Humni Ibsaa Itoophiyaa dhaabbileen daataa maayinig birrii bil. 28 argamsiisan "adeemsaan akka bahanan" jedhe

Kuusaa humna ibsaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Ethiopian Electric Power

Humni Ibsaa Itoophiyaa bara bajataa 207 keessa kampaaniiwwan Data Maayining birrii biliyoona 28 ol argamsiisan, "adeemsa keessa akka bahan gochuuf fedhii akka qabuufi kanaan boodas kapmaaniiwwan Daataa Maayining haaraatiif hayyama akka hin kennine beeksise.

Dhaabbatichi birroo biliyoona 75.4 bara baajataa dhume kana keessa argate keessaa maallaqni kampaaniiwwan Daataa Maayining irraa sassaabame gahee dhibbentaa 38 akka qabu himeera.

Maallaqni damee kanarraa argame galii waliigalaa dhaabbatichaa keessaa gahee caalu kan qabate yoo ta'u, fayyadamtoota idileerraa humna ibsaa gururuun galii argates kan caaludha.

Kana ta'ees garuu dhaabbatichi kanaan booda kampaaniiwwan daataa maayining haaraaf hayyama akka hin kennineefi kanneen jiranis "adeemsa keessa akka bahan" dhiibbaa taasisuu fedhii akka qabus ifa godheera.

Dhaabbanni mootummaa humna ibsaa bu'uura misooma adiriirsuufi jumlaan gurguruutti bobba'e kun, kana kan beeksise ibsa gaazexeessitootaaf Hagayya 07, 2025 raawwii isaa bara bajataa A L I 2017 fi karoora 2018 ilaalchisuun kennerratti ture.

Bara baajataa xumurama ajiru kana keessa gurgurtaa humna ibsaafi galiiwwan maddeen gara garaarraa galiin argame birrii biliyoona 75.4 akka ta'e ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul'isa.

Humni Ibsaa A L I bara 2017 galiin argate kan bara darbe birrii biliyoona 27 ure waliin yeroo ilaalamu birrii biliyoona 48 ni caala. Bara baajataa xumurama ajiru kana keessa sharafa alaan dolaara miliyoona 338.7 kan argate yoo ta'u, kan bara darbee dhibbentaa 135n akka caalu ibsameera.

Dhaabbatichi galiin isaa dachaa lamaa oliin gudachuuf akka sababaatti dhimmoota eeraman keessaa taarifni akka fooyyeefffamu taasisuudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sababoonni biroo lama ammoo dhaabbatichi waggoota dhiyoo as kampaaniiwwan daataa maayining humni ibsaa itti gurguratuun kan wal qabatanidha.

"Daataa maayining fi gurgurtaan humna ibsaa alatti taasifamu" akkasumas, kampaaniiwwan daataa maayining biyya keessatti argamaniif gurgurtaan dolaaraan ta'uu isaa akka sababaatti dhimmoota ka'anidha.

Kampaaniiwwan daataa maayining waggoota dhiyoo as Itoophiyaa filannoo isaanii godhchaa kan jiran yoo ta'u, keessumaa daddabarsi maallaqa dijitaalaa kan ta'e Kiriptoo kaarensiin murteessaadha.

Kiriptoo Kaarensiiwwan warri akka Biit Kooyin daddabarsawwan mirkaneessuuf (verify) hojii kampaaniiwwan kanneeniiti.

Kampaaniiwwan kunneen ddeemsa 'Daataa Maayining' jedhanii waaman kana raawwachuun, yeroo ammaa gatiin isaa baayyee kan dabale Biit Kooyin bifa kaffaltaatiin akka argatan isaan dandeessisa. Adeemsa kana raawwachuudhaaf siistemiin kompiitaraa fayyadaman ammoo humna ibsaa guddaa ta;e kan gaafatudha.

Humna ibsaa daataa maayiningiif gargaaru

Madda suuraa, Ethiopian Electric Power

Anniisaa elektirikaa gatii xiqqaadhaan kan dhiheessitu Itoophiyaan sababa kanatti kubbaaniyyaawwan kunneeniif iddoo filatamtuu taateetti.

Eeyyama investimantii fi ulaagaalee murteessoo ta'an kaan kan guuttatan kaampaaniiwwan maayiniingii 25 anniisaa argachuuf waliigalteerra ga'uu Humni Ibsaa Itoophiyaa Guraandhala darbe beeksisee ture.

Jaarmiyaaleen kunneen anniisaa elektirikii argataniif kaffaltii kan raawwatan doolaaraan akka ta'es ibsameera.

ALI bara 2016 keessa galiin doolaara Ameerikaa miiliyoona 27 ta'u kaampaaniiwwan Daataa Maayiniingi irraa argameera.

Bara baajataa xumurame kana (2017) galiin kaampaaniiwwan kunneen irraa argamu akkaan dabaluun ibsameera.

Ragaan Humna Ibsaa akka mul'isutti dhaabbatichi maallaqa kaampaaniiwwan Daataa Maayiniing bara 2017 argatan keessaa qoodi isaa dhibbeentaa 39 ta'a.

Galii Humni Ibsaa Itoophiyaa maamiloota isaaf anniisaa dhiheessu irraa argatu keessaa kun dhibbeentaa 35 qabachuun sadarkaa lammaffaa qabateera.

Humni Ibsaa Itoophiyaa anniisaa elektirikii Keeniyaa fi Jibuutiif dhiheessurraa galiin argatu galii isaa waliigalaa keessaa harka 20 haguuga.

Humni ibsaa kun bara bajataa xumurame kana keessa anniisaa elektirikii gurgure keessaa dhibbeentaa 27 kaampaaniiwwan daataa maayiniing galii guddaa argamsiisaniif oolche.

Tajaajila elektirikii Itoophiyaaf kan oole ammoo dhibbeentaa 60.

Jaarmiyaan kun anniisaa daataa maayiniingiif dhiheesserraa galii guddaa argatus, kaampaaniiwwan kunneen haala amma jiraniin akka itti fufan karoora akka hin qabne Hoogganaan Humna Ibsaa Itoophiyaa Ashabbir Baalchaa ibsaniiru.

Akka ibsa Obbo Ashabbiritti daataa maayiniingiif anniisaa dhiheessuun kan jalqabe hojiiwwan hojjetan keessatti sharafa alaa barbaachisu argachuuf jecha ''karoora yeroo gabaabaa'' qabateeti.

''Daataa maayiniing irratti gaaffilee hedduutu ka'u. Inni jalqabaa gatii waliin walqabata. Gatiinsaa baayyee gadi bu'aadha. Jaarmiyaaleen as dhufanii hojjetan kanneen bakka biraa jiran waliin wal tumsuudhaani. Anniisaa wal saamu kan jedhus gaaffii biraadha,'' jedhan hoogganaan kun.

Jaarmiyaaleenis ''waggaa muraasa booda akka as hin turre'' kan dubbatan Obbo Ashabbir ''gara hojii biizinasii biraatti jijjiiramu ykn ni dhiisu,'' jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa gamasaatiin, kanaan dura dhaabbilee kanneen hawwachuuf waan dhiyeessaa ture kaasaa jiraachuu ibseera. Tilmaama kaffaltii sirreessuudhaaf ammoo murtee boordii eegaa jiraachuu kaaseera.

''Akka mootummaatti tarkaanfiiwwan sirreeffamaa fudhataa jiran hedduudha. Kanaan dura gubira irraa bilisa galchaa turan, inni akka ka'u ta'eera. Fooyya'insawwan Ministeera Maallaqaatiin taasifaman jiru. Yeroo gibira irraa bilisa itti ta'an (Taxi holiday) qabu turan, amma inni akka ka'u taasifameera,'' jechuun ibsan.

''Ammatti galmee daataa maayinig gutummaatti dhaabneera. Kana malees, waliigaltee daataa maayiniig raawwataa hin jirru'' kan jedhan Obbo Baalchaan, karoorri dhaabbatichaa ''kanneen jiran itti fufsiisuu'' akka ta'e ibsaniiru. Dhaabbileen hojiirratti argamanis yoo ta'e ''kaayyoo jajabeessuu dhabuu (discourage)'' ta'u dubbataniiru.

''Kaayyoon keenya kan jiran itti fufsiisuudha. Kana murtaa'an ammo gatii sirreessuudhaan kaayyoon keenya jajjabeessuu dhiisuu (discourage) gochuudha. Sababiinsaas daataa maayingiin yeroo baayyee inargii qofaa fayyadamu. Dabalataan humna namaa, galtee dabalaa kan hin kenniineedha'' jedhan.

''Gara fuulduraatti oppareshiniin daataa maayiniig dabalaa hin hayyamamu. Fedhiin dhaabbatichaa kanneen jiran mataasansaanii adeemsa keessa akka bahaniidha'' jechuun cimsanii dubbataniiru.

Hummni elektirikaa kana kan godhu humna elektirikaa dhiyeessu ''indistiriiwwan dadamaqina diingadee uuman'' irratti akka oolu taasisuuf fedhii waan qabuuf ta'u beeksiiseera.

Kanas ta'u garuu, dhaabbileen daataa maayinigii ganaa ''adeemsa meeshaa galchuurra turan'' waan jiraniif, bara bajataa ALI 2018tti galiin dame kanarraa argamu ni dabala karoorri jedhu abraum kaasaniiru.

Humni elektirika itoophiyaa bara bajataa 2018tti galii kana gara birria biilioyoona 109tti ol guddiisuuf karoora akka qabu ibsaniiru.

Argamni sharafa alaasaa ammo gara doolaara miiliyoona 420tti ol guddiisuuf akka karoorse beeksiiseera.