Dubbiin Tiraampi akka warri Paartii Liberal filannoo Kanaadaa mo'atan gargaare

Madda suuraa, Reuters
Filannoo Kanaadaan Maarki Kaarnii fi paartiin isaanii Liberaal injifannoo guddaa galmeessan.
Kun deeggarsa guddaa yaada Tiraampi irraa argameen injifannoo dhufedha jedhame.
Tiraampi walitti aansee Kanaadaan isteetii US, 51ffaa haa taatu jechuun isaanii deegarsi uummataa filannoo ammaa irratti gara paartii Liberaalitti akka dacha'uuf gargaareera.
Hnaga sanatti paartiin Piiree Pooliviree, Konservaatiiv Paartiin deeggarsa uummataa guddaa qaba ture.
Jastin Tiruudoo jalatti haala dinagdeen Kanaadaa itti turetti kan hin gammanne lammiileen biyyattii deeggarsa isaanii Liberalota irraa kaasanii ture.
Waggoonni darban mootummoota aangoo irra turaniif yeroo qormaataa hamaa ture. Jarman, Faransaay, Jaappaan, UK, US fi Hindiif yeroo ulfaataa ture.
Filannoon waliigalaa Kanaadaa kun ammoo barmaaticha cabsuun paartii aangoorra tureef deeggarsa kenne.
Keerniin dhimma dingdeef qofa osoo hin taane walabbummaa Kanaadaafis rakkoo ture jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Warri liberaalotaa Tiraampiif galata galchu jedhamee hin eegamu.
Ji'a darbe warri Liberaal osoo mo'atan natti tola jedhus garuu abbaan fedhe yoo filannicha mo'ates dhimma isaa akka hin taanes ibseera.
Waraana daldalaa gidduu isaaniitti mudate, akkasumas Kanaadaa qaama US akka taatu gaafachuun biyyoota lamaan gidduutti muddama uumeera.
Poolivree, dursaan paartii Konzervaatiiv Tiraampi waliin waan wal isa fakkeessu qaba ture.
Waajjiraalee mootummaa xiqqeessuu, gibira xiqqeessuu, tajaajiloota hawwaasaa xiqqeessuu fi itti fayyadama dhagaa cilee jabeessuun galma dursaan paartichaa qabachuun socho'u ture.
Kun ammoo Tiraampi waliin wla isaan fakkeessa.
Osoo Konzervaatiiv mo'ate tahee silaa Tiraampi Ameerikaatti qofa osoo hin taane filannoo addunyaa guutuu irratti dhiibbaa uumeera isa jechisiisa ture.
Farra godaantotaa, warra seeraa fi aadaa ganamaa leellisan biyyoota adda addaa keessatti bakka qabachuun haalatti Tiraampi waliin hojjetan kan uumu ture.
Amma Keernii jalatti Kanaadaan Ameerikaa caalaa michummaa Awurooppaa kan barbaaddu fakkaata.
Qaraxa Ameerikaan meeshaalee jijjiirraa konkolaataa Kanaadaa irratti dabarsite kaasisuuf Keerniin Tiraampi waliin ariitiin marii jalqaba jedhamee eegama.
Dinagdeen Kanaadaa irra caalaa al-ergii gara UStti tahu irratti hirkateera.
Yoo Tiraampi waliin waraana daldalaatti galan dinagdee biyyattii balaa irra kan buusu tahus, ofii ogeessa dinagdee fi baankii kan tahe namni siyaasaa filannicha mo'ate Keerniin akka dinagdeen biyyattii rakkoorra hin buuneef waanan danda'e hundaa nan godha jedheera.












