Fuduraalee qola isaaniis soorachuun gorfamu kanneen beektuu?

Qola muuzii, burtukaanaa fi fuduraalee fi muduraalee kaanii gatuurra soorataaf oolchuun akka danda'ama'u gorsa saayinsiin. Akka qorannoon jedhuutti fuduraaleefi koduraalee qillisaanii bu'aa olaanaa qaba.

Akka aadaa ta'e qola muuzii nyaachuun hin baramne. Baayyeen keenyas qolasaa gannee keessuu isaa qofaa sooranna.

Garuu qola muuzii yeroo gannu qaama silaa soorachu qabnu keessaa harka sadii keessaa tokko akka dhabnu hima saayinsiin.

Qolli muuzii akkuma kuduraalee fi muduraalee hedduu kaaniitti kan nyaachuu qabnu ta'usaatiin alattis, qabiyyee soorataa barbaadaachisaa kan of keessaa qabudha.

Fakkeenyaaf, burtukaana tokko keessa %20 qola isaati.

Qorannoon bara 2018tti Awurooppaatti hojjatame tokko akka jedheetti, qola burtukaanaa naannoo toonii miliyoona 15.1 kan silaa soorata ta'u qabaatu balfaa ta'e gatameera.

Kunis bineensa addunyaarratti isa hunda caala guddaa 'blue whale' jedhamu 80,000tti dhiyaatuun walgita.

Fuduraan Kiwii jedhamu tokko keessaa ammoo dhibeentaan 9 hanga 13 qolasaati. Fuduraan Roomaan jedhamus akkasumas qollisaa faayidaa qaba.

Addunyaarratti waggaa waggaatti nyaanni faayidaarra oolfamu qabu keessaa harka sadii keessaa tokko ni bada ykn ni gatama. Kunis waggaatti soorata toonii biiliyoona 1.3ti.

Nyaanni gatamuu fi qisaasamu kunis gaasii qilleensa baramaa addunyaa faalan keessaa %8 kan ta'u gumaacha. Kun ammoo faalama aara karaa balalii xiyyaaraatiin gadii famu dachaa sadii ta'a.

Nyaanni bakka balfaan itti kuufamutti gataman ammoo, gaasii kaarboon daayi'oksaayidii harka 80'n caala sumaa'aa; meetenii jedhamu qilleensatti gadhiisa.

Kanaafuu nyaataa gara bakka kuusaa balfaatti gatuurra, kompostii gochuun fayyadamuun hanga meeteenii gara qilleensaatti gadhiifamu hir'isuuf ni gargaara.

Garuu wanti nuti akka balfaatti yaadnu gannuu baay'een isaa guutummaatti nyaatamuu kan danda'amudha.

Industirii nyaataa, qola gaturraa kaayyoowwan gara biraarra oolchuu eegaleera. Soorataa fi anniisaa qola fuduraalee keessa jiru sirnaan fayyadamuuf yaalamaas jira.

Garuu mana keenya keessatti qolli akka hin qisaasameef fayidaarra oolchuf maal gochu dandeenya.

Mee karaawwan ittiin qola fuduraa fi kuduraa gatamu fayidaaf oolchuun danda'aman kanneen dubbisaa.

Qola burtukaanaa

Qola burtukaanaarraa soorata qopheessun ni danda'ama. Innis erga murmuruudhaan daqiiqaa 10f affeelama. Isaan booda qola burtukaanaa kana bishaan qorraadhaan dhinbiibdu.

Kana yeroo sadiif irra dedebiin kan raawwattan yoo ta'u, dhandahamni hadhaawaan qola birtukaanaa akka badu taasisa.

Isaan boodas sukkaaraa fi bishaaniin makuudha. Haala akkasitiin qola birtukaanaa irraatti waan nyaataatti dibatamu kan akka 'Maalmaalaataa' hojjachuun ni dana'ama.

Kana malee qola birutkaanaa irraa cuunfaa fi shorbaan ni hojjatama. Akkasumas bakki nyaataa itti qopheessinu birtukaanaa burtukaana urgaa'unis bu'aa biraati.

Qola anaanaasii

Luusii Shariif dubartiin jedhamtu yeroo hunda aanaanaasii nyaachuun akkas qisaasessuutti lakkoofti. Kan nyaatamurra kan gatamutu baayyata fakkaata jetti.

Warri Meksikoo seena qabeessa otoo warri Ispeen biyya sanan hin qaqqabiin dura dhugaatii 'Tepache' jedhamu qabu.

Dhugaatiin kun qola anaanaasii akka balfaatti gatamullee otoo hin hambsiin hundasaa fayidaaf oolcha. Akka dawaatti ilaalama.

Dhugaatii kana akka salphaatti qopheessuutu danda'ama.

Adeemsa raacitaa'u(fermentation) yeroo darbutti qabiyyee alkoolii dhiibbeentaa tokko ta'u ni qabaata.

Dhugaatiin kun adaduma turu qabiyyeen alkoolisaatii ni dabala. Qolli anaanaasii fayidaa kanaaf ni oola.

Qola jinjibilaa

Qolli jinjibilaa yeroo heddu akka balfaatti gatama. Garuu qolli jinjibilaa kompaawundoota akka dawaatti tajaajilanii fi farra jarmoota ijaan hin mul'annee fi farra kaansarii ta''an of keessaa qaba.

Qolli jinjibilaa faayiberii, vitaaminoota, kaalsiyeemii fi qabiiyyee fayyaa keenyaaf barbaachisan biroo of keessaa qaba.

Kanaaf jinjibila akkuma jirutti itti gargaaramuutu gorfama.

Akaakuun dabaaqulaa afaan Ingiliziitiin 'Butternut' jedhamu yeroo heddu qolli irraa baafametu soorataaf oola.

Haa ta'u malee qolliisaa soorataaf ni oola.

Gosti soorata dabaaqulaan walitti dhiyaatu kun faayibarii fi qabiyyee viitaaminoota fayyaa keenyaaf barbaachisan biroo of keessaa qaba.

Akkasuma qolli shunkurtii keemikaala filaavinooyid jedhamu of keessaa qaba.

Keemikaalli kun amala farra gubaatii qaamaa fi akka dawaatti tajaajilu qaba.