ABO-WBO, gaaffii biyyaalessaa Itoophiyaan kaastu ulaa galaanaa irratti ejjennoo akkamii qaba?

Mootummaan Itoophiyaa uummata isaa miliyoona 120 caaluuf ulaan galaanaa barbaachisaa tahuu irra deddeebiin kaasa.

Gaaffiin faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kabachiisuu kun Itoophiyaa fi Somaaliyaa akkasumas Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti muddama guddaa uumeera.

Haalli Somaaliyaa waliin jiru erga marii Ankaaraatti gaggeeffamee kan qabbanaa'e fakkaatus amma muddamni Eertiraa waliin jiru dabalaa akka dhufe gabaasonni bahan agarsiisu.

Tibbana ammoo mootummaan Itoophiyaa mootummaan Eertiraa fi TPLF hidhattoota Faannoo waliin tahuun waraana narratti labsuuf hojjechaa jiru jechuun himate. Qaamoleen lameenuu garuu ni haalan.

Eertiraan dabalataan hidhattoota Faannoo kan naannoo Amaaraa keessa socho'an leenjisti himanni jedhus irra dedebiin dhagahama.

Gama biraan mootummaan Itoophiyaa hidhattoota biyya keessa socho'an Faannoo fi ABO-WBO kan ofii ''ABO Shanee'' jechuun waaman ''ergamtoota'' jechuun himata.

Waggoota dheeraaf Eertiraan hidhattoota mootummaa Itoophiyaa waraanaa turan kan akka WBO, Adda Bilisa Baasaa Biyyaalessa Ogaadeen, fi kaaniif buufata tahuun tajaajilaa turteetti.

Kun erga Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti bara 2018 jalqabee nagaan bu'ee kan jijjiirame fakkaatus waraana Tigiraayiin booda haalli jiru garuu jijjiirameera.

ABO-WBO gaaffii ulaa galaanaatti ni amanaa?

ABOn Hayyu Duree Daawud Ibsaan hogganamu hamma bara 2018 gara biyyaatti galutti waggoota 20 oliif waraana isaa duraanii 'WBO' qabatee Eertiraa keessa ture.

Erga gara biyyatti qabsoo nagaatti amanuun galee ammoo humna waraanaa akka hin qabne labsuun siyaasa biyyichaatti makame.

Haa tahu malee, humni duraan ABO Hayyuu Duree Daawud Ibsaa jalatti hogganamaa ture bifa haaraan of gurmeessuun maqaa isaas ABO-WBO jedhee of moggaasuun qabsoo hidhannoo biyya keessatti itti fufe.

Ajajaa Olaanaan isaa Kumsaa Dirribaa kan maqaa qabsoo Marroo Dirribaa jedhamuun beekamu. Itti aanaan isaa Gammachuu Abbooyeeti.

Mootummaan Itoophiyaa hidhattoota ABO-WBO FI Faannoo irra deddeebiin ''baandaa'' yeroo kaan ammoo ''ergamtoota'' jechuun ibsa.

Kunis Eertiraan hidhattoota kanneen dhimma bahuun biyya keessatti waraana kaasuuf akka hojjetan hima.

Gorsaan Ajajaa Olaanaa ABO-WBO, Obbo Jireenyaa Guddataa, ABO-WBO mootummaa Eertiraa waliin hidhata addaa akka hin qabne himan.

''WBO ergama eenyuu iyyuu hin qabu. Ergama uummataa qofa qabna. Mootummaan waan akkasii nurratti olola. Garuu dhugaa miti.''

Obbo Jireenyaan ulaa galaanaa ilaachisee yoo dubbatan waraana malee karaa seerota idil-addunyaa kaanii argachuun danda'ama jedhu.

''Lolaan ykn humnaan ulaa galaanaa finna waan jedhu ergaa biraa qaba.

Biyya namaa kan UN irraa beekkamtii qabu weeraruun kisaaraa guddaa qaba. Kasaaraa lubbuu fi qabeenya guddaa gaafata,'' jedhan.

Itti dabaluun tarii yoo lolli ka'es ''lola kanatti uummanni Oromoo hirmaachuu hin qabu, isin hin ilaallatu'' jedhu.

Mootummaan Itoophiyaas Eertiraa weeraree ulaa galaanaa argadha jedhee ifatti dubbatee hin beeku.

Garuu ulaa galaanaatti bahuun ''waan hin oolledha jedhan.

Gaaffiin ulaa galaanaa gaaffii faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaan irra dedebiin kaastudha. Sadarkaa idil-addunyaatti gaaffii fudhatama argate akka tahe himameera.

Obbo Jireenyaan ulaa galaanaa argachuuf filannoo baay'eetu jira. Biyyoota kaan waliinis karaa wlaiigaltee daldalaa argachuun danda'ama jedhan.

''Biyya biraa weeraruun dogogora siyaasaa, dogogora dippilomaasii guddaa taha. Nuyi garuu ergama qaama kamiyyuu hin qabnu'' jedhan.

Itti dabaluun ABO-WBO, deeggarsa leenjiis tahe meeshaa waraanaas tahe kaan mootummaa Eertiraa irraa argachaa akka hin jirre himan.

Haa tahu malee, ''ABO-WBO barbaachisaa tahee yeroo argametti qaama kamiyyuu waliin hariiroo tolfachuu danda'a'' kan jedhan Obbo Jireenyaan ''ammatti ofirratti hirkatee socho'aa jira'' jedhan.

ABO'n dhugaadha waggaa 20 oliif Ertiraa keessa ture.

Bara 2018 booda garuu sochii isaa biyya keessatti taasise kan jedhan Obbo Jireenyaan dantaa saba kanaaf akka tahutti biyyoota kaan waliinis hariiroo qabaachuu dandeenya jedhan.

Mariin nagaa ABO-WBO fi mootummaa gidduu maalirra gahe?

Mootummaan Itoophiyaa fi WBO marsaa lama Tanzaaniyaa marii nagaaf taa'aniiru.

Ameerikaa dabalatee biyyoonni adda addaa akka jaarsummaatti gidduugaluun qaamolee lamaan walitti fiduuf yaalaa turaniiru.

Garuu lameenuu osoo waliigalteerra hin gahiin achumaan adda bahan.

Ergasii waa'een marii nagaa dhagahamee hin beeku. BBC'n carraa mootummaan isiniif kennetti fayyadamuun maaliif gara qabso nagaatti deebitanii bulchiinsa biyyaa keessatti qooda hin fudhanne jedhee gaafate.

Obbo Jireenyaan ''jalqabumayyuu nuyi aangoo qabachuuf hin qabsoofne. Waan dabetu jira. Sirna tolchina. Sirna sana keessatti uummanni nama isaaf tahu haa filatu jenneeti malee ofii keenya aangoo qabanna ykn dantaa keenya eegganna jennee miti,'' jedhan.

''Sanyii Nagaasaa jedhamuun kan beekamu hogganaan duraanii WBO Zoonii Gidduugaleessaa erga gara qabsoo nagaatti amanuun galuu ibsee muudamni kennameeraaf. Kaanis kan mootummaadhaan muudaman jiru.

Obbo Jireenyaan kun mootummaan ''afaanfaajjii uumuuf isaaniin dura qabee hima malee warra harka kennatan kaan irra miidhaa gahaa jira'' jedhan.

Dhimma kana irratti mootummaan Itoophiyaa dubbatee hin beeku. Garuu hidhattoota karka kennatan leenjii haaromsaa kennuun akka fedha isaaniitti akka bobbaasu hime.

Kana Dura Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa US kan turan Maayik Haamer qaamolee lamaan walitti fidaa turan.

Erga Doonaald Tiraamp aangoo qabatanii Maayik Haamer yeroo hojii isaanii xumuranii bahaniiru. Haamer qaamolee lamaan hanga araarsinutti abdii hin kutannu jedhanii ture.

Ergasii caasaa mootummaa Ameerikaa keeessaa namni hojjetu akka isaan qunnamaa jiran Obbo Jireenyaan himaniiru.

''Hojii dippilomaasiiti waan taheef deddeebinee wal qunnamuun jira. Garuu mootummaanis ejjennoo isaa hin jijjiiru taanaan, gaaffii nuyi dhiyeessine hin fudhatu taanaan deebinee wal arguun qabeenyaa fi yeroo qisaasessuudha,'' jedhan.

Mootummoota hojii kana keessatti hirmaatan waliin wal arguun inuma jira'' kan jedhan Obbo Jireenyaan bakka Maayik Haamer bu'uun addatti namni hojjetu jiraachuu baatus caasaa mootummaa keessaa dhimma kana nama hordofu waliin wal qunnamuun jira jedhan.

Kana jechuun mootummaa Itoophiyaa waliin mariif wal argaa jirra jechuu miti. Nuyi wal waraanaa jirra jedhan.

''Nuyi sirna haaraa ijaarra jenna. Isaan [mootummaan] koottaa galaa jedhu. Kun akkamiin waliigaluu danda'a?''

Dhiyeenyas hidhattoottni 160 ol Horroo Guduruutti mootummaatti harka kennataniiru. ABO-WBO hidhattoota ajajakoo jala turan miti jedhee haale. Mootummaan Itoophiyaa ammas hidhattoota qabsoo nagaatti deebi'uu barbaadan akka simatu irra deddeebiin hima.