Adamoon seeraa Gadamsa Baddaa fi bineensa biroo Itoophiyaa keessatti waan haaraadhaa?

Madda suuraa, Getty Images
Guyyoota darban keessa dhimmi adamoo seeraa gadamsa baddaa mataduree haasaa miidiyaa hawaasaa tureera.
Namoonni adamoo seeraa kana mormuun yaada isaanii ibsan, gochaan kun safuu kan hin eegne akkasumas lakkoofsa bineensa bosonaa kana kan miidhu ta'uu yaaddoo qabaachuu barreessan.
Haa ta'u malee Itoophiyaa keessa adamoon seeraa erga eegalamee waggoota dheeraa lakkoofsisuu kan himu Dhaabbanni Bosonaafii Bineensa Bosonaa Oromiyaa, adamoon seeraa gadamsa baddaa naannoo Oromiyaa keessas iddoowwan garagaraatti akka adeemsifamu himeera.
Adamoon kunis lakkoofsa bineensa bosonaarratti dhiibbaa kan fidu akka hintaane sirumaayyuu eegumsasaaf kan gumaachu akka ta'e dhaabbatichatti Ogeessa Misoomafii Itti Fayyadama Bineensa Bosonaa kan ta'an Obbo Ashannaafii Mangistuu BBCtti himan.
Waggoota dheeraaf misoomafii itti fayyadama bineensa bosonaarratti kan hojjetanfii yeroo ammaa sooramarra kan jiran Obbo Cammaraa Zawudee immoo, waggoota darban keessa lakkoofsi gadamsa baddaa adamoo seeraaf waggaa waggaan heeyyamamu 20-35 kan hincaalle ta'uu dubbatan.
Bineensa bosonaarratti miidhaa kan geesisus adamoo seeraa osoo hintaanee adamoo seeraan alaa ta'uu Obbo Cammaraan himu.
Oromiyaafii adamoo seeraa
"Akka Oromiyaatti iddoowwan adamoo 23 ta'an qabna. Isaan keessaa iddoowwan itti hojjetamaa jiru 18 ta'u" kan jedhan Obbo Ashannaafiin, iddoowwan kun paarkiidhaan ala kan ta'anfii addatti kan daangeffaman ta'uu himan.
"Adamoon seeraa kun kan adeemsifamu iddoo adamoo bineensa bosonaa paarkiidhaan ala ta'etti daangeffamee kophaasaa to'atamudha" jedhan.
Gama biraatiin gosa hoosiftootaa 49 Itoophiyaa keessatti adamoof heeyyamaman keessaa 47 naannoo Oromiyaa keessatti kan adamfaman ta'uu Obbo Cammaraa Zawudee himu.
Gosoota bineensaa Itoophiyaa keessatti adamoo seeraaf heeyyamaman keessaa sadi immoo Itoophiyaa keessatti qofa kan argaman yemmuu ta'an, isaanis: Gadamsa baddaa, Bosonuu fi Jaldeessi daabee akka ta'an Obbo Ashannaafiin himaniiru.
Kunneen keessaammoo Gadamsi Baddaa naannoo Oromiyaa keessatti qofa argama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Adamoon seeraa haldureewwanfii ulaagaalee saayinsaawaa ta'an guutamanii kan raawwatamu ta'uu Obbo Ashannaafii fi Obbo Cammaraan himu.
Haaluma kanaan lakkaawwiin bineensa bosonaa erga taasifamee booda hammi bineensaa waggaa tokko keessatti akka adamfamuuf heeyyamamu akka murtaa'u dubbatan.
"Lakkoofsarratti hundaa'uun hamma qabnurraa hammana gurgurra jedhamee haala saayinsiisaa eegeen deema" jedhu Obbo Ashannaafiin.
Gadamsi Baddaa adamoo seeraaf heeyyamamus gadamsa korma umriin dulloome yemmuu ta'u, kunis dheerina gaanfasaatiin akka beekamu Obbo Ashannaafiin dubbatu.
Haaluma kanaan gadamsi baddaa adamoo seeraaf heeyyamamu dheerinni gaanfasaa seentimeetira 74.93 ol yoo ta'e ta'uusaa himan.
Dabalataan "Gaanfisaa dheeraafii fiixeessaarraa halluu adii yoo qabaate gadamsichi dulloomera jechuudha. Gadamsi adamfamus fiixeen gaanfasaa halluu adii qabu inchii lamaa (seentimeetira shan) ol yoo ta'edha" jedhan.
Kanaafis "Gadamsi baddaa adamfamu dulloomaafii kan du'uu gahedha. Duutisaa waan hin oolleef gara birriitti jijjiirame. Galiin argamus eegumsaaf oola" jedhan.
Lakkaawwii gadamsa baddaa samuuda fayyadamuun waggaa waggaan taasifamuunis lakkoofsi gadamsa baddaa naannoo Oromiyaa keessa jiru yeroo gara yerootti dabalaa jiraachuu dubbatan.
Yeroo ammaattis adamoon seeraa gadamsa baddaa naannoo Oromiyaa keessa iddoowwan adamoo shanitti kan adeemsifamu yemmuu ta'u isaaniis Baale, Arsiifii Harargee keessatti argamu.
Gatii qaala'insa jireenyaan walhinsimne…
Yeroo ammaatti gadamsi baddaa tokko Doolaara Ameerikaa kuma 15niin akka adamfamu Obbo Ashannaafii Mangistuu himu.
Haa ta'u malee doolaarri kuma 15 kun erga murtaa'ee bubbulus hanga ammaatti fooyya'insi gatii osoo hintaasifamin turuu himan.
"Inni kun iddoo biraatti waggaa waggaani kan jijjiiramu. Nuti Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa fi Abbaa Taayitaa Bineensa Bosonaaf dhiyeessineerra. Garuu hanga ammaatti birriin kun fooyya'uu hindandeenye" jedhan.
Gadamsi baddaa waggoota 16'f gatii walfakkaataa tokko qofaan akka adamfamu taasifamuun xiyyeeffannoon dhimmichaaf kenname xiqqaa ta'uusaa kan agarsiisu ta'uu kan himan immoo Obbo Cammaraa Zawudeeti.
Gatiin kun qaala'insa jireenyaa (inflation) ilaalcha keessa kan galche akka hintaanees dubbatan.
Gama biraatiin galii doolaara kuma 15 gadamsa baddaa tokkorraa argamu keessaa dhibbeentaan 15 mootummaa federaalaaf galii akka ta'u Obbo Ashannaafiin himu.
"Kan hafe dhibbeentaan 85 gara dhibbeentaa 100tti jijjiiramee %60 uummataaf qoodama, %40 immoo kan dhaabbata keenyaati" jedhan.












