'Dhukkubsattoota siree hospitaalaa keessa ciisan rasaasaan dhahaa turan'

Madda suuraa, BBC / Jon Donnison
Humnooti mootummaa Sooriyaa yeroo gosoonni lama biyyattii keessaa wlaitti bu'an hospitaala seenuun ajjeechaa jumlaa gaggeessuun himataman.
BBC'n Hospitaala Suweeyidaa daawwateera. Hojjettoonni hospitaalichaa akka jedhanitti humnoonni mootummaa biyyichaa hospitaala seenuun dhukkubsattoonni bakka ciisanitti rasaasaan haleelan.
Akeekkachiisa: Gabaasni kun waan miira keessan jeequ qabaachuu mala
Waan hundumaa dura foolii badaan reeffa hospitaalicha keessaa funyaan na dhahe.
Bakka dhaabbii konkolaataa ykn paarkiingi keessa reeffi namoota baay'ee pilaastikaan maramee tarree galee jira.
Lafti ani irra deemu ammoo dhiigaan kan guutee fi nama mucuceessu ture.
Yeroo aduun baatu ammoo fooliin reeffa hospitaalicha keessaa baay'ee ulfaata.
''Ajjeechaa jumlaati,'' hospitaalicha keessatti ispeeshaalistii yaala narvii kan tahan Dr Wisaam Masuud.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Loltoonni nagaa buusuu barbaanna jechuun as dhufan. Garuu dhukkubsattoota baay'ee ajjeesan, ijoolleetii hanga jaarsaatti ajjeesan,'' jedhan.
Jalqaba torban kanaatti Dr Masuud viidiyoo erga loltoonni mootummaa ajjeechicha raawwatanii bahanii agarsiisu naa ergee ture.
Dubartiin tokko viidiyicha irratti akka agarsiiftutti, kutaalee ciisichaa dhukkubsattoota keessa reeffi namoota hedduu jira. Inumaayyuu ansoolaa siree isaanii irratti uffatanii ciisaniin akkuma maramanitti dhiigaan laaqamanii mul'atu.
Namni hospitaalicha keessa hojjetu hunduu, dooktoroonni, narsoonni, fi namoonni tajaajila tola ooltummaa kennan waanuma tokko himan.
Roobi darbe halkan loltoonni mootummaa saba Diruuz irratti xiyyeeffachuun kanneen hospitaalicha keessa turan ajjeesan jedhan.
Kines Abuu Motaab hospitaalicha keessatti tajaajila tola ooltummaa kenna.
''Yakki isaanii maali? Biyya Dimokiratawaa keessatti saba lakkoofsaan xiqqaa waan tahaniifii?''
''Isaan yakkamtootadha. Waanuma ittiin isaan amannu hin qabnu,'' jedhe barsiisaan afaan Ingiliffaa Osaamaa Malaak kaniin hospitaalichaan alatti dubbise tokko.
''Daa'ima waggaa saddetii hir'ina qaamaa qabu siree keessa ciisu irratti rasaasaan mataarra rukutanii ajjeesan,'' jedhe.
'' Akka seera idil-addunyaatti hospitaalonni tiksamuu qabu. Garuu isaan hospitaala keessallee galanii nu haleelan.
Hospitaala seenan. Namuma argatan hundaa rasaasaan haleeluu jalqaban. Dhukkubsattoota siree keessa ciisan irratti haleelan.''
Walitti bu'insa kana keessa kanneen jiran hunduu ajjeechaa raawwateef quba walitti qabu.
Loltoonni sabni Bediyuunii fi Diruuz akkasumas humnoonni mootummaa Sooriyaa namoota nagaa ajjeesuu fi ajjeechaa jumlaa raawwachuun wlaii isaanii himatu.
Ammayyuu hospitaalichatti maaltu tahe kan jedhuuf waanti ifa tahe guutummaan agarsiisu hin jiru.
Asii namoonni Roobii galgala qofa ajjeefaman gara 300 tahu jedhan.
Garuu lakkoofsa kana mirkaneessuu hin dandeenye.
Ministirri Ittisaa Sooriyaa Kibxata ibsa baaseen Magaalaa saba Diruuz kan taate Suwediyaa keessatti namoota uffata danbii humna waraanaa uffataniin ''waan rifaasisaa'' hojjetamuu quba qabna jedhe.
Jalqaba torban anaatti Ministirri To'annoo Yeroo balaa Sooriyaa, Raa'iid saalee, haleellaa qaama hundaan raawwatan hundayyuu ni qoranna na jedhee ture.
Magaalaa Suwediyaatti galuun baay'ee dhorkaadha. Ragaalee namoota irraa funaanuun ulfaataadha. Magaalittiin marfama jala jirti. Humnoonni waraanaa Sooriyaa eenyu galuu fi bahuu akka qabu to'atu.
Magaalatti galuuf sakatta'insa hedduu keessa darbuu qabna ture. Yeroo magaalittiitti seenu suuqiiwwanii fi gamoowwan gubatan argine.
Konkolaataawwan taankiidhaan rukutaman fa'aa jira. Magaalittiin waraana loltoota Diruuzii fi warra Beediyuun gidduutti gaggeeffamuun muddamteetti.
Humnoonni mootummaa akka dhukaasni dhaabbatuuf kanaaf ture kan gidduu galan.
Gandoonni saba Diruuz magaalaa Suweediyaa baay'een humnoota mootummaan qabamaniiru. Magaalaan uummata 70,000 qabdu kun ammoo to'annoo loltoota Diruuz jala jirti.
Magaalittii gadhiisnee bahuu keenyaan dura daa'ima waggaa saddetii Halaa al-Kaatib adaadaa ishee waliin teessu argine.
Fuulli ishee dhiigee ammoo baandeejiin marameera. Ija ishee waan dhabdeetti natti fakkaata.
Mana isaanii keessa dhokattee bakka jirtutti loltuu tokko ol seenee rasaasaan mataa keessa akka ishee haleele natti himte.
Daa'imni kun waan tahe hundaa ammayyuu hin barre. Garuu haati ishee fi abbaan ishees ajjeefamaniiru.












