Tiraamp bulchaan Baankii Gidduugalaa US hatattamaan aangoo akka gadhiisu gaafatan

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp hogganaan Baankii Gidduugalaa Ameerikaa hatattamaan aangoo akka gadhiisan jechuun Jeeroom Pooweel irratti dubbii itti hammeessaniiru.
''Inumaa barfateera, battaluma kana gadhiisuu qaba,'' jechuun miidiyaa hawaasaa isaanii Truth Social irratti barreessaniiru.
Oduu qaamni federaalaa raabsaa manneenii to'atu Pooweeliin suphaa gamoo mummee baakii gidduugalaa Ameerikaa irratti seneetiif ragaa bahumsa keneerratti akka qoratamu gaafatus qoodaniiru.
Tiraamp marsaa duraatti yeroo filaman Pooweeliin aangoo kanatti kan kaadhimame.
Ergasii baankichi hamma dhalaa hir'isuu dide jechuun irra deddeebiin nama kana qeeqaniiru tahus pireezidantiin aangoo kanarra isa buusuu danda'a waan jedhurratti ammatti waan beekame hin jiru.
Irra deddeebiin Pooweeliin qeeqanillee, jalqaba waggaa kanaatti ''yaada isa arii'uu hin qabu,'' jedhanii turan.
Tiraamp guddina diinagdee fooyyeessuuf Baankiin Federaalaa biyyattii hamma dhalaa akka hir'isu barbaadu.
Pooweel garuu silaa imaammata taariifaa Tiraampiif malee hamma dhalaa hir'isuun danda'ama ture jedhe.
Hogganooti baankiiwwan gidduugalaa biyyoota garagaraa kora Poorchugaalitti taasisaniin Pooweel hamma dhalaa baankichaa hir'isuu yaalanillee taariifni biyyi isaanii biyyoota addunyaa irratti keesse akka isa hin dandeessisne hime. ''Kunimmoo sirrii dha,'' jedhan.
Baankiin Gidduugalaa Ameerikaa yaada Tiraamp kenneerratti yada akka kennu gaafatamus deebii hin kennine.
Bara kana Tiraamp gara aangootti otoo hin dhufiin Pooweel pireezidantichi aangoo gadhiisi gatii jedheef akka hin gadhiisne Waayit Haawus aangorraa na kaasuuf ''seeraan hin eeyyamamneef'' jedhe.
Qajeelfamni Mana Murtii Olaanaa Ameerikaa bara 1935 bahe, miseensonni boordii ejansiiwwan federaalaa yeroon isaanii otoo hin gahiin hojii irraa kan dhorkamuu danda'an ''sababaan'' yoo tahe qofa dha jedhe.
Tahus Tiraamp danbii siyaasaa garagraa cabsuun hogganoota dhaabbilee walabaa biyyattii kan arii'an yoo tahu murtoon isaanii gariin dhaddachatti dhiyaateera.
Gaafa Roobii daarektarri Ejansiin Faayinaansii Manneen Federaalaa Biil Puult nama kanaan dura hogganaa baankii kanaa qeeqaa ture yoo tahu amma immoo akka qoratamu waamicha dhiyeesseera.
''Koongireesiin Bulchaa Jeeroom Pooweel ilaalcha siyaasaa isaa loogii qabuufi ragaa bahumsa sobaa seneetiif kenne hojiirraa dhorkuuf ''sababa'' gahaa dha jechuun fuula X irratti maxxanse.
Torban darbe Pooweel qaala'insa gatiifi ijaarsa gamoo mummee baankii kanaa irratti gabaasni dhiyeessan ''sirrii kan hin taaneefi kan karaa irraa jallate dha,'' jedhe.












