Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhibamaan kaansarii carraa lootorii doolaara biiliyoona 1.3 injifate
Dhalataa biyya ollaa Chaayinaa, Laos, kan ta'eefi lammiin US Cheeng Seefaan tapha lootorii Powerball jedhamuun doolaara biiliyoona 1.3 injifate.
Dhibamaa kaansarii kan ta'e namni ganna 46 kun, waggoota saddeet darbaniif waldhaansa keemooteeraapii fudhachaa bahe.
Carraan kun kan baheef bulchiins Origan, magaalaa Poortilaand keessatti.
Lootarii injifate kanarraa gibirri erga citee booda doolaara miiliyoona 442 argamu haadha warraafi hiriyyaa saa waliin qixxee qooddachuu akka barbaadu ibse.
Maallaqichaan waan godhu yoo dubbatu ''maatii koon ittiin eebbisa, ofiifis hakiima gaariin qacara'' jedhe.
''Jireenyii koo ni jiijiirame'' kan jedhu namni kun, rabbiin kadhachaaa akka ture dubbateera.
Maallaqa kana keessaa gariin mana qabaachuuf abjootaa ture akka bitachuu barbaadus hime. Achiis ''tapha kana tapachuu ittin fufa'' jedhe.
''Tarii deebi'ee carroomuun danda'a.''
Cheeng Seefaan akka jedhutti baddhaasa gaafa Ebla 7 baheef haadha warraa fi hiriyyaasaa tokko waliin sadi ta'anii tikeetiiwwan Powerball 20 bitatan. Yaadni maallaqicha qixxee qooddachuus kanarraa madde.
Seenaa lootarii Powerball keessatti maallaqni amma injifatame guddinasaatiin arfaffaadha. Inni guddaan ammoo bara 2022tti kan bahe doolaara biiliyoona 2.04 ture.
Tikkeetni lootarii takkittiin doolaara lamatti kan gurguramu yammuu ta'u, lootarichi isteetota 45 keessatti gurgurama.
Carraaleen doolaara biiliyoona hedduu baayyinaan bahuu kan eegalan gatiin tikkeeta lootarii tokko dabaluu hordofeeti.