Bara 2027tti hubannoo nam-tolchee (AI)n ilmaan namaa balleessu malaa laata?

Teeknolojiin humannoo man-tolchee (AI) waggaa lamaan booda addunyaa to'achuudhaan ilmaan namootaa balleessuu akka danda'u ilaalchisee waraqaan qorannoo kana raaguu iftoomuu hordofee addunyaa teeknooloojichaa keessatti yaddoo umeera.

Qorannoon mata dureensaa AI2027 jedhamuun oggeessota damee kana keessatti beekamtii qabaniin qoratamee barraa'e kunis, teknolojichi kaayyoo hojjatameefiin alatti amala addaa hin eegamne agarsiisuudhaan ilmaan namaa balleessuu danda'a raaguun jedhu kaa'eera.

Gara fuulduraatti dhibbeewwan irraa fayyiisuu, iyyummaa balleessuufi gahee gara biraa ijoo hedduu ni qabaata kan jedhama humannoon nam-tolcha (AI) ilmaan namootaa ajjeessuu dabalatee wantoota gara fuulduraatti mudachu danda'an qorannoo kana keessatti kaafamaniiru.

Qorannoo waggoota lama dhufan keessatti AI maal ta'u akka danda'u tarreesse kana hordofee, viidiyoowwan namoonni baayyeen irratti wal falman kan bahe yoo ta'u, kanneen imaammata baasanis akka ilaalan taasifameera.

BBCn haalawwan AI2027 gara fuulduraatti qaqabsiisuu malu ilaalchisee kan qorannichi raagee maal fakkaachu akka danda'u kan jedhurratti deebii kennuudhaaf oggeessoota damee kanaa dubbiseera.

Gara fuulduraatti haalli maal fakkaachuu mala?

Qorannichi bara 2027tti dhaabbanni asosamaa Ameerikaa guddichi 'OpenBrain' jedhamu hubannoo namtolchaa AGI (Artificial General Intelligence) jedhamu akka ijaaru raageera.

AGI kunis hubannoo namtolchaa sadarkaansaa kan hubannoo amma namoonni sammuusaaniti hojjataniin wal gitu ykn isa caalu hojjachu danda'a jechuudha.

Dhaabbatichis mirlkaa'ina kanaaf ibsa gaazexessitootaaf kennuun namoonni meeshaale AI wayita simataniitti bu'aansaanii yoo dabalu agarsiisa.

Dhaabbanni yaadaa kun hubannoon nam-tolchaa sadarkaa olaanaan kennamuuf kan sadarkaa isaa ol kaasuu jedhamee eegama.

Haata'u malee, qorannichi akka jedheetti, AI dudhaafi naamusa akka hordofuuf hojjatamee diduu mallattooleen garee nageenya dhaabbaticha keessaa ni agarsiisu.

Ta'us dhaabbatichi dhimmoota kanneen to'achuudhaaf akeekkachiisa kennameef gurra akka hin kennine qorannichi raageera.

Kanaafuu baroonni yaadaa gara fuulduraa hubannoo nam-tolchee 'OpenBrain' Chaayinaan uumtu 'DeepCent' bira gahuudhaaf baatiiwwan muraasa qofaatu hafa.

Addunyaa yaadaa kanaan mootummaan Ameerikaa dorgommii knaan mo'amu waan hin barbaadneef AI hubannoo sana caalaa qabu gabbisuuf invastimantiifi yaaliiwwan kan itti fufuu yoo ta'u, dorgommiin ni cima.

Haalliwwan akkuma raagaman dhuma bara 2027tti AL beekumsaafi saffiisa umameen caaluudhaan baayyee sadarkaa olaanaarra kan gahu ta'a.

AIn sadarkaa sanarra gahees barachuu waan hin daabneef, AI,wwan duraan hojjatamanillen dorgomuuni kan hin dandeenye afaan kompitaaa saffiisaa akka uumatu raagama.

Hubannoo man-tolchaa (AI)n olaantummaa to'achuudhaaf dhaabbatichi dorgommii Chaayinaa waliin qabun akkasumas mootummaan Ameerikaa akeekkachisawwan dabalataa akka tuffatu kan taasian yoo ta'u, kanaanis AI haala namoomaa waliin wal hin madaalleetti qajeela jedha.

Dorgommiin Chaayinaafi Ameerikaa jidduu jiru gara mudamaatti jijjiramee itti fufuudhaan, biyyoonni dorgoman kaan meeshaalee waraanaa AI kanaan hojjataniin bara 2029tti gara waraanaatti seenyy akka danda'an qorannichi ni raaga.

Haata'u malee, biyyoonni osoo gara waraanaatti hin seeniin dura hubannoo namtolchee sadarkaa olaanaarra gahan kenneen jidduu galamuun waliigalteerra gahu.

Addunyaa yaadaa kanaan Chaayinaafi Ameerikaan egeeree ilmaan namaa fooyya'aa uumuudhaaf AL kanneen akka walitti makan qorattoonni ni raagu.

Kana hordofee waggoonni dhufan hundi gaarii ni ta'u. Addunyaan keenya hojjattoota roobotii gurguddaa AI kanneen hojiirratti bobbaafaman bulchiidhaan kan faayidaasaanii hubatu ta'a.

Kana qofaas osoo hin taane, hubannoo man-tolchaa sadarkaa hubannoo olaanaa qabana kanneeniis dhukubboota baayyeef fayyuuni ni danda'ama, dhiibbaan jijjirama qilleensaa ni hir'ata akkasumas iyyummaan ni bada jedhameera.

Haata'u malee, oolee bulee hubannoo namtolchee kunneen fedhiinsaan guddachuu qaban ilmaan namaatiif gufuu ta'era amantaan jedhu wallakkeessa 2030 keessa ni umama.

Sababii kanaatiin hubannoon namtolchee kunneen ilmaan namaa meeshaa wraanaa baayiloojii hin argamneen ni balleessu jechuun qorattoonni raagaaniiru.

Namoonni waa'ee AI2017 maal jedhu?

Kaan isaanii qorannoo AI2027 kana akka asoosama saayinsiitti ilaaluun gurra kennuufii baatanis, barreessitoonni qorannichaa kanneen maqaa gaarii qabaniifi miseensoota dhaabbata pirojaktii egeeree AI kan dhiibbaa hubannoo namtolchee raaguuf dhaabbateeti.

Barreessaa olaanaan bareeffamichaa, Daani'el Kokotaajiloo kanaan dura madaala AI keessatti haalawwan jiran raaguudhaan beekkamtii argataniiru.

AI2027 kanneen qeeqan keessaa saayintistiin Hubannoo (cognitive) Ameerikaa fi barreessaa Gaarii Maarkis tokko yoo ta'an, haalawwan qoranichaan tarreeffama kan umamuu danda'an ta'an illeen, garuu ammoo akkasiin yeroo gabaabaa keessatti umamuuf carraa baayyee gadaanaadha jedhu.

''Bareedinni qorannoo kanaa tokko fakkii ifaa ta'e kennuun miira namoota nu kakaasa. Kun waan gaariidha. Haata'u malee, bu'aansaa kana ta'u waan hin dandeenyeef akka waan qabatamaatti hin fudhadhu'' jedhan.

Gaarii Maarkis akka jedhaniitti, beekuma ammaatiin hubannoo namtolcheen ilamaan namootaaf yaaddoo ta'urra dhiibbaan hojiirratti qabaatu olaanaa ta'un yaaddeessaadha.

''Qorannoo kanaan wanti ijoon dogongorawwan hedduu hubannoo namtolcheen wal qabatanii umaman ni jiraatu. Wanti ijoon to'annoofi waliigalteewwan addunyaarratti waan sirrii hojjataa jirraa? kan jedhuudha'' jedhan.

Isaanis ta'e qeeqxoon kaan, qorannichi hubannoo namtolcheen beekumsaa fi dandeettiidhaan attamiin haalaa olaanaadhaan guddachuu danda'e kan jedhurratti ibsa kennuu hin dandeenye jedhu.

AI2027 Chaayinaatti falmisiisaa ta'eeraa?

Qorannicha Chaayinaa keessatti dhiibbaa baayyee akka hin umne Landaniitti, Pirofesarri walta'aan Diingagdee fi Kalaqaa Kolleejjii Kiingiis, akkasumas oggeessi teknolojii Chaayinaa Dr Yundaagoo Goong himaniiru.

''Mariiwwan waa'ee AI2027 jiran baayyeen waltajjiiwwan idilee hin taanee ykn barreessitoota tokko tokko biratti qorannicha akka asoosama saayinsiitti agarsiisuudhaan. Akka Ameerikaa keessatti argaa jirru falmii bal'aa ykn xiyyeeffannaa imaammataa hin hordofsiifne'' jedhan.

Dr Yundaagoo Goong dorgommii olaantummaa AI ilaalchisee Ameerikaa fi Chaayinaa jiduu garaagarummaan ilaalchaa jiraachu kaasu.

Yaa'ii addunyaa AI tibbana gaggeeffamane irratti Ministirri Mummee chaayinaa Lii Kiiyaang, mulata biyyoota AI irratti walta'insa addunyaa cimsuun hojjatanii ifa godhaniiru.

Dursaan Chaayinaa biyyisaanii teknolojichaa wal taasisuu fi to'achuudhaan gargaaruu akka barbaaddu ibsaniiru.

MM Chaayinaa, kana kan jedhan pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp biyyisaanii damee AIn ''olaantummaa'' kan ittiin qabattu sagantaa hojimaata AI motummaasaanii ergamaxxansanii guyyootaan booda ture.

''Ameerikaan olaantummaa teknolojii addunyaa eenyumtuu hin dorgomneen qabaachuufi itti fufsiisuun nageenya biyyaaleessaa isheetiif dhimma barbaachisaadhaa'' jechuun dubbatanii ture Pirezidanti Tiraamp.

Sagantaan Tiraamp baasan kun, Ameerikaan damee AIn ''kan danbiiwwan cimaa'' dhabamsiisuuf kiyyeeffateedha.

Industiriin AI waa'ee AI2027 maal jechaa jira?

Barreeffamni kun baay'inaan hoji gaggeessitoota olaanoo dhaabbilee AI gurguddoo yeroo hunda moodeelota qaroo ta'an gadhiisuuf wal dorgomaniin kan tuffatamu ykn kan irraa fagaatu fakkaata.

Dhaabbileen teeknooloojii gurguddoon kunneen mul'anni AI egeree ilamaan namaa ni ta'a jedhanii kan eegan kan AI2027n dhiyaate irraa baayyee addadha.

Saam Altmaan, kalaqaan ChatGPT, dhiheenya kana akka jedhetti, "dhalli namaa maashiina baayyee hubannoo olaanaa qabu (superintelligence) dijitaalaa ijaaruuf itti dhiyaachaa jira." Kunis warraaqsa dijitaalaa addunyaa dinqisiisaa ilamaan namaarratti yaaddoo hin qabne fidudha jedhan.

Kan nama ajaa'ibu garuu, innillee maashiniiwwan 'super intelligent' ta'an kunneen hawwii dhala namaatiin akka walsiman mirkaneessuuf 'rakkoon walsuu dhabuu' irra aanuu jiraachuu akkamalu ni amanu.

Waggoota kurnan dhufan keessatti wanti hundinuu karaa garaagaraatiin haa deemu malee, fiigichi maashinii ilamaan namaa caalaa qaroo ta'e ijaaruuf taasifamaa akka jiru shakkiin hin jiru.