Aarri Gaara Fantaalleerra mul'ate ogeeyyiif abdiimoo yaaddoodha?

    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Ji'oota muraasa darbaniif kirkirri lafaa danuun kaaba baha Itoophiyaa erga raasaa turee booda laftis babbaqaqe, bishaan danfaafi hurki haalaan ho'aa ta'es as baheera.

Eegasii boodammoo aarri jabaa mul'ataa ture. Aara yookiin gaaziin kuni garuu maal himaa jira? Maaltu itti aana? BBC'n dhimma kanarratti ogeeyyii lama dubbiseera.

Dhihoo gabaasni bahe hammi gaazii meeteenii bahaa jiru guddaa ta'u beeksise, keessumaa Gaara Fantaallee Finfinneerraa 120km fagaatee argamutti.

Jiraattoti BBC'n baatii dura dubbisees aarri guddaa mul'atuufi yaadda'uu dubbatanii turan.

Kirkirra lafaa hanga 6% gahuun kan duriirraa hanga Finfinnee irra deddeebiin dhagahamaa jiruufi yaaddoo uumeef kuni maal jechuudha?

Maali wanti kuni?

Aarri kuni erga kirkirri lafaa dhibbaan lakkaa'amu namoota rifaasiseefi lammiileen 50,000 ol qe'eerraa buqqa'aan booda mul'ate.

Baatii dura Amajjii keessa yeroo aarri jabaa mul'atetti yeroo jalqabaaf gaazii kana kan arge saatalaayitii Gamtaa Awurooppaadha jedha barruun New Scientist gabaasa dhihoo baasen.

Eegasiis saatalayitiin Kaanaadaa faana dhaheera.

Naannawa Gaara Fantaallee keessumaa Amajjii 31, 2025 sa'aatii tokkotti gaazii meeteenii toonii 58 jechuunis guyyaatti metirik toonii 1,400 ta'u samiitti ol gadhiisaa ture jedhe.

Gaaziin hammanaa cileen kiloogiraama miliyoona 20 gubachuun bahun akka qixxaatuufi ho'a addunyaa faallessuu keessatti gahee qabaachuu akka malu eera.

Gaaziin meeteenii hammanaa sochii volkaanoon walqabatee mul'achuun ''waan hin baramne'' jedhu Kaanaadaa, Yunivarsitii MaakGiil irraa kan barruu kanatti kana dubbatan Joon Istiiks.

Hammi gaazii kanaa jalqaba Guraandhala, 2025 keessa xiqqaachaa adeemuu gabaasichi mul'isa. Lakkoofsi kuni garuu guddaamoo xiqqaadha?

Yunivarsitii Saayinsiifi Tekinolojii Adaamaatti hoogganaa muummee Ji'olojii akkasumas barsiisaafi qorataadha Dr Hasan Shubbee. ''Guddaadha,'' jedhan.

Maal akeeka?

Sababi gaazii kanaa garuu ogeeyyii lamatti hireera.

Namni tokkollee madda meeteenii kanaa hin beeku. Istiiks garuu salfar Daayoksaayidii qabaachuu dhabuun isaa maagmaa keessaa akka as hin baane mul'isa jechuun isaanii gabaafameera.

Yunivarsitii Saayinsiifi Tekinolojii Adaamaa Dr Hasan Shubbee immoo ''Gaazii volkaanoo keessaa Miiteniin isa tokko. Karaa itti bahu argateen bahuu ni mala,'' jechuun himu.

Wanti amma qorattoonni saatalaayitiidhaan fagoodhaa gaazii atomosferii keessa jiru faana dhahanii baasan malee waan qaamaan bira dhaqamee qoratame miti jedhu.

Amma gaaffiin ijoo gaaziin kuni maal akeeka isa jedhudha.

''Bakkee kanatti kirkirri haa uumamu malee hanga ammaa volkaanoon hin dhoone. Haala amma deemamaa jiruun dhoo'insi uumamuu mala kan jedhu akeeka.

''Fakkeenyaaf amma qabiyyeen gaazii meeteenii dabalu kuni lafa keessaa maddi isaa achi dhufuu isaa agarsiisa.

''Achi dhufu qofa osoo hin taane dho'insi ni shakkama, dho'uu danda'a kan jedhu agarsiistuun isaa,'' jechuun BBC'tti himan.

Yunivarsitii Finfinnee, Inistitiyuutii Ji'ofiziksii, Ispees Saayinsiifi Astironoomiitti qorataa kan ta'an Dr Eliyaas Leewii garuu yaada biraa qabu. Madda isaa baruuf qorachuun akka barbaachisu himu.

Dr Eliyaas gama isaaniin gaara Fantaallee gubbaa gaaziin meeten mul'achuu himu. Ta'us, kuni ''qorattoota kan bitaa wallaalchisedha,'' jedhu.

''Yeroo baay'ee meeteen bishaan ho'aa wantoota orgaanikii kanneen jennu jiru isaan waliin yeroo wal argu waan uumamu jira.

''Bakka kanatti garuu hin eegdu maagmaa waliin wal hin qabatu meeteen uumamuun isaa Fantaalleetti.

''Sababa kanaa gaaziin meeteen maaliif uumame inni jedhu bitaa nu galera. Kaarboon daayoksaayidiinis mul'ateera. Innillee waan barame,'' jechuun BBC'tti himan.

Tarii, volkaanoon uumamuuu danda'a jechuun hayyuuleen dubbatan jiru. Dhimma kanarratti yaada isaanii gaafanne.

''Yeroo baay'ee meeteen kallattiidhaan volkaanoo waliin walqabata. Garuu bishaan lafa jalaa gajjallaattii dhagaan baqu isa ho'isee haalaan ni ukkaamfama.

''Yeroo sana lafa keessa gosa dhagaa garagaraatu jira. Yoo qabiyyee orgaanikii kan qaban jiraatan isaan waliin bishaan ho'aa walitti dhufee gara lafaa yeroo ol dhufu ta'u danda'a,'' jechuun himan.

Dabaluunis, Fantaalleerratti wanti mul'ate waan babal'atu osoo hin taane waan bakka tokkotti walitti qabamu wayiitu mul'ate jechuun dubbatu.

''Kana jechuun gad bu'aa jira jechuudha. Yeroo kun ta'u gaaricharratti lafi babbaqaqee mul'ateera.

''Karaa lafa baqaqe sanaan tarii qilleensi danfaa waan baheef gaaziin waliin bahe ta'uu danda'a tilmaama jedhutu jira.''

Garuu qaamaan lafarra argamanii qorachuun akka barbaachisu himuun ammattii garuu sababi kanadha jechuu kennuu hin dandeenyu jechuun BBC'tti dubbatan.

Yaadda'uu qabnaa?

Qorannoon dabalataa barbaachisa ilaalcha jedhu sanaan Dr Hasaniis ittiin waliigalu. Qaamaan dhaqamee saamudi akka fudhatamee qoratamuu akka qabu dubbatu.

Dr Hasan volkaanoo akeeka akka jedhaniif garuu wanti sababa ta'e waan kana dura mudataa turerraa ka'aniiti.

''Bara 2011 (ALA) Naannoo Affaar kanatti kirkirri lafaa irra deddeebiin mudataa erga ture booda volkaanoon uumame,'' jechuun ibsan.

Volkaanoon dhufaa akka jiru agarsiisa jettan, isa dura kirkirri lafaa akka mudatu ykn yeroo hangamii akka turu waan himu qabaa? Dr Hasan deebii qabu.

''Yeroo akkanaatti, yeroo hamma kanaa keessatti, guyyaa akkanaa uumamuu danda'a dho'uu danda'a jedhamee akeekuun ni ulfaata.

''Garuu, haalonni mul'atan dho'insi uumamuu ni mala kan jedhu agarsiisu.''

Volkaanoon yeroo maal ta'u?

Gaaziiwwan volkaanoo baay'ee miidhaa fayyaarratti qaban jiru jedhu.

Amma osoo hin taane gaafa dho'ee bahu qabiyyeen gaazichaa waan guddatuuf fayyaarratti rakkoo geessisuu danda'u.

Meeteen qofa osoo hin taane salfar gaazii garagaraa eeran.

Volkaanoon yeroo maal ta'u? Gosa sadiidha jedhu Dr Hasan.

Tokko dhagaan baqee akkuma bishaanii lafarra yaa'udha. Inni kan biraa dhagaa caccabsee bifa caccabaatiin atmosferii keessa ol dhoosee lafatti gad deebi'a jechuun ibsu.

Kuni tullu xixiqqoon akka uumamu maddallee ta'u danda'e. Kan baay'ee baraman lamaan kana jedhu.

Inni sadaffaafi ''baay'ee salphaa'' ta'e isa hurka bishaanii lafa keessaa yeroo dhoosutti akka ta'e himu.

Fantaalletti volkaanoon dho'ee beekaa?

Naannoo suluula qinxamaa yeroo adda addaa volkanoon uumamuu dubbatu.

''Fantaallee mataan isaayyuu kanaan dura volkaanoon uumameera, Doofanis [Naannoo Affaaritti argama] akkasi,'' jedhu Dr Hasan.

''Akkasumas gara kibbaa yeroo gad deemnu Gadamsaa, Alutoo, Booraa Barrichaa, Korbeettii, jedhaa hamma Arbaa Minciitti deema. Gaarawwan amma jedhe kunniin volkaanoorraa uumamani.''

Gaarumti Fantaalle irra keessa volkaanoo ''waggaa dhibba hin caalle qaba'' keessatti dhohee akka ture dubbatan.

Sababa kanaaf, kirkirri lafaas volkaanoonis naannoo suluula qinxamaa kana baramaa ta'uu dubbatu.

Volkaanoo Itoophiyaatti

Volkaanoon yoo dhohu hanguma balaa qabu carraa fidus qabaachuu mala keessumaa albuuda gadi fagoo jiran as baasuutiin.

Akkasumas carraan ji'otarmaalii jechuunis hurkaan annisaa maddisiisuu jiraachuu danda'a.

Yeroo xumuraaf Itoophiyaa keessatti vilkaanoon kan mudate waggoota dhihoo dura ture, akka Dr Hasan jedhanitti.

ALI Bara 2005 Naannoo Affaar bakka Dabaa'u jedhamutti akkasumas ALA bara 2011 daangaa Itoophiyaafi Ertiraa bakka Na'aabroo jedhamutti dhohuu dubbatu.

''Ergasii as dho'insi uumame hin jiru. Kirkirri lafaa yeroo hedduu uumamee beeka.''

Gama kaaniin Affaar, Ertaalee bakka jedhamutti sochin volkaanoo guyyuu jira. 'Haroon dhagaa dhangala'e' guyyuu mul'ata jedhu. Inni volkaanoo si'ataadha.

Odeessaafi xiinxala biroof BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.