Peep Gaardiyoolaa dhimma Filisxeem, Sudaan irratti maal jedhu?

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Maanchistar Siitii Peep Gaardiyoolaa dhihoo waan dubbateen ijoo dubbii ta'eera.
Beekamtiifi itti gaafatama qabuun dhimma kubbaa miilaa qofa osoo hin taane 'hawaasa gaarii ta'uuf akka dubbatu' hime.
Ibsa miidiyaaleen yeroo hedduu dhimma ispoortii dubbatuurratti waan ''isa dhukkubse'' yookiin 'waan isa quuqu' dubbate.
Kunis, walitti bu'iinsa biyyoota garagaraatti adeemaa jirudha.
Leenjisaan Siitii kun torban dura waltajjii deeggarsa daa'imman Filisxeemiif qophaa'e irratti argamuun daa'imman Filisxeem akka deeggaru dubbate.
Torban kanas irra deebi'uun bakkee walitti bu'iinsi jirutti daa'imman ajjeefamaafi miidhamaa jiraniif dubbate.
Viidiyoowwan argaa jiru ''na dhukkubsa'' jira jechuun dubbate.
Walitti bu'iinsa Filisxeem, Yukireen, Sudaan fi akkasumas haleellaa qondaalota immigireeshiniin Minesotaa, Ameerikaatti lubbuu dhaban eere.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Bara ammaa [waan akkanaa salphaatti] ilaalla, dur ilaaluu hin dandeenyu,'' jechuun Gaardiyoolaan hima.
Kunis ''Na dhukkubsa,'' jedhe Gaardiyoolaan. ''Baay'een gadda, nan falmaaf. Yeroo hundumaa. Namoota nagaa kumaatama ajjeesuu? Na dhukkubsa,'' jechuun hime.
''Yeroo namoonni guyyuu suuraalee abbootii, haadholii, daa'imman jireenyi isaanii manca'aa, ilaalaa akkamiin akka itti hin dhagahamne na dhiba,'' jechuunis dubbata.
Miidiyaan Atileetik jedhamu waan akkanaa maaliif qalbiikee hate jechuun Gaardiyoolaa gaafannaan akkanan deebise.
Yeroo kana gaafatamuu isaatti Gaardiyoolaan galateeffate.
''Sababni isaa waggoota 10 keessatti yeroo jalqabaaf gaazexeessaan waan kana kan na gaafate jedhe.
''Isin gaazexeessitoonni sababa hojii keessaniin waan akkanaa dubbachuuf eeyyama hin qabdan natti fakkaata, hin barre.
''Haata'u malee, addunyaa keessa namni suuraalee akkanaa bakkee waraanaa keessaa dhufan argu jira. Eenyutu hin miidhamne?''
Leenjisaan lammii Ispeen, Gaardiyoolaan, walitti bu'iinsa sadarkaa idil - addunyaatti adeemaa jiru osoo hin gaafatamiin dubbachuu eegale.
''Takkaa seenaa dhala namaa keessatti yeroo kamuu calaa waan adeemaa jiru ija keenyaan ilaallee hin beeeknu – duguuggaa sanyii Filsixeem keessatti, Yukireen keessa waan mudate, waan Raashiyaa keessa adeemaa jiru, addunyaa keenya keessa Sudaan,'' keessa dabalatee jedhan.
Kuni, ''akka dhala namaatti rakkoo keenyadha,'' jedhee dubbate.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii waggaa darbe Israa'el Filisxeemota irratti duguuggaa sanyii raawwataa jirti jechuun gabaasa baaseen himatee ture.
Himannaa kana Israa'el cimsitee balaaleeffatte.
Dhihoo akka gabaafametti taanaan aangawoonni Israa'el Gaazaa keessatti namoonni 70,000 ajjeefamuu gabaasaa dhihaataa ture fudhataniiru yookiin amananiiru.












