Tajaajilli ibsaaf bishaanii Walisootti torban 3'f adda cite yaaddoo uume

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasaa
Magaalaa Walisoo dabalatee magaalota Godina Shawaa kibba lixaa heddu keessatti tajaajilli bishaanii fi ibsaa erga addaan citee torban sadiitti dhiyaachuu fi rakkoo kun isaan yaadessuu jiraattootni BBC tti himan.
Magaalaan Walisoo magaalaa dhagaan bu'uraa qofti kaa'amee misooman dagatamteedha kan jedhan jiraattootni, rakkoon amma muudate kuni Magaalittin buufata ibsaa of danda'e dhabuu fi buufata Walqixxee jiru irraa fayyadamaa turteen kan wal qabate ta'uu eeru.
Obbo Lamma Abdii jaarsa biyyaa magaalaa Walisoo jiraatan yoo ta'an, buufatni ibsaa Magaalaa Walisoo kanaan dura ture sababa hin beekamneen achirraa akka kaafamee ture yaadatu.
Kanaanis Walisoo fi magaalotni biroo naannawa sanaa buufata ibsaa kan naannawa Walqixxee jirutti akka fayyadaman taasifamuu fi sababa 'miidhan irra ga'e' jedhameef rakkoof saaxilamuu himu.
'Bufatni akka ijaaramu lafti qophaa'ee mootummaan baajata hin qabuu nuun jedhan, sun achumaan hafe'' jechuun haala jiru ibsu.
''Warri humna qabu suuqidhaa bitatee dhugaa warri hin qabnemmoo baay'ee rakkataa jira. Ibsaan hin jiru taanaan tajaajilli hedduun ni dhaabata, tajaajilli Waajjiratti ummataaf kennamu, kan daldalaa, baankii, akkasuma bishaanis ibsaa waliin baduun rakkoon kun daran akka hammaatu tasise'' jedhu.
Amaa gatiin bishaan dhugaatii,nyaataa fi tajaajila fayyaa dabaleera. Bakka ibsaa fi bishaan hin jirretti nyaata bilcheeffachuun baayyee rakkisadha. Amma erga torban lamaan jimaata darbee akkasitti jirra, namnimmoo nyaatu malee hin jiraatu jedhu''
Waliso hangafa turee amma garuu hojii misooman qixxisuu ta'eera. Waanti jalqabame jira. Garuu indastrii gurguddaan dhabamuun duubatti nu hambiseeras jedhan.
''Pirojeektii jalqabamee waggaa 13 ol turetu jira. Kun rakkoo mootummaan dheebuu ummatni keenya qabu furuuf itti xeeyyaffachuu qabu jennee gaafanna''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jiraataan Magaalichaa biraa maqaan isaa akka hin eeramne gaafate, ''sababa ibsaaf bishaan badeef rakkoo hamaa keessa jirra'' jedhu.
Namootni bishaan lagaa dhugaatiif oolchaa akka jiranii fi kun ammoo yaaddoo weerarri dhibee ka'uu mala jedhu akka qaban dubbatan.
Kanneen humna fageenya deemanii warabbachuu fi suuqirraa bitachuu hin qabne dheebuudhaan rakkachaa jirachus himan.
Gatiin nyaataaf dhugaatin wal qabatan hedduun dachaan dabaluu fi furmaatni kun yeroo gabaabaa keessatti furamuu dhabuun yaaddoo ta'uu BBC'tti himan.
Buufata ibsaa naannoo magaalaa Walisootti ijaaruuf erga dhagaan bu'uraa kaa'amee wagga 5 ta'era.
Hanga amma sun ta'uu dhabuutti akka naannawa kanatti hawaasarraan dhiibbaan ga'eera, jiruuf jireenyi namoota baay'inaan ibsaa fi bishaan irratti waan hundaa'uuf kun dhabamuu rakkoo guddaadha''
Naannawa magaalichaa boolli burqaa bishaanii hedduun jirus garuu jenetarootni bishaan baasan waan hin jirreef tajaajilicha argachuun akka ulfaatu himu.
Buufatni fayyaa hedduun amma hojii dhaabaniiru, qorichootni sababa qabbanessituun hin jirreefis badan waan jiruuf rakkoo fayya dabalatee rakkoo cimaa uume.
Magaalaa Walisootti bu'uraaleen misoomaa hedduun karoorfamee achumaan hafeera.
'' Pirojeektiin guddan tokko ijaaramaa jiraa gaafa sun rawwatu rakkoon kun ni furama jennee eegna''
Furmaatni Maali?
Itti gaafatamaan waajjira bishaan dhugaatiif dhangala'aa magaala Walisoo obbo Girmaa Disaasaa, sababa bishaan humnaan ibsaan hojjataa tureef wayita ibsaan badu bishaan kunis badee jedhan.
Erga rakkoon sun uumamee furmaata waaraaf ta'u boolla bishaan dhugaatif oolu irratti janareetarota heddu dhaabuun akka jiraattotaaf rabsamu taasifamaa jira.
Dhaabbilee adda addaa waliinis ta'uun konkolaatan bishaan akka raabsamu taasifamaa jiraachuu himu.
Haa ta'uu malee lakkoofsa ummata jiru fi raabsan jiru kan wal hin madaallee ta'uun jenereetarootni dabalataa dhiyaataa jira jedhan.
Ammalee dhimma kun torban tokkoof turuu waan danda'uuf karoorri keenya yeroo dheeraa ibsaa fi bishaan akkataa walirraa adda ba'anii dhiyaatan irratti hojjataa jirraa rakkoon kun akkanatti itti hin fufu''
Pirojeektiin guddaan rakkoo bishaan dhugaatii guutummatti furu bara dhufurru kaasee hojii ni eegala jedhu
Ittigaafatamaan tajaajila humna ibsaa damee Walisoo Obbo Abarraa Badhaadhaa, rakkoon kun kan muudate miidhaa tiraansfoormara guddaa naannoo Walqixxee jirurra qaqqabeen ta'uu eeruun, fala isaarratti akka hojjatamaa jiru himan.
Erga rakkoon kun muudatee hordofaa jirraa kan magaalota hedduu wal qabtaadha amma guyyota 8 hanga 10 keessatti suphamee tajaajilatti akka deebi'u humna ibsaa irraa dhufanii kanneen hojjataa jiran nu beeksisaniiru jedhan.
''Waanti irra geenyee ummataaf beeksisaa deemna. dhuguma ibsaan jireenya guyyaa guyaa namootan wal qabata, furmaata yeroof jennee humna xiqqaa waanti dhiyeessa jirra, kanumaan wal deeggaraa yeroo muraasaf akka nuu obsan maamiloota keenya gaafannas jedhan obbo Abarraan.
Akka walii galatti rakkoon kun akka furamuuf buufatni ibsaa magaalaa walisoo keessatti hojjatamuuf akka jirullee himaniiru.

Madda suuraa, Ethiopian Electric Power
Humni Ibsaa Itoophiyaa akka karaa miidiyaa hawaasaarratti ibsetti, hojii buufata raabsaa humna elektiriikii naannoo giddugaleessaa tiraansifoormara bakka buusuu Walqixxeetti gaggeeffamaa jiru gara xumuraa irra gahuu beeksise.
Akka obbo Taaddasaa Gebree, Hogganaan Hojii fi Suphaa Buufata Raabsaa Humna Elektiriikaa Itoophiyaa akka ibsanitti, tiraansifoormaroota lamaan buufata raabsaa kanarratti dhaabaman keessaa kan humna meeggaa vooltii 7.5 kennu guyyaa lama dura tajaajila kennuu eegaluu himan.
Jijjirraa taasifame kanaanis magaalotni gara kibba Itoophiyaa jiran tajaajila argachuu ibseera.
Akkasumas, tiraansifoormarri magaalota akka Walisoo, Tulluboolloo fi magaalota naannoo isheetiif tajaajila kennaa ture waan gubateef ,hojiin tiraansifoormara haaraa meeggaa vooltii 63 qabuun bakka buusuu hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Obbo Taaddasaan hojiin hafe guyyoota ittaanan keessatti xumuramee guyyoota 8 hanga 10 keessatti tajaajilatti akka deebi'u ibsuu fi tiraansformarri haaran kun kan kana dura turerraa humna guddaa akka qabu himan.












