Magaala xiqqoo fannoo sibilaa hatuuf awwaala diiguun itti hammaate

Baha Taanzaaniyaa magaalaa xiqqoo Morogoro jedhamu keessa awwaalchi diigame lakkoofsa hin qabu.

Mallattoofi wantootni siidaa ykn bakka awwaalchaarra kaahaman kaan mancaafamanii kaan ammoo hatamaniiru.

Iddoo awwaalchaa tokkicha kan mana qopheessaa magaalichaatti qofa awwaalchi 250 diigameera.

Yakki kun irra hedduun galgala wayita eegdotni hin jirre raawwatama.

Gochaan kun maatii namoota jaalatan dhabaniif kan onnee cabsudha.

Pudensiyaanaa Chumbii waggoota 20 ta'aniif ji'atti yeroo tokko bakka awwaalchaa mucaashee dubaraa fi harmee ishee deemtee daawwatti.

Haata'u malee waggoota darban awaalchi namoota jaalattu lamaan kanaa irra deddeebiin diigameera.

Kan jalqaba mancaafame awwaalcha harmeeshee bara 2000 lubbuunsaanii darbeeti. Bara 2021 awwaalcha isaanii diiguun fannoon jalaa hatame bakka buusuun danda'amee ture.

Booda awwaalcha mucaashee dubaraas hireen walfakkaataan mudate. Mucaanshee dubaraa bara 1997 umriishee waggaa 15tti duute.

Fannoo mucaashee dubaraa bakka buusuuf osoo yaadduu kan harmeeshee haaromee turemmoo deebi'ee hatame.

Fannoo sibiilaafi mallattoolee iddoo awwaalchaa kaahaman hatuun kutaa biyya Taanzaaniyaa kana keessatti kan hammaate gatiin caccabaa sibilootaa dabaluu wajjin walqabateeti.

Chumbiin namootni kana raawwatan namoota namoota hunda gaddisiisaa jiru waan ta'eef abaaramoodha'' jetti.

''Amma namootni dargaggoonni tokko tokko halkan bakka awwaalchaa keessumaa siidaa qabu eeguuf maallaqa gaafachaa jiru'' jetti.

Iddoowwan awwaalchaa afata seraamikii qaban hatamanii afatichi waan gurguramuuf eeggannoo barbaadaniiru.

Obboleessi Chumbii gama isaan ''kun hedduu badaadha...iddoowwan safeeffamuu qaban kunniin akkasitti gochi badaan yeroo irratti raawwatu baayyee nama dhukkubsa'' jedha.

Hanni kun namoota gariiniif maallaqa argachuun hangam takka qormaata akka ta'e agarsiisa. Yakkitootni iddoo safeeffamurraa namaasu cabsanii sibiila guuran kun sibiila kg tokko shilingii Taanzaaniyaa 700-870 ( hanga $0.34) gurguru.

Maallaqni kun guddaa ta'uu baatus gabaa naannoorraa hirbaata bituu ykn dhugaatii aalkoolii manatti tolfame bituu danda'a.

Warri sibiila bitanimmoo osoo hin gaafatiin bitu. Namootni hanna kana irratti hirmaatan jalqaba fannoo hatan iddoo sibiila caccabsan geessanii booda gara warra sibiila bituu deemu.

Namni daldala sibiilaa keessa hojjetu tokko bara 2023 keessa nama bakka awwaalchaatii fannoo saamee gurgurachuu dhufe qabsiisuu booda hanni kun hir'isuus deebi'ee hammaachuu hima.

''Duraan fannoodhuma sana fidanii dhufu ture. Nama tokko gara Poolisii erga geessinee booda hidhaa waggaa sadiifi walakkaan adabamee'' jedha namni Iziree Ramadihaanii jedhamu.

Hattootni fannoo qofa osoo hin taane afata seraamikiifi marbilii akkasumas mallattoolee biroo iddoo awwaalchaarra jiran hatanii namatti gurguratu.

Warri meeshaalee akkasii bitan eessaa akka dhufe akka hubatan gochuuf hojjetamaa jira jedhu aanga'ootni.