Qorannoo BBC namoota qaama namaa falfalaaf gurguruuf nama ajjeesan saaxile

Ilmi ishee ajjeefamuun ammayyuu maaliif akka tahe deebii barbaaddi

Seeraaliyoon keessatti falfalaaf jecha nama ajjeesanii qaama namaan daldaluun maatii hedduu miidhaa qorqalbii hamaaf akka saaxile gabaasni qorannoo BBC Africa Eye saaxile.

Akeekkachiisa: Gabaasa kanaa keessa qabiyyeen miira keessan jeequu danda'u jira.

Haati mucaanshee ganna 11 falfalaaf jedhamuun waggoota afur dura jalaa ajjeefamee rakkoo qorqalbii hamaa keess jirti. Qaamni ajjeechaa mucaa ishee kanaaf hanga ammaa gaafatames hin jiru.

"Har'allee gaddarran jira. Mucaa koo ajjeesani. Namni dubbate tokkollee hin jiru" jetti Saleeyi Kalookooh, waayee mucaashee Paapaayoo BBC Africa Eye'tti yoo dubbattu. Qaamni mucaa ishee kan akka ijaa fi harkaa irraa citee argamuu himti haati kun.

Mucaan ishee qurxummii gurguruu gabaa bahee akka hin deebi'in dubbatti. Maatiin mucaa kanaa torbaan lamaaf erga barbaadaa turanii booda - dhumarra qaamni isaa u'uramee boolla keessaa arguu himu.

"Yeroo hundumaa ijoolleen keenya akka of eeggatan gorsina. Yeroo gabaadhaaf manaa bahan fagoo hin deeminaa. Nama hin beekne harkaayis kennaa hin fudhatinaa jennaan. Taateen kun biyya kana keessatti irra deddeebiin raawwataman" jetti Aadde Kaalookooh.

Ajjeechaa qe'ee koo giddugaleessa Seeraaliyoon jirtu, Makeenii jedhamtu, keessatti falfala naannichatti 'Juujuu' jedhamee beekamuu irra deddeebin dhagahamu kana yeroo hedduu dhageenyus qaamni mootummaa hordofee fi qorate hin jiru jedha gaazexeessaan BBC qorannoo kana godhe.

Dhimma Paapaayoon wal qabatee, poolisiin ajjeechaa falfalaaf raawwatamu ta'uullee hin mirkaneeffanne - yeroo ilmi namaa ajjeefamee qaamni isaa falfala warra Jujuuf oolu.

Isaan qaamni namaa badhaadhinaa fi aangoo isiniif fida jechuun maamiltoota isaanii gowwoomsu.

Biyya uumata miliyoona 8.9, kan qondaalonni ishee galii gad aanaa qabanii fi qorataa dhukkubootaa (Pathologist) takka qofa qabdu, Seraaliyoon keessatti yakka akkanaa faana dhawuun rakkisaa dha.

Falfalli hawaasa Seraaliyoon biratti barmaatilee dha. Poolisiinillee dhimma akkasii qorachuu waan sodaataniif fala dhawuun rakkisaa dha.

Tuutni BBC Africa Eye namoota lama kanneen qaama namaa falfalaaf dhiyeessina jedhanii fi qoricha aadaa akka dhiyeessan himatan qunnameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lamaan isaaniiyyuu qaama networkii guddaa hojii kanaa akka ta'an himatu. Tokko inumaa Afrikaa lixaarraa maamiltoota jajjaboo qabaachuu of jajuun dubbata. BBC'n qabatamummaa yaada isaa kanaa hin mirkaneeffanne.

Miseensi tuuta qorannoo BBC dhoksaan maqaa Osmaan jedhu moggaafachuun, akka qondaala siyaasatti kanneen qaama namaa falfalaaf dhiyeessan kanneenitti dhiyaachuun qaama namaa bitachuun aangoo dabalachuu akka barbaadu gaafate.

Gara aanaa Kaambiyaa, kan kaaba biyyattii daangaa biyya Giiniitti argamu deemuun jara keessaa tokko daggala itti maamiltootasaa keessummeessutti itti dhaqe.

Namicha qoricha aadaan dhiyeessa jedhu kan qaama namaa daldaluun himamu Kaanuu jedhamu argate. Kaanuun, haguugduu fuulaa diimtuu kan ittiin of dhoksu faxoorratee of jajaa dubbata. "Namoota siyaasaa olaanoo biyyoota akka Giinii, Senegaal and Naayijeeriyaa fa'i waliinan hojjedha. Garee qabna. Yeroo tokko tokko, yeroo filannoo fa'i, halkan, bakki kun guutuu dha" jedha.

Yeroon filannoo yeroo maatiin ijoollee isaanii akka hin butamne akeekkachiisanii dha.

Wal argaa yeroo lammaffaatiin ogeessa BBC waliin tolcheen, Kaanuun ofitti amanamummaa isaa ni dabale. Hojii daldalaa kanatti akka jiru amane. Buqqee mataa namaa ogeessa BBC kanatti agarsiise.

"Agartee kana? Kun buqqee namaa maamila tokkoof qophaaye dha. Isaanifan gogse. Buqqee dubartiiti. Maammilli dhufee fudhatu har'a ykn boru dhufa.

Boola bakka falfalaa kana duuba jirus qorataa BBC dhoksaan dalagu kanatti agarsiise: "Kun bakka qaamni namaa itti fannifamu dha. Asitti qallee dhiigni asirraan gadi darba. Qondaalonni olaanonillee yoo aangoo barbaaddan as koottaa. Ani waan barbaaddan isiniif kenna."

Garee qorattootaa BBC qorannoof Kaanuu faana ture harkaa fi miila dubartii falfalaaf akka barbaadu gaafannaan Kaanuunis maallaqa Liyoonii miliyoona 70 ($3,000) isaan gaafate. Tuutni BBC Africa Eye hojii qorannoo qofaaf waan baheef qabatamummaa yakka kanaa erga mirkaneeffatee booda waliin dubbii bittaa gurgurtaa qaama namaa Kaanuu waliin eegale achumatti dhaabe. Kaanuus deebi'ee hin qunnamne.

Kaanuu dabalatee kanneen qaama namaa falfalaaf dhiyeessan 'Juujuu' jedhaman kunneen yeroo kaan ogeeyyii qoricha aadaa jedhanii of waamu.

Akka odeeffannoo Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Seraaliyoon bara faranjootaa 2022 keessa doktaroota fayyaa 1,000 hin caalle qabdi. Namoota qoricha aadaa qopheessan immoo 45,000 qabdi.

Preezdaantiin Mana maree dhiyeessitoota qoricha aadaa Shakuu Tarawalee, falfaltoonni akka Kaanuu namoota qoricha aadaa dhiyeessan maqaa balleessu,"seexanoota" jechuun balaaleffata. Kanneen dheebuu aangoo fi maallaqaa qabantu ajjeechaa falfalaaf godhamu kana duuba akka jiran jechuunis amana. Xannacha tokkotu foon balleessa kan jedhu preezdaantichi, namootni qoricha aadaa hojjetan kuun yakka kanarraa qulqulluu dha jedha.

Seraaliyoon keessatti baay'inni namoota falfalaaf ajjeefamanii hin beekamu. Ajjeechaan akkanaa Afrikaa keessatti raawwatamu mootummaadhaan addatti galmaayee akka hin beekne UK'tti qorataan Yunivarsiitii Aberystwyth Emmanuel Sarpong Owusu BBC'tti himeera. Parsantii 90ni qaamolee ajjeechaa kana raawwataniis hin gaafatamani jedha.

Garee qorattootaa BBC nama biraa yakka wal fakkaataan shakkamuu fi qarqara magaalaa guddoo biyyattii Friitaawon, Waterluu jedhamtu keessa jiraatus qunnameera. Namni kun daddabarsa qoricha seeran alaa fi yakkoota kaaniin yoo shakkamu maqaan isaa Idaaraa jedhama.

"Ani qophaa koo hin jiru. Ogeeyyii qoricha aadaa 250tu nan jala jira. Qaamni namaa nuti ittiin hin hojjenne hin jiru. Qaama namaa feene yoo ajajne ni fidu. hojiisaas ni qooddanna." jedha.

Michoonni isaa tokko tokko akkamitti akka nama adamsuurratti cimoo ta'an fa'i dubbata. Wal argaa guyyaa lammeessoo qorataa BBC waliin turerratti, Idaaraan, maamilli isaa halkan nama adamsuuf akka gadi bahuuf jedhu sagalee ergeef. Gareen BBC qunnamtii nama kana faana qabus asirratti dhaabe.

Komishinarri Poolisii biyyattii Ibraahim Saamaa, waayee gochaalee akkanaa yoo gaafatamu, ragaalee gocha kanaan wal qabatanirratti hirmaannaa preezdaantii Kaawunsilii ogeeyyii qoricha aadaa Mr Taraawalee malee tarkaanfii akka hin fudhanne BBCtti himan.

"Ragaa falfalaa walii wal qabatu yoo arganne ogeeyyii qorichoota aadaa waliin hojjenna" jedha Gargaaraa Supparintendant Aliyuu Jaalloo. Poolisichi, falfaltoonni kunneen akka humna addaa qabaachuu danda'an haasawa: "Jala deemee dubbii kakaasuu hin fedhu. Jarri kun humna mataasaanii beekumsa kootii ol ta'e akka qabanin beeka." jedha.

Poolisii Seeraaliyoon sakatta gaggeessa jiru

Idaaraan, kan hojii yakkaa kanaan shakkamu yeroo to'atamu, mana isaa keessa ragaaleen akka halbeewwan fannifamanii, lafee, rifeensa namaa fi xuriin awwaalchaa fakkaatu argamuu Mr. Tarawaaleen ni himeera.

Idaaraa fi namoonni lama Waxabajjii darbe hojii falfalaa fi meeshaaalee waraaanaa aadaatiin himatamanii balleessaa akka hin qabne falmatanii wabiidhaan gad lakkifaman. Garuu qorannoon itti fufeera.

Waggoota lama barsiisaan yunivarsiitii magaalaa Firiitaawon keessatti achi buuteen isaa dhabamee booda reeffi isaa magaalaa Watarluu qe'ee warra qoricha aadaatti awwaalamee argame.

Dhimmi isaa Hagayya 2023 mana murtii olaanaatti ilaalamaa ture. Kanneen shakkamuun poolisiin to'ataman wabiin gadi lakkifamuu maddeen BBC lama himanii jiru.

Miseensa maatii isaa dabalatee namoonni hedduun gochaa sukkanneessaa falfalaaf qaama namaa barbaacha magaalaa qe'ee isaa taate Makeenii keessatti akka ajjeefaman gaazexeessaan BBC Africa Eye saaxileera.

Akkuma haati Paappaayoo mucaa ishee dhabdee haqa isaas dhabuu himatte, dubbii kana ukkaamsanii bira darbuu qaamolee poolisii sodaa fi shororkaa uumeera.