Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaan konkolaataa Shawaa Kaabaatti haadhaa fi ijoolleeshee afur dabalatee namoota 13 galaafate
Balaa konkolaataa magaalaa Finfinneerraa ka'ee gama Kaabaan imalaa tureerratti dhaqqabeen haadhaafi ijoollee ishee afur dabalatee namoonni 13 lubbuu dhabuu poolisiin hime.
Balaan kun Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam bakka Warabii jedhamutti Gaafa Dilbataa ganama ALI Adoolessa 09, 2015 dhaqqabe.
Miidhamtoonni battalatti lubbuu isaanii dhabuu Qajeelcha Poolisii Aanaa Dagamitti abbaa adeemsa qorannoo yakkaa kan tahan Inispeektar Shimallis Booressaa BBC’tti himaniiru.
Balaa sukaneessaa kanaaf ka’umsa kan ta’e konkolaataa fe’umsaa Finfinneerraa Bahirdaar deemaa ture ta’uu himan.
Konkolaataan xaa’oo kuntaala 500 fe’ee ture jedhan kuni "lafa irraan gadee ta’etti of eegannoodhaan konkolaachisuu dhabuu,’’ dubbatan.
Konkolaataan ummata baate Finfinneerraa gara Aanaa Warra Jaarsoo imalaa ture.
Kanaanis, "konkolaataan to’annaa isaatii bahee konkolaattota lama erga rukuteen booda konkolaataa deddeebisa ummataa irra guutumaan guututti bahe” jechuun BBC’tti dubbatan.
Balaa kanaan haati tokko ijoollee ishee afur waliin lubbuu dhabdeetti.
Barsiiftuu Asmaree Gosoomaa kan jedhaman maatii gaafachuuf Finfinneerraa gara magaalaa Qarree Gohaa imalarra osoo jiranii ijoollee isaanii afran waliin lubbuun darbe jedhan Inispeektar Shimallis.
''Sukkaaree Urgaa, Caalaa Urgaa, Qananiisaa Urgaafi Miixxaa Urgaa jedhamu,’’ jechuun BBC’tti himan.
Umriin isaaniis waggaa 18, 15, 8 akkasumas waggaa tokko ta'uu himan.
Namoota battalatti lubbuun isaanii darbe 13 alattis namootni sadii ammoo miidhaa qaamaa cimaaf saaxilamuun Hospitaala Kuyyuutti yaalamaa jiraachuus himan.
Balaa sukanneessaa kanaan konkolaataan deddeebisa ummataa guutumaan guututti kan barbadaa’e ta’uu fi konkolaattota sadii irra ammoo miidhaan akka gahes himan.
“Waggoota 20 caalu poolisii ta’ee hojjedhe keessatti balaa sukanneessaa akkanaa argee hin beeku. Reeffa miidhamtootaa baasuuniyyuu baayyee ulfaataa ture.
"Konkolaataa deddeebisa ummataa keessa kan turan nama lama qofatu hafe. Isaanuu miidhaa cimaadha. Balaa baay’ee sukaneessaadha” jechuun cimina balichaa ibsan Inspeektar Shimallis.
Teessumni daandii naannichaa irraan gadee hamaa waan ta’eefii waqtiin isaas waqtii roobaa ta’uu hubachuun, konkolaachistoonni of eeggannoo cimaa gochuu qabu jechuunis dhaaman.
Itoophiyaa keessatti baay’inni konkolaataa kan biyyoota biroo waliin yoo madaalamu, gadi aanaa ta’ulleen balaa yeroo yeroon qaqqabuun baayinni lubbuu namaa darbuu garuu olaanaadha.
Kutaalee biyyattii adda addaa keessattis balaawwan konkolaataa sukaneessoo tahan lubbuu lammiilee galaafachuun oduu irra deddeebiin dhagahamudha.
Balaawwan kunneen ijoollee warra malee, warra ammoo kan isaan gargaaru malee hambiseera.
Itoophiyaatti giddugaleessaan guyyaatti namoonni 14 balaa tiraafikaatiin lubbuu yoo dhaban, 31 ammoo akka miidhaman Biiroon Nageenya Tiraafikaa Daandii ibsa.
Akka dhaabbatichaatti ALI bara 2014 Itoophiyaatti sababii balaa tiraafikaan namoonni 3,971 ta'an lubbuusaanii dhabaniiru.
Ragaan Komishinii Poolisii Federaalaa akka agarsiisutti, ALI bara 2013 keessatti balaan tiraafikaa 15,000 ol qaqabuun, namootni 4,161 du'aniiru.
Akka dhaabbata Nageenya Tiraafikaatti balaawwan biyyaatti keessatti qaqqaban keessaa kan %68.3 ta'an kanneen daandii gaarii fi mijataa ta'an irratti qaqqabanidha.
Balaawwan qaqqaban keessaa ammoo, 85.9% dogoggora konkolaachisaan kan mudatu akka ta’e ragaan Biiroon Nageenya Tiraafikaa Daandii irraa argame ni agarsiisa.