Kooriyaan Kaabaa misaayela cimaa Jaappanitti dhukaaste

Madda suuraa, EPA
Kooriyaan Kaabaa dhorkii UN cabsuun, misaayela cimaa qabdu kan fageenya dheeraa deemu dhukaasuushee anga’oonni Kooriyaa Kibbaa mirkaneessan.
Misaayelli Jaappan lixa Hokkaayidoo qubate kun biyyootii Lixaan balaaleffatameera.
Kooriyaan Kaabaa misaayela kana kan dhukaaste erga torban darbe qondaaltonni ittisaa Kooriyaa Kibbaafi US haleellaa nuukeleeraa Kooriyaa Kaabaa irraa dhufuuf akkamiin deebii kennuuu akka danda’amurratti marii gaggeessan boodadha.
Mootummaan Kooriyaa Kaabaa kanaaf deebii kennuuf “tarkaanfii haleeluu dabalataa” akka fudhatu beeksiseera.
Misaayelli fageenya dheera kun kan dhuukafame Wiixata ganama akka biyyattitti sa’aatii 02:34 irratti naannaa Piyoongiyaang irraati.
Qondaaltonni Jaappaaniifi Kooriyaa Kibbaa misaayelli kun fageenya km 1,000 irraa daqiiqaa 73 akka imale himaniiru.
Misaayelootni ICBM jedhaman kun dandeetti ardii Ameerikaa Kaabaa qaqqabuu qabu. Dhukaasi Wiixata taasifame kun wagga kana keessatti dhukaasa ICBM milkaa’aa Kooriyaan Kaabaa taasifte isa shanaffaadha.
Muddamni Kooriyaa Kaabaafi Kibbaa jidduu jiru kan hammaatee, ji’a darbe yeroo Kooriyaan Kaabaa qoqqobbii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii cabsuun saatlaayitii basaasaa erga hawaatti ergitee boodadha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Koriyaan Kaabaa kanaaf deebii kenniteen walii galtee humna waraanaa Kooriyaa Kaabaa waliin qabdu gariin addaan kutteetti. Walii galteen kun waldhabee hir’isuuf jecha sochii humna waraanaa daangaarra jiru kan daangessu ture.
Sana booda Kooriyaan Kaabaa ammo walii galtee kana keessa guutummaatti baatetti. Itti aansuunis loltoota ishee Zoonii Humna waranaan bilisa ta’ee keessa jiran hidhachiisteetti.
Torban darbe, gorsaan ittisa biyyaalessaa Kooriyaa Kibbaa, Kim Tee-hiyoo, ji’a Muddee keessa yeroo tokkotti Kooriyaan Kaabaa misaayela ICBM dhukaasuun ishee hin oolu jechuun dubbatee ture.
Wiixata, qondaaltoonni ittisa biyyaalessaa Kooriyaa Kibbaa ICBM dhukaafamee miisaayela boba’aa jajjaboo akka ta’e mirkaneessaniiru. Misaayelotni akkaanaa dhukaafamuu dura boba’aan gutaamuun waan isaan hin barbaachisneef, akeekkachisa muraasaan dhukaafamuu danda’u.
Balalii milka’aa Ebla tasiise booda Kooriyaan Kibbaa misaayela Hwasong-18 jedhamu Adooleessa keessa yaalteetti.
Kooriyaan Kaabaa dabalataan misaayela fageenya jidduu galeessaa boba’aa-jajjabaa haaraa oomishuuf hojjechaa jirti.
Ji’a darbe injinii misaayelichaa milkaa’inaan yaaluu ibsiteetti, garuu misaayelichi hanga ammaatti milkaa’inaan hiin dhukaafamne.
Yeroo Kooriyaan Kibbaa kuusaa meeshaa waranaa nuukileraa ishee guddifachaafi sirreefachaa deemtutti, Kooriyaa Kibbafi Ameerikaa nannicha keessatti humna ittisaa isaanii cimsachaa jiru.
Jimaata darbe walga’ii Waashigtanitti taasisaniin, qondaaltonni biyyootii lamaanii, haleellaa nukileeraa Kooriyaan Kaabaa taasisuu dandeessuuf karooraa deebii isaanii hareessaniiru. Biyyootiin lamaan dabalataan bara itti aanuutti shaakala waraanaa taasisan irratti yaalii fayyadamama waraanaa meeshaa nukeelaraa fayyadamuuf walii galaniiru.















