Dargaggoo hawwii gitaara taphachuu irraa ka'uun gitaara hojjetee amma gabaaf dhiyeessaa jiru

Muluqan Boonoo
Ibsa waa'ee suuraa, Muluqan Boonoo

Dargaggoo Muluqan Boonoo naannoo Kibba Itoophiyaa magaala Arbaamiinci keessatti dhalatee guddate.

Ijoollummaarraa kaasee sagaleen gitaaraa mana amantaa keessatti dhagahuun qalbiinsaa hawwatamaa ture. Booda mana amantaa keessatti yeroo faarfannaa gitaara taphachuu shaakalaa akka ture hima.

Muluqan bakka hojiisaa Magaala Arbaamiinci bakka hojiisaatti turtii BBC waliin taasiseen ijoollummaatti gitaara taphachuu jaalatulleen gitaarri jiru nama hunda waan wal hin geenyeef taphatee dheebuu hin bahu ture.

"Daa'immummaa kiyyaan fedhiin gitaara taphachuu keessakoo waan tureef mana amantaa deemeen shaakalaa ture. Gitaarri immoo gahaan hin turre. Mana amantaa hunda keessatti dhuunfaan gitaarrii hin turre," jedha.

Muluqan Abbaan isaa waggaa dheeraaf qe'eetti hojii ogummaa mukaa hojjetu. Innis isaan jalatti ogummaa hojii mukaa kana barateera.

Hanqina dhiheessii gitaaraa fi fedhii gitaara akka garaasaatti taphachuuf qabu kanaafis yaadi gitaara hojjechuu jedhu sammuusaatti dhufuu hima.

"Ani hojii mukaan hojjechaa guddadhe. Gitaara yoon laalummoo qaamnisaa mukumarraa kan hojjetame. Kanaaf jecha gitaara hojjedhee hanqina jiru kana furuun qaba jedheen murteesse," jechuun ibsa.

"Garuu gitaara waanuma hojii mukaa dandeessuuf hin hojjettu. Hojiinsaa ulfaataadha. Kanaaf jecha Yuutuubii irraa ilaaluun jalqabe. Akkamitti akka hojjetamu qabiyyeewwan saayinsii isaa barachuun jalqabe," jedha.

Hojiin gitaaraa beekumsa saayinsii gama sagalee, dhimma kirkiraa, kofawwanii fi beekumsa fiiziksii kan nama gaafatu akka ta'es hima.

Muluqan Boonoo
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mana hojii mukaa qe'ee abbaa isaa keessatti hojjetu kanattis qabiyyee fiizikaalaa gitaaraa mukarraa ALI bara 2009 hojjete. Hojiin isaa jalqabaa kun garuu bifan gitaara haa fakkaatu malee gama sagaleetiin milkaa'aa hin turre.

"Yeroo sana calliseetuman yaalii godhe malee beekumsi nahafa ture. Kanaaf Istaandaardii gitaara addunyaarra jiru guutuu hojjechuu hin dandeenye ture. Fileetiiwwan gitaararra jiran kana oggas tilmaamumaan gadi tarreesse ture. Hojichi tilmaaman waan ta'u miti" jedha.

Gitaarri inni jalqabaaf hojjete kuni ulfaatina kan qabuu fi akkaataan bahiinsa sagalee isaas mijataa waan hin turreef 'Ana malee namni biraa beekee hin taphatuun ture' jechuun yaadata.

Yaalii lammaffaa bara 2010 taasise irratti garuu gitaara biyya alaatii bitame walbira qabaa, beekumsa saayinsawaa hojichi gaafatus yuutuubii irraa haalan barachuun bara 2013 gitaara karaa hundaan milkaa'aa ta'e hojjechuus hima.

Gidduutti barnootaaf gara Finfinnee waan deemeef waggoota muraasa hojiisaa adda kutee turuus dubbata.

Gitaara fedhii biyya keessaa qofa miti Afrikaaf rabsuun karoora qaba

Dargaggoo Muluqan erga Bara 2013 gitaara milkaa'aa hojjetee hojicha daran cimsee hojjechaa jira.

Inni hojii mukaa kana akka hojii dabalataatti yaa hojjetu malee ogummaadhaan barsiisaa barnoota teeknikaa fi ogummaati.

Finfinneetti Koolleejjii teeknikaa fi ogummaa federaalaa irraa gosa barnootaa 'Electrical control Tecnology' jedhamuun digiriidhaan eebbifame.

Barnootni kun ammoo beekumsa hojii saayinsii gitaaraa hojjechuuf isa gargaaru hedduu akka baruuf carraa kennuufiis hima.

"Barnoota keessatti waa'ee sagalee, waa'ee dambalii baradheera. Gitaarris saayinsii dambaliidhaan walqabatu qaba. Kanaaf carraa Kanaan akkan qoradhee baru nagargaareera" jedha.

Muluqan Boonoo

Muluqan amma dandeettii guyyaa sadii keessatti gitaara tokko hojjetee xumuruurra gaheera. Si'a tokkoon hojii gitaara kudhanii jalqabee ji'a tokko keessatti xumuruun gabaaf akka dhiheessus hima.

Dargaggoon kuni Gosa Gitaaraa omishus dabaleera. Gitaarota akuustikii, kanneen elektriikiin hojjetanii fi Gitaarota morma lama qabanis omisha.

Ammatti oomisha isaa kana manneen amantaa, warra muuziqaa fi namoota dhuunfaatiif dhiheessaa akka jiruufi fuula duratti Gitaarota qulqullina olaanaa qaban gabaa addunyaatiif dhiheessuu akka karoorfates hima.

"Mukeen biyya keenyaa fayyadamee gitaarota qulqullina olaanaa qaban omishuun barbaada. Fedhii biyya keessaa qofa osoo hin taane gabaa addunyaa irratti gitaara biraandii Itoophiyaa ta'e omishuun yaada. Gabaa Afrikaa irratti bal'inaan dhiheessee hanqina Gitaaraa jiru furuuf karooran qaba," jedha.

Gitaaronni amma inni omishaa jiru kuni gitaarora biyya alaatii galan waliin yoo walbira qabamu qulqullina walitti dhihaatu qabaatulleen inni gatii madaalawaan fayyadamtootaaf akka dhiheessus dubbata.

"Gitaarotni biyya alaatii galan gatiin isaanii kuma 24, kuma 25 ta'a. Ana biratti kan hojjetamu ammoo gatiin isaa walakkaadhaan isaanirraa hir'ataadha. Ana biratti gatiin Gitaara tokko birrii kuma 10 hanga kuma 12 gidduudha," jedha.

Dargaggoon kun gitaara hojjechuu qofa osoo hin taane taphachuu isaarrattis dandeettii qaba.

Bakka omisha isaa magaala Arbaaminci kana keessattis yeroo hojiirraa aara galfachuu barbaadu Gitaara hojjetee xumure tokko fudhatee sagaleedhaanis faarfachaa sammuusaa boqochiisa.

"Gitaaraf jaalallin qabu daangaa hin qabu. Dura gitaara qabu tokko mana meeshaan olkaa'a ture. Hamman mana meeshaatii meeshaa fuudhuu seenu xiqqoo ofirra taa'een gitaara taphadha. Guyyaatti si'a hedduu akkanattin of bashanansiisa" jedha.

Tapha Gitaaraas ta'e gitaara hojjechuu kana garuu addatti hin baranne. Barnoota hedduu shaakalumaa fi yuutuubii irraa barate.

Dargaggoo Muluqan yeroo ammaa hojii gitaaraa kanaaf dhaabbilee adda addaafi namoota dhuunfaa irraa ajajoota adda addaa fudhatee hojjechaa jiraachuu fi gabaa fooyya'aa akka qabus hima.

Omishawwan isaas gitaara taphachaa miidiyaalee hawaasummaa adda addaa irratti ofumaan beeksifachaa gabaa hawwachuu irratti argama.