Appilikeeshinii sirboota Afaan Oromoo kaffaltiin dhageefataan gahuu kaayyeffate

King Raagoo ogeessa Muuziqaa waggoota 14 darban sirboota afaan Oromoo hedduu waraabbii fi daayirektarummaan hojjechaa turee fi ammalleen itti jirudha.

Waggoota hedduu hojiilee muuziqaa waliin dabarse kanatti dhimmi muuziqaa Oromoo akkuma kanneen biyyoota biraa appilikeeshiniiwwan akka ‘Spotify’ kanfaltiin ta’uu qaba kan jedhu yaadaa turuu dubbata.

Akka inni jedhutti, artistoonni Oromoo sirboota yeroo hojjetan Youtube irratti fe’uun dhageefataa biraan gahatu. Kun immoo sirboota sagaleedhaan qofa hojjetamanis bakka isaaniif hin malle kanatti akka gadhiifaman godha jedha.

“Jalqabuma Youtube irratti gadhiifamuu kan qabu sirboota kiliippidhaan hojjetaman qofa ta’u qabu ture. Hanga ammaatti haala jiru yoo ilaalte artistoonni sagalee qofaan muuziqaa hojjetanis sagalee sanarra suura godhaniituma Youtube irratti fe’u” jechuun ibsa oggeessii muziqaa kun.

“Akka addunyaatti sirboota sagalee qofaan bahaniif karaan dhageefataa gahu biroo 150 caalantu jira. Kunneen biyyoota alaatti dhaggeefataan kaffaltiidhaan seenee kan dhageefatu,” jedha.

Hojiilee aartii afaan Oromoo kunis akkuma addunyaa biroo irratti ta’u karaa qindaa’aa ta’een appilikeeshinii mataasaatiin qophaa’ee achirratti fe’amun dhageefataan kaffaltiidhaan akka dhageefatu gochuuf hojii akka jalqabe dubbata.

“Waggaa lama dura ture kanin jalqabe. Akkaataan muuziqaan Oromoo dhageefataa bira gahu youtube qofaan ta’un dogogora. Kanaaf jecha artistootaafis aartidhaafis madda galii ittifufiinsa ta’u akkamitti uumuu dandeenya jedheen appilikeeshinii kana qopheessuutti gale,” jedha.

Muuziqaan Oromoo bifa baratameen dhageefataa bira gahuu keessaa bahuun mala addunyaan dhimma itti bahaa jirtu karaa dijitaalawaan ta’uu akka qabus hima.

Appilikeeshiniin kun akkamiin hojjeta?

Akka King jedhutti, artistiin muuziqaa haaraa yeroo hojjetu karaa appilikeeshinii kanaatiin akka gadhiifamu taha. Namni muuziqaa sana dhageefachuu barbaadu filannoo kaffaltii adda addaa qophaa’en kaffalee muuziqaa sana dhageefata jedha.

“Uummata miliyoona 60 caalu qabnu kana keessaa warri akka dansaa muuziqaa karaa kana dhageefatan miliyoonni lama osoo kanfalanuun ilaalanii artistiin muuziqaa isaarraa hangam akka fayyadamuu danda’u yaadi.”

“Uummani keenya karaa Kanaan muuziqaa dhageefachuu yeroo jalqabu hunda caalaa kan fayyadamu artistoota keenya. Madda galii adda hin cinne artistootaf uuma. Rakkoo artistootaas kan furudha,” jedha.

Wellisaan tokko karaa appilikeeshinii kanaatiin muuziqaa isaa dhageefataa biraan gahuun kaffaltii yeroo yeroon argatu kuni hanga dhumaati kan adda hin cinnee fi wellisichi yeroo lubbuun darbus maatiin galii kana dhaaluun kan itti fufiinsan fayyadaman akka ta’es hima.

Appilikeeshiin muuziqaa ‘Kuush Records’ jedhamu kun yeroo ammaa hojii akka jalqabeefi sadarkaa jalqabaa kanarratti sirbootuma amma dura bahan qofti waan fe’amaa jiraniif dhageefataanis ammatti tola sirboota dhageefata jedhan.

Yeroo guutumatti hojii jalqabutti garuu artistoonnis sirboota isaanii appilikeeshii kanarratti fe’achuun kaffaltiidhaan yoo ta’u, dhageefataanis sirbicha dhageefachuuf kanfalun faayidaan isaa artsitootaa fi guddina muuziqaa Oromootiif akka tumsu dubbata Kingi.

Sirboonni yeroo karaa appilikeeshinii kanaa gadhiifamanitti dhageefataan maloota kaffaltii biyya keessaa akka Tele-birr fi Baankota hundaatin kaffaluu waan danda’amuuf fayyadamaaf mijataa ta’uus eera.

Kana malees dhageefataan fedhii isaarratti hundaa’uun kaffaltii yeroo tokko dhageefachuu, Kan ji’aa yookan ammoo kan waggaa kanfalee sirboota karaa Kanaan gadhiifaman dhageefachuuf haala mijataan uumamuus hima.

Sirbi tokko appilikeeshinii kanarratti erga gadhiifameen booda namni kaffaltii raawwate mirga dhageefachuu malee muuziqaa sana buusee gara Youtube irratti fe’uu akka hin dandeenye kan dhorku waan ta’eef mirga abbummaa (Copyright) eegufiis gahee qaba jedha

Sirboota sagaleedhaan bahan karaa appilikeeshinii kaffaltii qabuun gadhiisuun kun sirboota afaan Oromootiif kan jalqabaa ta’ulleen Itoophiyaatti appilikeeshiniiwwan akka Sawaasaw, Ilfi fi Zema jedhaman hojii erga jalqabanii bubbulaniiru.