'Gootni' afaan qawwee lafatti cuqqaaluun leellifamaa jiru eenyu?

Awustiraaliyaatti namni hidhataa qawweedhaan namoota ajjeesu wal'aansoo otoo qabuu viidiyoon waraabame 'gootummaan' leellifamaa jiru Ahmad al-Ahmad jedhama. Nama umrii ganna 43ti.

Sooriyaa, Idilibitti dhalatee guddate. Sana booda gara Awustiraaliyaatti godaane.

Iddoo Ahimad dhalatootasaarraa eessumnisaa Mohaammad Ahimad BBC Afaan Arabaa waliin af- gaaffiif wayita dhiyaatan,'' Ahimad nu boonse, ollaa Sooriyaa fi muslimoota hunda fi addunyaa guutuu boonse'' jechuun dubbatan.

Abbaan Ahimad, Obbo Mohaammad Faati fi haatisaa Aadde Maleekaa Hasan gocha isaatti ni boonna jechuun BBC Afaan Arabaatti himan.

Viidiyoon BBC'n mirkaneesse akka agarsiisutti, Obbo Ahmad otoo qawween ittin hin akeekamiin dura nama qawwee hidhate sanatti fiige harkatti qabee duubatti akka deebi'u dirqisiise.

Ahmad fuduraalee gurgura. Abbaa ijoollee lamaa kan ta'e Obbo Ahimad, harkaa fi irreesaarra rasaasaan dhahamee madaa'uun ammatti wal'aansa baqaqsanii yaaluuf hospitaala jira jedhu maatiin isaa.

Haleellaa Dilbata halkan raawwatameen namoonni 15 yoo du'an, kurnatti lakkaa'aman ammoo madaa'aniiru.

Namoonni 1000 caalan ayyaana warra Jiwishootaa Hanukkah jedhamu ayyaneffataa bakka turanitti haleellaan kun qaqqabe.

Poolisiin biyyattii taateen sun gocha shororkeessummaa hawaasa Yihudootaa irratti xiyyeeffate ta'uu labse.

Durbiin Ahimad Mustafaa jedhamu miidiyaa Awustiraaliyaa 7News jedhamuun akkas jedhan; "Inni goota, % 100 goota.

Irree fi harkasaa rasaasaan dhahame" jedhan.

Mustafaan ganama Wixata ganama akkas jedhe, "Akka wayyaa'u abdiin qaba. Kaleessa galgala dhaqee argeera. Waan hakiimni jedhu eegaa jirra" jedhe.

Poolisiin akka jedhutti, namoonni haleellaa sanarratti hirmaatan lamaan; abbaafi ilma ganna umriin isaanii 50 fi 24 ta'u.

Abbaan gurbaa haleellaa bane sanaa bakkuma haleellaa banetti du'e.

Ilimisaa umrii ganna 24 ammoo hospitaala seenus, haala lubbuusaaf yaaddeesu keessa jira.

Viidiyoon Obbo Ahimad wayita lubbuu namoota biroo baraaruu agarsiisu toora interneetiirratti bal'inaan qoodamaa ture.

Viidiyoon sun namoonni qawwee hidhate tokko bakka namoonni lafoo deeman riqicharra ce'anitti dhiyaatu, muka meexxii duuba wayita dhaabatu agarsiisa.

Obbo Ahmad konkolaataa dhaabatee duuba dhokatee kan ture yoo ta'u, nama haleellaa raawwatetti tasuma utaalee wala'aansoo wayita waliin qabu mul'ata.

Ahimad namtichi haleellaa bane sun duubatti akka deebi'uu taasise.

Sana booda Obbo Ahmad qawween sun akka hin dhukaane taasisuun harkasaa tokko ol kaasee, kana kan raawwateef warra dhukaasa banan akka hin taane poolisitti agarsiisuuf kana raawwate fakkaata.

Namtichi jalqaba dhukaasa bane sun boodarra riqicha irratti bahee qawwee biraa fudhatee ammas dhukaasuu ittifufe.

Namni qawwee hidhate inni biraas riqicharraa dhukaasu ittifufe.

Namoonni haleellaa banan kun eenyu fi maalirratti akka xiyyeeffatan ifa miti.

Ministirri Muummee Niiw Saawuz Weels Kiriis Miinis Dilbata galgala ibsa gaazexeessitootaaf wayita kennaniin, gootummaa Obbo Ahimad yeroo sanatti faarsan, garuu battala sanatti maqaan isaa hin ibsine.

"Namni kun dhugumatti goota, sababa gootummaa isaatiin har'a namoonni baay'een lubbuun hafan" jedhan.

Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Antoonii Albaaneesii akka jedhanitti: "Lammiileen Awustiraaliyaa har'a namoota biroo baraaruuf balaatti fiigaan argineerra" jedhan.

"Lammiileen Awustiraaliyaa kun gootota, gootummaan isaaniin lubbuu namootaa baraaran" jedhan.

Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Obbo Ahmadiif "kabaja guddan qaba'' jechuun galateeffatan.