Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namtichi cidharratti boombii 'gumaata' kennuun misirichaafi akkoo galaafate maal adabame?
Yeroo namni cidha godhatu kennaa kennuun waan baramaadha. Kennaan kunis maallaqa ykn meeshaa manaa ykn ammoo uffata ta'uu danda'aa. Kan gara biyya Indiyaatii dhagahame garuu waan kanaan faallaadha.
Namtichi daarektara duraanii kooleejjii baha Indiyii kutaa biyyaa Odishaat turan kun misurroodhaaf boombii saamsuun ergeef.
Ergaa Aab Punjilaal Meeher kan umuriin waggaa 56 kanaanis misurroo sirna fudhaarra ture dabalatee akkaakileesaa ajjeese bara 2018tti. Kanaanis amma hidhaan umurii guutuu itti murtaa'e.
Manni murtii dhimma "boombii cidhaa ykn boombii gumaata kenname" jedhamuun beekameefi guutuu biyyattii ajaa'ibsiise kanarratti balleessaa ajjeechaa, yaalii ajjeechaa fi meeshaa dhukaafamu fayyadamuutiin yakkamaa ta'uu murteesse.
Boombiin akka kennaa cidhaa ykn gumaata fakkeefamuun gara mana misurrichaa, Suumyaa Sekhaar Saahuu, injinarii sooftiweerii ganna 26, kan guyyoota muraasa dura cidhasaa raawwatetti ergame.
Misirrichiifi misrittiin wayita paakeejii saamsame banan dhoohe. Achinis Saahuufi akkoosaa guddittii ajjeesee, haati warraa isaa Reemaa kan paakeejii kana bante baayyee miidhamte lubbuun oolte.
Ajjeechaan kunis yakka "sukkanneessaa" ta'uu isaa manni murtichaa amanulleen, garuu akka "dhimma addaatti'' fudhachuun adabbiin du'aa itti murteessuu dide.
BBC'n taatee kanarratti uwwise qorannoo bal'aa gama lamaaniituu gabaaseera.
Dhohinsi Guraandhala bara 2018 mudate kunis magaalaa Odishaa kan bulchiinsa Bolaangiir baayyee tasgabbooftuu keessatti mudate.
Musirrishi erga gaa'ilasaa raawwatee ganaa guyyaa shan yoo ta'u, yeroo poostaan saamsamaan sun mana saa qaqabuu laaqana qopheessaa turan.
Maqaa musirrichaa kan irratti barraa'ee yoo ta'u, bakka Raapuur jedhamurraa kan Bulchiinsa Chaatisgaar keessaa kennaa cidhaa argameedha jedha. Bakkeen kunis km 230 achirraa fagaata.
Musurrichis poositicha saaquuf baqaqasuu eegaleetti dhohiinsi cimaan kirinii keessatti mudachuun, isaafi akkoosaa kan umuriin waggaa 85 ajjeesse.
Misirroon, Reemaa kan umuriin waggaa 22 ammoo miidhaa cimaan irra gahuun lubbuun oolte.
Poolisiin yeroo dheeraaf erga qorannoo gaggeesseen booda Meeheer kan yeroo sana nama waggaa 49, barsiisaa fi daarektara kolleejii naannichaa bakka haati Musirrichaa hojjatanii to'annaa jala oolfame.
Qorattoonnis yeroo sanatti Meeheer innaafaa ogummaa fi jibba waan qabduuf haleellaa kana of eeggannoodhaan akka karoorfatte himanii turan.
Boombiichisa osoo musurricha hin qaqabiin dura gara km 65o atobisiidhaan namoota hedduurraa walitti dabarfamaa achi gahe. Qorattoonnis, boombiichi wayita saaqamuutti akka dhohu taasifamuun kan saamsame ta'u himan.
Poostaan boombii keessa kaa'amees maqaa sobaa SK Shaarmaa bakka Raapuur jedhamurraa jedhu qaba ture. Osoo shakkamaan omaatu hin baramiin torbanooti darbanii ture.
Qorattoonnis sagalee bilbilaa kumaatama ilaaluun namoota 100n lakkaa'aman qoratanii ture, garuu omaa maadda haban.
Booda baatii Eblaa keessa xalayaan maqaa abbaa hin qabne tokko hogganaa poolisii naannichaa qaqabe.
Innis boombiin maqaa Shaarmaan ergame sun 'SK sinhaa'ta'uufi innis kan jibbaafi maallaqaan kaka'ame ta'u eeruu kenne.
Xalayichi dabaluun dhiiroonni sadii 'pirojaktii kana raawwatu' fi amma bakka poolisiin qaqabuun ala ta'u hime. Jibbaafi maallaqa musirrichaatiin kakaafamuu fi poolisiin namoota nagaa jeequu akka dhaabuuf gaafate.
Xalayyichi qorannichi akka cimu taasise.
Aruun Botraa qondaala poolisii kan yeroo sanatti damee yakka Odishaa dursu maqaan paastaa irratti harkaan barreeffame dogngoraan akka dubbifame hubate. Innis 'Shaarmaa'' caalaa 'Sinhaa'' fakkaata.'
Barreessaan xalayichaa dhimma tokko kan inni qofti beeku kan jiru fakkaata. Achinis poolisiin shakkamaa mataansaa xalayicha akka erge shakke.
''Namni xalayicha erge kan nu beeknu caalaa waa'ee yakkichaa akka beeku ifaadha. Innis yakkichi nama poostaa geesseen osoo hin taanee namoota sadii biraan ta'u nutti himu barbaade. Innis dogongora maqaa nuti goone saaxiludhaan gochaa sobaa raawwate adda of baase'' jedhu Aab Bothraa bara 2018tti.
Haatii miidhamaa kanaa kan barsiiftuu kolleejjii, haala barreessama xalayichaa fi ibsiisaa kan waahilashee, Meeheer, daarektara koolleejii kan ishee bakka buutee ta'u hubatte.
Poolisoonni dura wal dhabdee bakka hojii akka siyaasa akkaadamii baramaatti fudhachuun dhiisanii ture. Amma garuu shakkamaa dura ta'e.
Yeroo qoratamuttis, Aab Meeheer jalqabarratti xalayicha qaqabsiisuuf dirqiisiifamee akka ta'e jecha sobaa kenne.
Poolisiin boodarra akka amane hime: yeroo Diwaaliitti ibidda kuufatee, baarudaa baasee, boombii tolchee, ergaa fayyadamuun Raayipur irraa poostaadhaan gara miidhamaatti ergee.
Innis bilbila isaa manatti dhiisee bahuudhaan, tikkeettii baaburaa bitachuu dhiisuun CCTV jalaa miliquu dubbate. Meeheer cidhaa fi awwaalcha miidhamaa kanaarratti irrattillee argamtee turte.