Itoophiyaan bara dhufurraa eegalee boba'a guutumatti baabura qofaan gara biyya keessaatti fe'uuf

Baabuura Itoophiyaa

Madda suuraa, Ethio Djibouti Railways S.C

Itoophiyaan bara haaraa dhufu irraa eegaluun boba'a biyya alaatii gara biyyaatti galchitu guutumatti baabura qofaan geejjibsiisuuf ta'uu waldaan Aksiyoona daandii baaburaa Itiyoo Jibuutii BBC'f mirkanneesse.

Daandii baaburaa Itiyoo Jibuutiitti hoggantuun damee Qunnamtii Uummataa Aadde Munaa Ahimad BBC Afaan Oromootti akka himanitti, bara itti aanurraa eegaluun konkolaattonni boottee buufata Jibuutii irraa boba'a fiduu ni dhaabu.

"Bara itti aanurraa eegalee boba'a gara biyyaa seenu guutumaan guutuutti baaburaan geejjibsiisuuf haaldureen xumuramaa jira. Kan hafu Jibuutiitti hojii sarara walqunnamsiisuuti. Isaan ala Awaashitti bakka kuusaa fi bu'uuraaleen barbaachisan xumuramaa jiru," jechuun ibsan Aaddee Munaan.

Tajaajilli boba'a geejjibsiisuu baaburaan taasifamu kun buufata doonii Jibuutii irraa hanga kuusaa boba'aa Awaashitti kan taasifamu akka ta'es dabaluun himan.

"Baaburri Jibuutii irraa fe'uudhaan hanga kuusaa boba'aa Awaashitti geejjibsiisa. Sanaan booda ammoo konkolaattota bootteetiin gara kutaalee biyyattii adda addaatti rabsama," jechuun bootteewwan isaan booda Jabuutii osoo hin taanee buufata boba'aa irraa akka geejiban himan.

Aaddee Munaan, waggaa tokko keessattis boba'a toonii miliyoona 4.2 baaburaan gara biyyaatti geejjibsiisuuf haalduree xumuraa jiraachuus dabaluun eeran.

Daandiin aaburaa Itiyoo Jibuutii taankaroota baaburaa kan boba'a fe'an 106 akka qabuu fi taankaroota dabalataa 276 ammoo bittaarra kan jiran waan ta'eef waliigala taankaroota 382 tajaajilli kun kennama jedhan.

Tajaajilli boba'a baaburaan geejjibsiisuu kun yeroo fe'iisaa konkolaattota bootteen taasifamurraa haalan fooyya'e akka ta'us daluun himu Aadde Munaan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Yeroo ammaa kana konkolaataan boottee Jibuutii irraa boba'a fiduuf guyyoota ja'aa hanga saddeetii itti fudhata. Tajaajilli baaburaa kun yeroo jalqabutti ammoo yeroo fudhatu kana gara sa'aatii 18 gadiitti hir'isa," jechuun ibsan.

Saffisni baaburoota Waldaa Aksiyoona Itiyoo Jibuutii ammaan dura sa'aatitti kiiloo-meetira 30 ture yeroo ammaa gara sa'aatitti kiiloo-meetira 60tti guddachuu fi fuula duratti ammoo gara kiiloomeetira 80tti guddisuuf hojjetamaa jiraachuus dabaluun eeraniiru.

Baaburoonni saffisa ammaan dura turerraa daran saffisa dachaan waan imalaniif hawaasni naannawa daandii baaburaa jiru of eeggannoo taasisu akka cimsu hojiin hawaasa hubachiisuu hojjetamuus himan Aadde Munaan.

Tajaajila baaburaan boba'a gara biyya keessaatti geejjibsiisuu kanaaf dhaabatichi guyyaatti baaburoota 10niin hojii deddeebisa boba'aa kana akka hojjetus himan.

Kana malees tajaajilli baaburaan geejjibsiisuu kun sa'aatii qusachuun alatti rakkoo dhiheessii boba'aa amma biyya keessatti mul'atu akka furuufi baasiiwwan dabalataa yeroo konkolaattotaan deddeebifaman haala guddaan kan hambisu akka ta'es eeru.

"Amma biyya keessatti hanqinni dhiheessii boba'aa ni mul'ata. Konkolaataan guyyaa ja'a yookan saddeet turee boba'a biyya keessaan gaha. Baaburri yeroo guyyaa tokko hin guunnetti fida. Kun yeroo qusachuudhaanis baasii qusachuudhaanis jijjiirama qabatamaa fida" jedhan.

Bara itti aanu yeroo boba'aan guutumatti baaburaan gara biyya keessaatti geejjibsiifamu gatiin biyya keessatti boba'aan liitiraan itti gurguramu akka hir'isus abdatameera.