapha Udinese waliin taphatan irratti galche Naappooliin waggoota 33 booda akka waancaa Liigii Serie A nyaatu gargaareera.
Viktar Osimeen Naappoolii dura kilaba Jarmanii Wolfsburg fi kilaba Faransaay Lille keessa jifataa ta'ee taphataa ture.
Ga'umsa ajaayibaa kilaba Xaaliyaanii Naappoolii keessatti agarsiiseenis jalqaba ji'a kanaa taphataa collee bara kanaa jedhamuun Waldaa Kubbaa Miillaa Xaaliyaaniin badhaafameera.
Magaalaa Leegoositti kan dhalate Viktar Osimeen tapha gulaallii Waancaa Biyyoota Afrikaa afur irratti goolii shan galcheera, gumaachasaatiin biyyisaa dorgommii bara dhufuuf geesse.
Milkaa'inni Osimeen kana qofa miti, taphataa Naayijeeriyaa badhaasa Ballon d'Or sadarkaa hanga kurnaffaatti jiru keessa gale kan jalqabaa ta'eera.
Dorgommii Ballon d'Or sadarkaa saddeettaffaan xumure.

Madda suuraa, BBC Sport
Taphattuu colleen Naayijeeriyaa umrii waggaa 29 amma Baarseloonaaf taphattu Asisat Oshowaalaa dorgommii taphattoota ciccimoo Afrikaa baranaa kan dubartootaa yeroo ja'affaaf mo'atte.
Waancaa Addunyaa dubartootaa Awustiraaliyaa fi Niwu Ziilaand qopheessan irratti ga'umsa addaa agarsiisuun dinqisiifannaa argatteetti.
Dorgommiiwwan kaaniin ammoo Afrikaa Kibbaarraa Desiree Ellis yeroo afraffaaf daanyaa cimtuu baranaa taateetti.
Dubartiin kun gareen dubartootaa biyyaalessaa Afrikaa Kibbaa Banyana Banyana dorgommii Waancaa Addunyaaf akka ga'an gochuun ga'ee olaanaa gumaachiteetti.
Dhiirotaan ammoo Waliid Regragui Morookoo irraa daanyaa cimaa jedhamuun badhaafameera.
Gareen inni leenjisu Leenconni Atilaas (Atlas Lions) garee biyyaalessaa dhiirotaa bara kanaa jedhamuun badhaafameera.
Gareen kun Waancaa Addunyaa 2022 Qataaritti qophaa'erratti maayii xumuraaf ga'uun Afrikaarraa kan jalqabaa ta'an, maqaa ardittiis waamsisaniiru.
Garee kanaaf gumaacha guddaa kan godhe Yaasin Buunuu gooli eegaa cimaa bara kanaa ta'ee filatame.
Gareen dubartootaa biyyaalessaa Naayijeeriyaa Super Falcons jedhaman badhaasa Garee Dubartootaa Biyyaalessaa baranaa mo'ataniiru.
Chiamaka Nnadozie ammoo goolii eegduu cimtuu ta'uun badhaafamte.
Afrikaa Kibbaarraa kilabi dubartootaa Mamelodi Sundowns jedhamu badhaasa Kilaba Dubartootaa cimaa baranaa argataniiru.
Kilabni kun dorgommii Chaampiyoonsi Liigii dubartootaa Afrikaa yeroo lama mo'ateera.
Kilabni dhiirotaa Masirii Al Ahly jedhamu ammoo kilaba dhiirotaa cimoo bara kanaa ta'uun badhaafaman.












