Intalli biliyeenara addunyaa, Elon Maask, hin fedhu jechuun sanyiiabbaasheerraa addaan cituu filatte

Elon Musk

Madda suuraa, Getty Images

Intalli biliyeenara addunyaa kanaa Elon Musk maqaa fi saala jijjiirrachuu, akkasumas abbaa ishee uummate waliin hariiroo sanyummaa qabdu adda kutuuf iyyannoo dhiyeeffattee turte.

Namni waggaa 18 kun saalli ishee akka dubaraatti akka beekamuufi maqaashees jijjiirrachuun Vivian Jenna Wilson akka jedhamtu gaafatteetti.

Duraan maqaanshee Xavier Alexander Musk ture.

Shamarreen kun iyyannoo maqaa jijjiirrachuu fi ragaa dhalootaa haaraa baafachuuf dhiyeessite, Mana Murtii Olaanaa Los Angeles keessatti argamu Santa Monica'tti galchatte.

Rakkoon kun maalirraa akka maddeefi dhibdeen Aab Maask fi intalasaa gidduu ture maal akka ta'e ifa miti.

Abbaan qabeenyaa kubbaaniyyaa Tesla fi SpaceX Elon Maask hanga yoonaa dhimma kanarratti yaada hin kennine.

Aab Maask haadha Vivian, barreessituu biyya Kanaadaa kan taate Justine Wilson, kan fuudhe bara 2000 ture, bara 2008 ammoo wal hiikan.

Daa'imni isaanii jalqabaa Nevada jedhamu bara 2002 dhalatee torban kudhan booda jalaa du'e.

Isa booda daa'imman dhiiraa lakkuu-Xavier fi Griffin- jedhaman godhatan, booda ammoo daa'imman dhiiraa sadi (lakkuu sadi)- Damian, Kai fi Saxon jedhaman yeroo tokkotti argatan.

Daa'imni dhiira ta'ee dhalate- Xavier Alexander Musk kun yeroo ammaa saala dubaraa fudhachuuf kan iyyateedha.

Aab Musk dubartii biraa irraallee ijoollee lama qaba, inni addunyaarratti beekamus ijoolleensaa hunduu garuu beekamtii hin qaban.

Guyyaa abbootii irratti ijoolleesaa hundayyuu akka jaal'atu twiitarii isaarratti barreessee ture.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Aab Musk daa'imni isaa dhiira ta'ee dhalatee amma dubara ta'uuf murteesse maaliif akka isarraa fagaachuuf murteessite irratti homaa hin dubbanne.

Ofii waa'ee namoota saala ittiin dhalatan dhiisanii saala faallaa ta'uu fedhan (transgender) irratti dubbachuun beekama.

Dhiirota fedhii saalaa walirraa qaban (gay) faallaa dhaabbachuudhaanis maqaansaa ni ka'a.

Bara darbe dhimma namoota maqaa akkasii moggaafatanii ittiin of waamanii faallaa dhaabbatee barreessee ture.