Sirna Dhibaafannaa Ayyaantotaa fi dhibdee Hora Harsadii tibbanaa

Dilbata darbe waaqeffattoonnii fi warri ayyaantuu kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa dhufan Malkaa Harsadiitti sirna dhibaayyuu ''aadaa abbootii keenyarraa dhaalledha'' jedhan gaggeessuuf yeroo yaalanitti qaamolee nageenyaatiin dhorkamuu himatu.
Viidiyoon warra jilaa kana ta'uu ibsuu fi miidiyaa hawaasummaa irratti qoodamaa ture akka mul'isutti namootni sirna kanaaf gaafas bakka Irreeffannaa Harsadii sanatti mul'atan kan dhibbaan lakkaa'amani.
Muka Guddaa cinaa Hora Harsadii jiru jalatti marsanii marga jiidhaa afuun itti marsanii ''waan duudhaa keenyaati'' sirna jedhanis yoo raawwatan mul'ataniiru.
Obbo Abboomaa Dagafaa Hoji gaggeessaa Gumii Hayyoota Gadaa Oromoo fi gosa Warra abbaa Malkaa haroo Harsadiiti.
Akka isaan jedhanitti Waaqeffattoonni Birraan yeroo bari'u aadaa fi duudhaa dhibaayyuu fi dhibaafannaa abaabilee fi akaakileerraa dhaalle qabna jedhu.
Irreecha Barii yeroo Birraa kanatti waaqeffattoonni malkaa kanatti dhufanii Buna Danfisanii kan wareega qabu wareegasaa galchataa dhufe jedhu.
"Kan Wareega qabu waan wareege sana dhiheessa. Kan hammachiisaa qabu achitti daa'imasaa hammachiisee maqaa moggaasa. Asheeta gahe kana osoo ofii fayyadamuu hin jalqabin asitti buna dhaabanii eebbifatanii daddarbanii sirna daddarbaa gaggeessu"
Wareegni kuni akkuma abbaan wareegatetti kan raawwatamu waan ta'eef sagantaan bakka malkaa kanatti raawwatamus buna danfisuudhaa hanga Korma qaluutti gahuu malas jedhu.
Akka dhuudhaa waaqeffattootaatti Irreechi taatee guyyaa tokko raawwatamee galamu miti jedhu Obbo Abboomaan.
"Irreechi sagantaa guyyaa tokko irreeffatamee galamu miti. Birraan kuni guutuun waqtii Irreechaati. Namni akkuma isaaf mijatetti yeroo isaaf mijate ayyaantuun Hordoftootasaa wajjin malkaa bu'ee irreeffata. Hanga waqtiin Bonaa dhufutti ji'a sadeen kana ittuma fufa" jedhan.
Sirna Daddarbaa fi Muudaa…
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taateewwan warri ayyaantuu, Qaalluu fi Waaqeffattoonni bakka malkaa Harsadiitti raawwatan keessaa Daddarbaa fi Muudni isaan ijoodha.
"Midhaan gosa adda addaa irraa fidaniit malkaa kanatti buna danfisanii daddarbanii eebbifatu. Kana malees malkaa kana Siidaatu jira. Siidaa kanas nimuudu" jedhan Obbo Abboomaan.
Muudaan kuni haawwantu dhadhaa qabeetti qabatanii dhufan muka bakka jalatti walgahanii buna danfisan kana muuda jechuudha.
Dilbata darbe ayyaantonnii fi warri sirna kana kabajuuf malkaa harsadii bu'an sirna ammaan dura gaggeessaa turan sana akka hin raawwanne qaamolee nageenyaatiin dhorkamuu komatu.
Abbaan Gadaa Ada'aa Obbo Addisuu Baldaa Ayyaantota malkaarraa dhorkuun aadaa miti jechuun taateen dilbata darbe raawwatame kunis maaliif akka ta'e qaamolee mootummaa waliin dubbachaa jiraachuu eeran.
"Guyyaa sana namni akka malkaa bu'ee hin irreeffanne hin dhorkamne. Kan dhorkame bakka malkaa sanatti buna akka hin danfisne. Sirna ayyaantummaa isaanii akka hin raawwannedha" jedhan.
Dhimma sirna Malkaa Hora Harsadiitti mudate kanarratti kan gaafanne Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa, Ayyaantuun Irreecha booda malkaa bu'uun waanuma aadaa ta'ulleen gochoonni duudhaa Irreechaa busheessan dhorkamuun waan sirriidha jedhu.
"Ayyaantuun kan Gadaatti bultu. Amma Ayyaantuun kan Gadaan hin beekne kan lafumaa ka'ee ani ayyaantudha ofiin jedhutu jira. Warra kana waanan beeku hin qabu ani" jedhan.

Ayyaantuun kan Odaa nabe deemee seera tumaa qabu, Gadaa shananiin beekamu kan jedhan abbaa Gadaa Goobana Hoolaa, Ayyaantuun Irreecha booda kan malkaa bu'us Abbaa Gadaa waliin Galataafi jedhan.
"Amma warra hora Harsadii irraa dhorkamne jedhan kana waanin beeku hin jiru. Dhufaniitis nun gaafanne. Wanti hunduu heera fi seera qaba. Abbaan barbaade ga'een qaba jedhee akkuma barbaadetti utaalee seenuu hin danda'u" jedhan.
"Akkan odeeffannoo argadhetti warra 'Xonqaayii' fa'atu alaabaa lumuxxii qabatee Harsadii bu'e" jedhan Abbaan Gadaa.
Obbo Abboomaanis yaada Abbaa Gadaa kanan waliigalu. Gochoonni sirna dhibaayyuu ayyaantotaa fi Waaqeffattootaa akkasumas maqaa gaarii irreechaa balleessan akka mul'atan himuun' kanneen hafuu qabu jennee yaannu inuma jira' jedhan.
Ayyaantonnii fi warri dilbata darbe harsadii irraa dhorkaman qaamolee mootummaa yeroo gaafatanitti 'Qaama kana dhoowwe hin beeknu' deebii jedhu arganne jedhu Obbo Abboomaan.
Ayyaantonnii fi warri sirna Waaqeffannaa Harsadiitti gaggeessan kunneen dilbata dhufus sirna dhibaayyuu achii dhuftee abbootii keenyaati jedhan kana raawwachuuf ammas qophiitti jiraachuus eeran.
Dhimma Dhorkii bakka Irreeffanna hora Harsadiitti raawwatame jedhame kanarratti qaamolee Mootummaa Magaala Bishooftuu irraa yaada argachuuf yaaliin goone hin milkoofne.















