Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Atileetii Olompikii irratti alaabaa Filisxeem mirmirseefi waraana Gaazaan du'e
Bara 1996tti ture. Ameerikaa bulchiinsa Atilaantaa Seentaniyaal isteediyeemii Olompiikii lammiin Filisxeem Maajid Abu Maaraaheel alaabaa Filisxeem ol kaasee qabatee mirmirsaa gale.
Yeroo jalqabaaf alaabaan sun gaafa mirmirfamtu baayyeen namaa imimmaan buuse.
Baniinsa wal-dorgommii Olompiikii irratti Maajiidiin dura yeroo jalqabaaf faajjii Filisxeem jedhu qopheessitoonni qabatan agarsiisaa turan.
Daawwattoonni isteediyeemichaa kuma 80 tahan akkasuma mana taa'anii kan hordofan guyyaa seena-qabeessa kana argan.
''Guyyaan kuni Filisxeemiif guyyaa seena-qabeetti turte. Sochii ispoortii kanarratti qofa osoo hin taane gaaffii bulchiinsa akkasumas beekamtii gara fuulduraatti fiduun dhimma guddaa ture. Maqaan Filisxeem jedhu buufataalee TV hundaan mul'ate,'' jechuun Yunivarsiitii Awurooppaatti qorataan Olompiikii piroofeesar Deel Kaastiloo BBCtti himaniiru.
''Battalli sun uummanni Filisxeem akka biyyaatti beekamtii addunyaa argachuuf qabsoo taasifamu mallattoo agarsiise ture.
Guyyaa seenaa qabeessa kanarratti Filisxeem beeksisuudhaaf alaabaa mirmirsaa kan gale Majiid waraana Gaazaan lubbuunsaa darbeera.
Waggaa 25f Majiidiin kan beekan qorataan seeraa Saan Chaarlis Hedaad,''Majiid afaan isaa keessaa waan hamaa hin bahu. Kan isa beekan hundi maqaasaa gaariin kaasu,'' jedhan.
Maajid hawaasa isaa keessatti kabajamaa dha kan jedhan hayyuun kuni warra Filisxeemiif qofa osoo hin taane, ''addunyaan nama addaa tokko dhabdeetti,'' jedhan.
'Medaaliyaa warqee injifanneerra
Maajid dorgommii Olompiikii irratti fiigicha meetira 10,000 kan hirmaatu tahus dorgommicha mo'achuunis tahe medaaliyaa argachuun akka isa hin dhiphisne gaazexeessaan Shaarmaan jedhamu joornaalii Atilaantaa irratti barreesseera.
Lammii Filisxeem nama ganna 32f kaayyoosaa guddaa kan ture isteediyeemiitti yeroon argamee alaabaa Filisxeem jalatti Olompiikii dorgomuu qofa dha barbaada ture.
''As dhufuu keenyaan medaaliyaa warqee mo'anneerra,'' jedhe akka ture gaazexeessichi barreesseera.
Majiid gaazexeessicha waliin yeroo haasa'etti rasaasni Israa'el irraa itti dhukaafame godaannis irratti dhiisee darbe itti agarsiisee ture.
Atileetichi lammiilee Filisxeem Atilaantaatti argachuun, ''dhukkuba nama irraanfachiisa yaadannoo hadhaa'aas nama irraanfachiisa,'' jedhee amana ture.
Olompiikii irratti Israa'eliifi Filisxeem gaafa wal arganis nagaa tahuu qaba jedhees ture.
Niiw Yoork Taayimis barreefama baheen akkasuma, ''atileetii Filisxeem kanaaf alaabaa mirmirsuun injifannoo ture,'' jedhamee ture.
Maajiid dorgommii calallii irratti taaiseen 21ffaa tahuu xumure.
Hojjetichi guyyaa Maajid
Maajiid Gaazaa kaampii baqattootaa Nuseeriyaat jedhamu keessatti bara 1963 dhalate. Maatiinsaa kibba Israa'el ammaa bakka Bersaabeh jedhamurraa baqataniit gara kaampii sanaa galan.
Barreessaan ispoortii beekamaa Duudlii Daawuus seenaa Maajiid barreessuuf Gaazaa deemee ture.
Atileetiin Filisxeem kuni Israa'el keessaattii hojjetaa guyyaa tahuun dalaga ture.
Yeroo hunda manasaa irraa Ireez iddoo jedhamu gahuuf hamma keellaa sakatta'insaatti km20 fiigichaan deema. Atileetiin kuni feestivaala ispoortii irratti dorgommii fiigichaa mo'ate.
Yeroos Filisxeemiin kan bulchaa turan Yaasir Arafaat badhaasa erga kennaniifin booda maalin akka of bulchu isa gaafatan.
Qonna abaaboo Israa'el keessaa akka hojjetuufi yeroo rakkoon mudatu, ''saffisaan fiigeen iddoo dahii qabdha,'' jechuun deebiseefi. Arafaat seeqaa kana booda ''Gaazaatti eegduu koo dhuunfaa taataa,'' ittiin jedhan.
Kana booda Maajid eegdota Yaasir keessaa tokko tahe. Yeroo tokkos, ''hojii kana kanin jaaladhu shaakalliidhaaf yeroo argachuu kooti,'' jechuun ibsee ture
Fiigichaa fi wal'aansa
Maajiid ispoortii akkaan jaalata ture.
''Fiiguu jaalata ture. Akka wal'aansaattis ilaala ture,'' jedhu hayyuun seenaa Hadaada.
Seenaan ispoortii Maajiid kan jalqabe kilabii kubbaa miilaa Al-zaayituu jedhamu keessatti dha.
''Weeraraafi waraana keessatti haa guddatuyyuu malee atileetiksiif jaalalaa addaa qaba. Daandiiwwan Gaazaa bu'uuraaleen misoomaa hin guuneetti bu'aa guddaa argamsiisuu danda'eera.
Guyyuu otoo addaan hin kutiin qarqara galaanaa irratti fiiga. Dorgommiiwwan biyya keessaatti mo'achuunis fiigduu saffisaa jedhameera.
Bu'uuraaleen misoomaa Atilaantaa jiran kan Gaazaa wajjin gaafa wal-biratti qabaman hangam garaagarummaa qabu jedhamuun yoo gaafatamu, ''hamma Waaqaafi lafaati,'' jechuun deebiseera.
Maajid leenjisaa qabaatee akka hin beekneefi akkasumas kophee fiigichaa rogaa akka hin qabaanne galmaa'eera.
Seenaan Maajiid qorataa seenaa Hadaad abbaa lammii Filisxeemiifi haadha lammii Ameerikaa irraa dhalataniif kaka'umsa uumeeraafi.
Fiigichaan ol
Maajid alaabaa Filisxeem waltajjii Olompiikii irratti mirmirsuun shoora seenaa keessatti qabu akka hubate ogeessonni seenaa dubbatu.
Maajiid alaabaa akka qabatu kan filame atileetii tahuusaan dabalataan ulaagaalee biroo waan guuteefi.
''Nama lasoo fi amanamaa ture. Paartii keessatti aangootti of guddisuun faayidaa argachuuf nama dhama'u hin turre.
Hayyuun seenaa paartiin eeran bara 1950 Yaasir Arafaatiin kan hundeeffame paartii Faataah jedhamu.
Alaabaa Filisxeem mirmirsuun akkasuma qoosaadhaan waan dhufe miti,karaa dheeraa fi wal xaxaa keessa dabreera.
Bara 1970 irraa kaasee hogganooti Filisxeem korri Olompiikii beekamtii akka kennuf gaafachaa turan.
''Dorgommii Olompiikii irratti alaabaan keenyi mul'achuun yeroo jalqabaafi. Gammachuudhaan boonye,'' jechuun barreessaan olaanaa kora kanaa Omaar Alii filmii dokimantarii ABC sport irratti dubbataniiru.
''Shakkii tokko malee eenyummaan Filisxeem akkasumas addunyaa warra Arabaa biratti guyyaa seena qabeessa ture,'' jedhan piroofeesariin Yunivarsiitii Ameerikaa dhimma hajaa alaa Masriitti argamuu, Ibraahim Awaad.
Jireenya leenjisummaa
Maajiid Atilaantaatti argamuun egeree ijoollee Filisxeemiif kaka'umsa dhiisee darbe jedhu Gonzaalez Dal Kaastiloo.
Maajiid hirmaannaasaa Olompiikii booda ol-adeemoo Filisxeem leenjisuun lammiileen Filisxeem dorgommii addunyaarratti beeksisuu akkasumas guddina atileetiksii irrattis shoora guddaa qabaachuu Kaastiloon dubbatu.
Dorgommii bara 2008 akkasumas 2012 irratti taasifameef atileetii qopheesseera.
''Hojiin Maajiid lammiilee Filisxeem walitti bu'insaafi siyaasa cunqursaa keessa jiraniif mallattoo kutannooti,'' jechuun isa ibsu.
Maajiid atileetota leenjisu dirree ispoortii Gaazaa keessatti argamu isaan fudhatee akka deemu hayyuun seenaa Hadaad dubbatu.
Dhuma Maajiid
Waltajjii Olompiikii irratti alaabaa Filisxeem mirmirsuun seenaa kan dalage Maajid Waxabajji darbe waggaa 61 addunyaa kanarraa du'aan boqoteera.
Yeroo Israa'el Gaazaadhaan weerartu duraan dhibee kan hin qabne Maajid hanqina nyaataa irraan kan ka'e dhukkubarra bu'e.
Kana qofa miti lafti jireenyasaa Al Nuseeyiraat dahoo baqattootaa tahe.
''Haalli kuni kaleesaa faayidaan ala godhe. Gaazaa keessa wal'aansi waan hin jirreef yaalamuu hin dandeenye. Yeroo gabaabaaf kan bayyanate fakkaatus dhumarratti haala nama gaddisiisuun addunyaa kanarraa du'aan boqoteera,'' jedhe koreen olompiikii
Israa'el Gaazaa keessatti haleellaa raawwataa jirtuun lammiileen Filisxeem 38900 ajjeefamu akkasumas kuma 70 madaa'uu isaanii gabaasni ministeera fayyaa Gaazaa agarsiisa.
Hamaas Onkololeessa darbe kibba Israa'el haleeluun namoonni 1200 kan du'an yoo tahu 253 buutamanii fudhatamaniiru.