UAEn humna addaa Sudaan (RSF) deeggarti himannaa jedhu waakkatte

Madda suuraa, AFP/Getty Images
Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) humna addaa Sudaan- RSF jedhamuuf gargaarsa meeshaalee waraanaa fi maallaqaa taasisuu waakkatteetti.
Rooyitarsi gabaasa qorannoo irratti hundaa'e jechuun Guraandhala 10, 2026 baase keessatti UAEn humna addaa Sudaaniif leenjii waraanaa fi meeshaalee waraanaa adda addaa kennuun deeggarti jedhe.
Erga gabaasi kun ba'ee booda gaaffii BBCf deebii kan laatte UAEn, ''deeggarsaa meeshaalee waraanaa kamiyyuu hin taasisne,'' jette.
''Rasaasa, xiyyaarota nama maleeyyii, konkolaattota waraanaa, dhukaatuuwwan qiyyaafannoosaanii eeganii haleelan ykn meeshaalee waraanaa kaan kallattiinis ta'e al-kallattiin RSFdhaaf hin dhiheessine,'' jechuun himannaa irratti dhihaate waakkatteetti.
UAEn ibsa BBCf kennite kanaan walitti bu'uunsa keessatti akka hin hirmaannee fi hirmaachuufis karoora akka hin qabne eerteetti.
Ibsi kun dabaluun ''Yunaayitid Arab Emireetis himannaawwan bu'uura hin qabnee fi dhugaa lafa jiru ykn ejjennoo sirrii gamtaa emireetota Arabaa hin calaqqisiisne kamiyyuu ni kuffisti,'' jedha.
Waraanni Sudaan fi humni addaa RSF jedhamu erga mootummaan aangoorra jiru fonqolchamee booda ce'umsa gara bulchiinsa siiviliitti taasifamu keessatti aangoorratti waldhabuun waraanatti kan seenan bara 2023 ture.
Waraanni kan hammaate Ajajaan Humna Waraanaa Sudaan Jeneraal Abdulfattaa Al- Burhaan yeroo sana itti aanaa isaa kan ture hoogganaa RSF Jeneraal Mahammad Hamdaan Dagaaloo faana waan waldhabaniifi.
Yeroo sanarraa eegalee biyyattii to'achuuf waraanni hooggantoota waraanaa kunneen durfamu adda citee hin beeku.
Biyyattii keessatti waraanni dhaabbatee nageenyi waaraa akka jiraatuuf tattaaffiin US fi Sa'uudii Arabiyaan taasisan akkasumas yaaliin Gamtaan Afrikaa fi IGAD taasisaa turan hin milkoofne.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) Sudaan keessatti waraanni waliinii akkaan hamaa ta'e dhiittaa mirga namoomaa fi jeeqamuu hawaasaaf sababa ta'uu ibseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka gabaasa UN fi jaarmiyaalee gargaarsaa idiladdunyaatti erga waraanni kun eegalee hanga ammaatti namoonni kuma kurnaan lakkaa'aman du'aniiru.
Lammiileen biyyattii miiliyoona 14 ta'an waraana kana dheessuun qe'eesaaniirraa buqqa'anii gara Masirii, Chaad, Liibiyaa fi Sudaan Kibbaatti baqataniiru.
Waraanni kun uummata Sudaan hedduu gara beelaatti galchuu UN gabaaseera.
Dabalataan namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman yaaddoo beelaa akkaan hamaa ta'e keessa jiraachuu kan ibse UN, deeggarsi meeshaalee wal'aansaa fi kaanii namoota gargaarsa barbaadan bira ga'uu hin dandeenye jedhe.
Gareen wal waraanan lameenuu biyyoota alaarraa tumsa argataniin of cimsaa turan, ammas itti jiru.
Kun ammoo waraanni akka hammaatuu fi lolli kun gara biyyoota ollaattillee akka babal'atu taasiseera.
Rooyitarsi gabaasa isaa keessatti Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) meeshaalee waraanaa fi maallaqaan humna addaa Sudaan- RSF tumsuu ibse.
Waraanni Sudaan kanaan dura UAEn meeshaalee waraanaa RSF'f dhiheessiti jechuun himatee ture.












