Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Nannoo Amaaratti hojjataan dhabbata tola-ooltummaa tokko hidhattootan butamee ajjeefame
Naannoo Amaaraa Godiina Wallo Kaabaa Anaa Daawunt keessatti hojjataan dhaabbata tola ooltummaa tokko hidhattootan erga butamee booda ajjeefamuu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii beeksise.
Akka dhaabbatichi beeksisetti hojjataan deeggarsa namoomaa Yaared Mallasaa jedhamu maallaqaaf jecha erga butamee booda ajjeefame.
Hojjataa dhaabbata tola ooltummaa biyya keessaa Action for Development and Developmental Protection jedhamuu kan ta'e Yaared hidhattoota eenyummaansaanii hin beekamneen ajjeefamuu UNtti Biiron Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (OCHA) ibsa Hagayya 8, 2016 ALItti baasen beeksise.
Hojjattaan kun dhaabbata tola ooltummaa kanatti ogeessa sirna nyaataa ta'ee hojjataa kan ture yoo ta'u, maallaqaaf jedhamee erga butamee booda ajjeefamuu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) balaaleffate.
“Hojjataan kun hojii deeggarsa namoomaa irrati bobba'ee osoo jiruu maallaqaaf jecha yakkamtootan erga butamee booda ajjeefamuusaa cimsinee balaaleffanna. Yaared namoota rakkoo cimaa keessa jiran gargaaruf kutannoofi qophaa'ina qaba ture," jedhan UNtti qindeessaa deeggarsa namoomaa Itoophiyaa kan ta'an Dr. Raamiz Alaakbaarov.
Ji'a Amajjii kaasee kan ammaa kana dabalatee hojattoonni gargaarsaa saddeet kan ajjeefaman yoo ta'u, isaan keessaa jahaansaanii naannoo Amaaraa keessatti ajjeefaman.
Kanneen du'aniin alatti hojjattoonni deeggarsaa 14 mallaqaaf jecha ugguraman yoo ta'e hedduunsaanii Godiina Gondar Kaabafi Giddu Galeessa Gondaritti akka mudateedha gabaasni UN kun kan ibsu.
Gama biraan ammoo, bakkeewwan waraanni itti gaggeeffamu naannolee akka Amaara, Oromiyaafi bakkeewwan biroottis hojjattoota deeggarsa namoomaa deeggarsa kennaa jiran nageenyi isaanii akka eegamu Manni Maree Hawaasa Sivilii Itoophiyaa gaafate jira.
Bakkeewwan waraanni itti gaggeeffamu kanneenitti hojjattoota dhaabbilee tola ooltotaa irratti ajjeechaa, ukkaamsuufi sarbamni mirgaa garaa garaa akka irratti raawwatu hawaasa sivilii garaa garaa irraa gabaasni akka isa gahu Manni Maree Hawaasa Sivilii Itoophiyaa ibsa Hagayya 8, 2016 ALItti baasen beeksise.
Hojjattoota deeggarsa namoomaa ajjeesufi ugguruun alattis konkolaattota irraa fudhachuu, meeshaalee deeggarsaa saamuun fa'aa raawwataa akka jiru eerun kuni ammoo hojii deeggarsaa danqaa akka jiru eera ibsi kun.