Taarifni humna ibsaa waggoota afran dhufaniif ji'a afur afuriin dabaluufi

Madda suuraa, Ethiopian Electric Utility
Tajaajilli Elektirikii Itoophiyaa ALI Fulbaana 2017 eegalee hanga 2020’tti ji’a afur afuriin gatii taarifa elektirikiirratti daballii akka taasisu beeksise.
Akkaataa taarifa haaraan jiraattonni humna elektirikii manatti fayyadaman waggoota afur keessatti daballii gatii 256.4% hanga 477.7% gahu irratti dabalama.
Dhaabbanni mootummaa humna ibsaa dhiheessu, Tajaajilli Elektirikii Itoophiyaa kan kana beeksise ibsa har’a kenneeni.
Ibsi kanarratti akka ibsametti, daballiin gatii kuni ALI Bara 2017 eegalee hojiirra oola.
Taarifni haaraa kuni ALI Fulbaana Bara 2017 eegalee manneen jireenyaafi dhaabbilee daldalaa akkasumas indastiriiwwan xiqqaafi giddugaleessaa ilaallata.
Taarifni ibsaa daandiirraas haaluma wal fakkaataan akka dabalu ibsa har’aarratti eerameera.
Tajaajilli Elektirikii Itoophiyaa daballii kana kan taasise jijjiiramni taarifaa ‘’waggoota lama dura’’ taasifamuu qabu waan harkifateef akka ta’e beeksiseera.
Yeroo ammaa gatiin elektirikii yookiin humni ibsaa itti gurguramu baasii dhaabbatichi bu’uuraalee misoomaa ijaaruufi suphuuuf baasurraa gadi jedhameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
ALI Bara 2012 hanga 2014 keessatti gatii galtee bu’uuraalee misoomaarratti daballiin gatii mul’ate baasii invastimantii dhaabbatichaa dabalu himameera.
Baasii invastimantii biiliyoona 13.7 baasuuf karoorfamus baasiin kuni gara biil. 19.6 guddatuu akka sababaatti eerameera.
Bara Bajataa ALI 2016 xumuramaa jiru keessatti gurgurtaa humna ibsaafi baasii garagaraarraa dhaabbatichi birrii biiliyoona 42.47 argateera.
Haa ta’u malee, baruma bajata kanaa baasiin baase birrii biiliyoona 11.43'n caalmaa akka qabu dhaabbatichi beeksiseera.
Dhaabbanni Tajaajila Elektirikii Itoophiyaa ALI Bara 2016 bittaa humna inarjii akkasumas bajata kaappitaalaafi idileef birrii biiliyoona 53.9 baasuu ibse.
Sababa baasii olaanaa dhaabbatichaan jijjiiramni taarifaa taasifamu waggaa tokkoof ogeessota ‘’qaama sadaffaan,’’ akkasumas ogeessota humna ibsaafi tajaajila humna ibsaan qorannoo waloo taasifameen akka tahe dhaabbatichi ibseera.
Manni Maree Ministeerotaa gaafa Waxabajjii 13/2016 kora taa’een hamma fooyya’insa taasifame akka raggaases ibsameera.
Hojiirra oolmaan taarifa kanaa, ‘’qaala’insa jireenyaa’’ akka hin hammeessine akkasumas ‘’dhiibbaa hir’isuuf dhimmooti lama akka raawwataman dhaabbatichi hime.
Jiraattonni galii gad-aanaa qaban deeggarsi ‘’humna kaffaltii isaanii tilmaama keessa galche,’’ akka taasifamu kan beeksise yoo tahu, deeggarsa kanarra jiraattonni fayyadaman kiloowaatii zeroo hanga 200 warreen fayyadaman tahuus eerera.
Maamiltoonni kiloowaattii 0 hanga 50 fayyadaman taarifa dabalamu keessaa 84% kan ta’u tumsa mootummaan hin kanfalan jedhameera.
Kanneen kiiloo waatii 51 hanga 100 fayyadaman immoo deeggarsi 61% akka taasifamuuf akkasumas kiloo waatii 101 hanga 200 kan fayyadaman immoo deeggarsa 35% argatu jedhameera.












