Daa'imni butamte ashaaraa waraqaa qarshii gaafatu fayyadamuun argamte

Madda suuraa, NEW YORK STATE POLICE
Daa'imni lafa bashannanaatti bishkiliitii otoo ooftuu butamte ashaaraa waraqaa nama ishee buteen ergame fayyadamuun argamte.
Shaarloot Siyeenaan daa'ima ganna sagalii yoo taatu Ameerikaa bulchiinsa Niiw Yoork irraa butamuun booda namoonni dhibbaan lakkaa'aman sa'atii 48f ishee barbaadaa turan.
Waraqaan qarshii gaafatu maatii daa'ima kanaattii ergamuun booda poolisiin ashaaraa qubaa nama warqaa erge kanarratti argamu fayyadamuun isa argachuu hime.
Poolisiin odeeffannoo nama kanaa bara 1999tti, dhugee otoo oofuu qabamuusaan ragaa galmaa'ee ture wajjin wal-bira qabuun adda isa baase.
Mana haadhasaatti argameetu achumaa qabame.
''Shakkamaan kuni poolisii hamma tahe rakkisuun booda gara gaaddisa seeraatti geeffameera. Daa'imni sanduuqa golaa keessatti argamte,'' jedhan bulchituun Niiw Yoork Kaatii Hookuul ibsa Wiixata galgala kennaniin.
''Daa'imni, akka baraaramtu, akka barruu ishee tiksurra geessus beekti ture,'' jechuun ibsaniiru. ''Waan uumame, waan ajaa'ibaati,'' jechuunis dubbatan.
Bulchituun kuni nama shakkame kana Kireeg Neelsan Roos akka jedhamu ibsan.
Namni ganna 47 kuni poolisiin qoratamaa akka jirus himaniiru.
Yeroo Shaarloot baddu maatiin ishee bashannanaaf deemanii paarkii Moreau Lake State Park keessa dahoo buufatanii turan.
Maatiidhaaf kuni ''dhiphina isa hamaa dha,'' jechuun bulchituun Niiw Yoork Kaatiin dubbatan. Namoonni yaadda'anii itti bilbilaa akka turanis himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Shaarloot erga baddeen booda waraqaan barreefama qarshii gaafatu karaa saanduuqa xalayaan maatiisheetti ergame. Poolisiin manicha sakatta'aa ture waraqicha argachuun ashaaraa quba nama kanaa adda baasuu danda'e.
Qorannoon nama kana argachuu odeeffannoo bilblaafi galmee daawwattoota paarkii irraa argameenis deeggaramuu Kaatiin CNN'tti himaniiru.
Shaarloot haala gaarriirra jiraattus of eeggannoof jecha hospitaala geeffamteetti jedhe poolisiin.
Dhaabbanni daa'imman achi buuteen isaanii dhabmeefi miidhaan irra gahu wajjin hojjetu National Center for Missing & Exploited Children Shaarloot miidhaan sammuu ''guddaan'' irra gahuu mala jedheera.
Yeroo barbaachi taasifamaa turetti hojjettoonni seera kabachiisan 400 akkasumas tola ooltonni kuataa balaa ibiddaa fa'irraa hirmaataniiru jedhe poilisiin.
Daa'imni, ''ala keessa fiiguu jaalattuufi qaxaleen,'' baddeetti jechuun ishee argachuuf gargaarsi uummataa gaafatamaa ture.
Adaadaan Shaarloot gama Tik Tok'n odeeffannoo iddoo ishee jirtutti qajeelchu gaafataa turte.
Waamichi barbaacha daa'ima kanaa hanga km80 waliingahuun dhagahame ture.
Paarkiin daa'imni maatiishee wajjin turte yeroo poolisiin barbaachatti ture cufamee ture. Keellaa irratti immoo konkolaachistoonni sakatta'amuuf eeyyamamoo tahuun deeggaraa turan.
Dabalataan Biiroon Qorannoo Federaalaa(FBI) qorannoon kana barbaacha kanarratti deeggarsa kennaa ture jedhan bulchituun Niiw Yoork Kaatiin












