'Israa'el gufuu nagaa Baha Giddu Galeessaati' jedhan Erdogaan

Madda suuraa, Getty Images
Haleellan Israa'el Iraan irratti gaggeessite mariin dhimma nikularaa ilaalchisee Iraanii fi US gochaa turan akka fashalaa'uuf ta'uu pirezidaantiin Tarkii Raasip Xaayib Erdogaan himan.
Israa'el Iraan irratti haleellaa kan gaggeessite, US fi Iraan dhimma sagantaa gabbisa nikularaa Iraan irratti marii marsaa 6ffaa Omaanitti gaggeessuuf yeroo jedhanitti ture.
Haleellicha hordofuun Iraan marii marsaa 6ffaa US waliin akka hin teenye beeksifte.
Pirezidaantiin Tarkii walgahii dippiloomatotaa har'a Istaanbulitti gaggeeffamaa jiru irratti yeroo haasaa taasisaniidha, kaayyoon haleellaa Israa'el marichi akka hin milkoofne danquuf ta'uu kan beeksisan.
Dabaluunis, Israa'el Baha Giddu Galeessaa keessatti "gufuu nagaa isa guddaadha" jechuun dubbatan.
Marii dhimma walitti bu'iinsa Iraanii fi Israa'el ilaalchisee Tarkiitti gaggeeffamaa jiru kanarratti ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii hirmaachuuf argamanii jiru.
Pirezidaant Erdogaan haasaa taasisaniin, Israa'el cimsanii kan balaaleffatan yoo ta'u, mootummaan Netaaniyaahuu hojii "baandaa" hojjataa jiraachuu eerun, Baha Giddu Galeessaa jeequuf yaalaa akka jirus komatan.
Dippilomaatonni Awurooppaa guyyaa kaleessaa, Waxabajjii 20, magaalaa Jeneevatti Iraan wajjin marii gaggeessanis, mariinsaanii bu'aa qabatamaa hin agarsiifne.
Biyyoonni Awurooppaa Iraan sagantaa gabbisa nikularaa taasiftuun yuraaniyeemii gabbisuu guutummaan akka dhaabdu, sagantaa nikularashee ejansii nikulara UNtiif banaa akka gootu akkasumas US waliin marii eegalte akka itti fuftu gaafatanii turan.
Iraan garuu marii itti fufuuf fedhii qabaachuu ibsitee, garuu osoo haleellan irratti gaggeeffamuu mariif akka hin teenye beeksifte.
Ministiirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii kaleessa Jeneevatti dippilomaatota biyyoota Awurooppaa wajjin mariyataa erga oolanii booda har'a ammoo Organisation of Islamic Cooperation kan Turkii magaalaa Istaanbulitti gaggeeffamu irratti argamaniiru.
Walgahii ministeeronni dhimma alaa biyyoota Arabaa irratti hirmaatan kanarratti haasaa kan taasisan Pirezidaant Erdogaan, biyyoonni Musliimaa seera idiladdunyaafi tumaalee UN fayyadamuun Israa'el dhiibbaa cimaa akka godhan waamicha godhaniiru.












