Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barattoota kutaa 12ffaa qoccollaa saalaan qormaata biyyaalessarraa ari'aman
Barattoonni Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf Yunivarsiitii Mattuu seenan sadi qoccollaa saalaa raawwachuun qormaatarraa ari'aman
Dhimmicha ilaalchisee BBC'tti kan dubbatan Pirezidaantiin Yunivarsiitii Mattuu Dr. Alamuu Disaasaa, "Ijoolleen dubaraafii dhiiraa jalqaba akka taphaa gochaa turan. Sana keessa darbanii ijoolleen dhiiraa dubartoota dirqamaan ofitti qabanii dhungachuu, qaamasaanii bakka tuqamuu hinqabne tuttuquu eegalan" jedhan.
Dabaluunis "dhumarrattimmoo inni tokkommoo kan baay'ee dubartootallee hamileesaanii tuqu uffatasaanii ol butuun qaamnisaanii akka mul'atu gochuurratti hirmaatan" jedhan.
Gochaan barattoonni kun raawwatan yakka ta'uu kan himan Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa, barattoonni shamarranii miidhaan irra gahe yaaddoo qaban ibsuun cinatti "dallaa gadhiisnee deemna" jechuusaanii himan.
Haa ta'u malee sossobuun qormaata akka fudhatan taasisuu himaniiru.
Tarkaanfii fudhatame…
Barattoonni dhiiraa sadeen balleessaa raawwatan miseensota Poolisii Federaalaa mooraa yunivarsiitichaa keessatti nageenya eegsisaniin to'annoo jala oolanii koree olaanaa qormaaticha raawwachiisuuf hundaa'etti dhiyaachuusaanii Dr. Alamuun himaniiru.
Gochaan akkanaa hamilee dubartootaa kan miidhu ta'uusaan dabalataan gochaa mooraa Yunivarsiitii keessatti dhorkaa ta'e ta'uu kan himan Pirezidaantichi, tarkaanfii barattoota balleessaa raawwatan kunneen irratti fudhatamu ilaalchisee korichi Dilbata ALI Waxabajjii 22, 2017 marii taasisuu himan.
Maricharrattis yaadni barattoota sadeen 'Mana Murtii geessuu' jedhu bal'inaan ka'uu dubbatan.
Haa ta'u malee "yeroo kanatti Mana Murtii geessuun qaamni miidhaan irra gahee barattoota waan ta'aniif mana murtiitti olii gadi gochuun sammuusaanii jeequu ta'a waan ta'eef akkaatuma qajeelfamni naamusa qormaata biyyaalessaa kaa'een ijoolleen kun qormaatarraa akka dhorkaman ta'eera" jedhan.
Haaluma kanaan bakka bu'aan Biiroo Barnootaarraa dhufe barattoota qormaatarraa dhorkaman kana fuudhee maatiitti akka deebisu koree kanaan dirqamni itti kennamuus himaniiru.
Tarkaanfiin kun erga fudhatamee booda haalli mooraa Yunivarsiitichaa keessa jiru gaarii ta'uusaa eeruunis, "wacni dallaa keessatti walitti qabamanii wacaa turan, yaaliin warri dhiiraa halkan gara doormii shamarranii deemuuf gochaa turan guutumaan guutuutti dhaabbateera jedhuu dandeenya" jedhan.
Gaafii barattoonni sadeen qormaatarraa ari'aman kunneen fulduratti akkam ta'u jennee dhiyeessineef yemmuu deebisanis, "Ministeera Barnootaatu murteessa. Garuu ijoolleen kun qormaata waan hinfudhannef dhimmi isaanii ni gabaafama" jedhan.
"Fulduratti amalasaanii yoo sirreeffatan bara dhufutti qoramaata kana fudhachuu danda'u kan jedhu abdiin qaba" jedhan.
Dabalataan barattoonni qormaataaf gara Yunivarsiitii kan seenan bu'aa ifaajiisaanii waggaa 12 arguuf akka ta'e kan himan Dr. Alamuun, "Kanaaf gara Yuniversiitii yemmuu dhufan naamusa isaanii eeganiii, sammuusaanii yaada garagaraarraa bilisa godhanii, qormaatasaaniirratti xiyyeeffatanii qabxii gaarii fiduu akka danda'an osoo hojjetanii gaariidha" jedhaniiru.
Gama biraatiin barattoota sadeen qormaatarraa dhorkaman keessaa inni tokko Godina Iluu Abbaa Boor irraa kan dhufe yemmuu ta'u, lamaan immoo Godina Wallagga Lixaarraa gara yunivarsiitichaa kan dhufan akka ta'anis himameera.
Qormaanni Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa marsaan jalqabaa Wiixata ALI Waxabajjii 23, 2017 kan eegalame yemmuu ta'u, bara kana barattoonni Kuma 608 ol qormaata kana akka fudhatan ragaan Ministeera Barnootaa agarsiisa.