Paakistaanitti haleellaan boombii ambaasaddara Itoophiyaa dabalatee dippilomaatotarratti qiyyaafate lubbuu galaafate

Madda suuraa, Imbaasii Itoophiyaa Islamabad
Paakistaanitti haleellaan boombii konkolaataa jila dippilomaatotaa kan ambaasadarri Itoophiyaa keessa jiru irratti qiyyeefachuun raawwate lubbuu poolisii tokkoo galaafate.
Haleellaan kun dippilomaatonni biyyoota adda addaa Paakistaan bakka turizimiin beekamtu Iswaat Vaalii jedhamtu daawwachuuf yeroo jiran Dilbata kaleessaa dhaqabe.
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa haleellaa dhaqabe balaaleffachuun maatii miidamtootaaf jajjabina hawweera.
‘’Itoophiyaan haleellaa Amabaasadara Itoophiyaa daalatee jila ambasadaroota alaa irratti Paakistaan Paktunkuwaa keessatti raawwate ni balaaleffata’’ jedhe.
Poolisiin dippilomaatota dabaalee deemaa ture boombii daandii gubbaa awwalameefiin rukutemee poolisiin tokko du’uu Rooyitarsi gabaaseera.
Poolisoonni biroo sadii madaa’aniiru. Dippolomaatonni kunneen Sulula Iswaat jedhamu daawwachuuf imalarra turan.
Itti aanaa hogganaa poolisii Iswaat Alii Gandapur amabasadaroonni biyyoota alaa hundi nagaadha. Kanneen haleellicha gaggeessan konkolaataa poolisii haleelan jedhan.
Amabasadara Itoophiyaa, Indoonezhiyaa, Kazakistaan, Boosiniyaa Herzegovaniyaa, Zimbaabuwee, Raashiyaa, Iraanii fi kaanis akka keessatti argaman miidiyaaleen gabaasnaiiru.
Poolsiin nageenya amabasadarootaaf haala mijeessuun hatattamaan gara magaalaa Islamabadiiti geeffamaniiru.
Pirezidaantiin Paakistaan Asiif Alii Zardarii ‘’shororkeesitoonni biyya keenyaaf qofa osoo hin taane dhala namaa hundaaf diinadha’’ jedhan.
Haleellaa kana duuba qaamni jiru hanga ammaatti anadha jedhee as hin bane.
Poolisiin Paakistan daandii cufuun naannichatti uggura sochii labseera. Qaama haleellaa kana raawwates adamsaa jiraachuu himeera.
Humni farra shororkeessitootaa Paakistaan Sulula Iswaat keessa bal’inaan to’annoo gaggeessu.
Naannichi iddoo buufata hidhattoota IS ture. Bara 2012 hidhattoonni IS mirga namoomaaf falmuun badhaasa Noobelii Nagaa kan mo’atte Malaalaa Yuusuufzayi rasaasaan dhahanii ture.















