Xiyyaar-samiin dhaabbata Elon Mask qorattota hawaa keessatti danqaman deebisuuf gara hawaa ergamte

 Saanii Wiiliyaams fi Baach Wilmoor

Madda suuraa, NASA

Qorattoota hawaa lama baatii sagal dura torban tokko keessatti deebi'uuf karoorfatanii NASA irraa gara hawaa imalanii ture.

Garuu Buufata Qorannoo Hawaa Idil-addunyaarratti erga ga'anii booda achitti danqamanii baatii sagaliif gara lafaatti hin deebi'in jiru

Xiyyaarri hawaa (mankuraakuriin) SpaceX jedhamtu Qorattoonni hawaa lama Saanii Wiiliyaams fi Baach Wilmoor jedhaman Waxabajjii 2024 ture gara hawaa imalanii hin deebi'in jiran deebisuuf ergamte.

Xiyyaarri Hawaa kun garee ogeeyyii haaraa kan fe'atte yoo ta'u, achi geessee guyyaa lammaffa isheetti qorattota lamaan baati sagaliif turan kana dabalataan qabattee gara lafaatti deebiti jedhamee eegama

Qorattootni Saanii Wiiliyaams fi Baach Wilmoorhojii ajaa'ibaa hojjetaniiru. Nagaadhan gara lafaatti isaan deebisuu keenyatti baay'ee gammadna gammadna" jedhan Steve Stich, itti gaafatamaan kutaa daldalaa NASA.

Qorattootni biroo Raashiyaa, Jaappaan fi Ameerikaa irraa walitti baba'an bakka isaanii bu'uun qorannoo hawaa kana gageessuu itti fufu jedhameera.

Hoggantuun Sagantaa Buufata Hawaa Idiladdunyaa (ISS) Daanaa Wehigel qorannoo ji'a sagaliif ture qabachuun imalli gara lafaatti deebi'uu akka jalqabu beeksisaniiru.

"Wanti guddaan qilleensi akka tasgabbaa'udha. Haalli mijataan yoo jiraate imalli ni jalqaba," jetti.

Qorattootni kunneen hojii ji'oota sagaliif hojjechaa turan namoota haaraa gara hawaa deemanitti dabarsuudhaaf qophaa'aa turan.

Suni Wiiliyams hawaa keessa jiraachuun ishee ''bakka gammachuu'' jechuun ibsiti.

Madda suuraa, NASA

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''As jiraachuu kootti gammachuun natti dhagahama,'' jechuun namoota lamaan achi turan keessa Sanii Wiiliyams waa'ee turtii ishee dubbatteetti.

"Torban tokkoof deemanii ji'ootaaf hawaa keessa turuun salphaa miti. Jireenya maatii irrattillee dhiibbaa uuma," jedhu Yunivarsiitii Oppen keessa kan hojjetan Dr Siimoon Barbar.

Ogeeyyiin lamaan kun ji'a Waxabajjii bara 2024 keessa ture gara hawaatti mankuraakurii addunyaa irratti damee kanaan Space X waliin dorgomaaa jiru Booyingin kan imalan.

Haa ta'u malee rakkoo teeknikaa Booyingi mudateen karoora isaanitiin ol gara waggaa tokkotti dhiyaatuu kana turuuf dirqaman.

Haaluma kanaanis NASA'n qorattootni kunneen milkaa'inaan gara lafaatti deebisuuf murteesse.

Kanaanis Mankuraakuri achii lafatti isaan deebisu kan Booyingi utuu hin taane kan SpaceX irratti erguuf murteessera.

Boying ammoo murtoo NASA kana kan mankuraakurii morkataa isaan akka gara lafaatti deebifaman murteessu isaan mufannaa akka qabu ibseera.

Mankuraakuri Dhaabbata Booyingi

Madda suuraa, NASA

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp fi hogganaan SpaceX Elon Mask qorattoota hawaa keessatti gatan jechuun booyingiqeeqaniiru

''Guyyoota saddeetiif deemanii guyyaa 300 turaniiru,'' jedhan Tiraamp. Elon Mesk ammoo"Sababa siyaasaatiin achitti dhiifaman" jedhe.

NASA'n garuu qorattoonni kunneen akka hin gatamin fi dhimmoonni teeknikaa tilmaama keessa galchuu qaban akka jiran ibseera.

"Filannoo hedduu ilaalle. Filannoowwaan heedu keessaa isa gaarii fudhanne," jedha ogeessi NASA Steve Stich.

Hoggantuun Muuziyeemii Saayinsii Hawaa Landanitti argamu Dr. Liibii Jaaksan yaada ogeessa NASA kanaan walfakkaatu qabu.

"Nageenyi Saanii Wiiliyaams fi Baach Wilmoorhojii yaaddoo guddaadha. NASAn murtee kana kan murteesse sababa teeknikaa dirqisiisaa ta'een. Nagaadhaan lafa irratti akka deebi'an arguuf hawwii guddaan eeggadha," jette.