Namicha qubeelaa haadha warraasaa bade tuullaa balfaa keessaa barbaadee arge

Qubeelaa daayaamandii

Madda suuraa, Steve Van Ysseldyk

Nama jaalalaaf waan hin goonee hin qabu, nama jedhamu dhageessanii beektu taanaan kan lammii Kaanaadaa kanaa hooda.

Qubeelaa cidhaa haadha warraasaa akka tasaa bu'ee bade tuullaa kosii keessaa barbaadee arguun goota jaalalaa taheera.

Seenaan kuni kan jalqabe yeroo Istiiv Vaan Yiseeldiik fi haatiwarraasaa waggaa 26 Jeeniin lafa fiilmii daawwataa oolanirraa fandishaa nyaachaa turan qabatanii mooraa mana isaanii yoo seenan lafatti faca'aa ture.

Yeroo fandishaa lafatti harcaasan funaanan qubeelaan haadha warraasaa Jeeniin kaartonii fandishaan keessa ture keessa bu'ee kosii kaan wajjin gatame.

Hamma kosiin mana isaanii funaanamee gatamutti qubeelaan baduu hin hubanne ture.

Guyyaa ittaanu yeroo baran abbaan warraa Vaan Yiseeldaayiik tuullaa kosii toonii 18 keessaa qubeelaa barbaachatti gasaaggasee deeme.

''Abdii guddaadhaanin ka'ee deeme,'' haati warraa koo qubeelaashee argachuu qabdi mitiiree? '' jedhe Vaan.

Viidiyoo CCTV mana isaanii erga ilaaleen booda sa'atii meeqatti qubeelaan daayaamandii sun akka bade adda baasuun booda gara lafa tuullaa kosii Mission Sanitary Landfill in British Columbia jedhamuu deeme.

''Haati warraa koo nan barbaada gaafan jedhe shakkii guddaa qabdi ture. Iddoo kosii tuulan dhaqeen akkan barbaadu eeyyaman gaafadha,'' jechuu hima.

''Isheen garuu siin eeyyamani naan jette, achiin maaltu beeka, dhaqeeman yaala jedheenii,'' jedha.

Akaafaa fi gilaavii harkaa hidhatee marga bosbosee gatame ciruu, balfa nyaataas otooma qotuu kaartonii fandishaa gaafa Adoolessa 15 bitan addatti barbaaduu jalqabe.

''Guyyicha roobaa ture, ho'aa gatii hin turreef balfi badaa hin ajaa'u ture,'' jedhe.

Tuullaa kosii

Madda suuraa, Steve Van Ysseldyk

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Deenii Weebistar iddoo balfi kuni tuulamu kan hojjetu yoo tahu ekiskkaavaatariidhaan balfa adda baasuun isa gargaare.

Deeniin, ''sammuu kootti akkamiin haadha warraa keef qubeelaa haaraa bitiif jedhee itti himuu danda'a jedheen yaadaan ture,'' jechuun CTV'tti hime.

Vaan balfa keessa jibeeffatee harkaan yeroo inni qubeelaa barbaadu akka yaadatu hima. ''Namni fayyaa sammuu qabu waan akkasii godha jedhee hin yaadne,'' jedha.

Haala ajaa'iba jedhamuun qubeelaan jalqabaa dafee argame, sababiinsaas Vaan hambaa nyaataa maatiinsaa gatan argee achirraan barbaaduu jalqabe.

Sa'atii tokko keessatti qubeelaan lama argamuu danda'e.

Yeroo sanatti haati warraasaa barbaacha kana deeggaruuf sibiila, sibiila biraa qabatee baasuu bituuf suuqii deemaa turte.

Abbaan warraashee itti bilbilee qubeelaa akka argate yeroo itti himu, imimmaan roobsite.

''Namoonni baayyeen seenaa kana yeroo dhagahan baayyee dinqamu, anillee akkasuma na dhibeera argamuunsaa,'' jedha Vaan.

Barbaaduuf gaafa ka'ee abdii guutuun waan hunda gochuuf akka ka'e hima.

Dabluunis haalli uumame inumaayyuu gaa'ellisaanii akka jabaatu gochuusaa hima.

''Hangam akka na jaalatu beeka, akkanni waan ajaafi tuullaa balfaa keessa naa deemus beeka,'' jechuun CTV'tti himte