'Dhakaarra taa'uun nudhukkubse jedhanii ijoolleen mana barumsaa hafaa jiru'

Godina Shawaa Kaabaatti aanaan Warra Jaarsoo magaalaa guddoo Finfinneerraa fageenya kiiloomeetira 200 hin caallerratti argamti.

Aanichi aanota Shawaa Kaabaa rakkoon nageenyaa hawaasa gidirsaa jiru keessaayi.

Walitti bu'iinsa humnoota mootummaafi hidhattoota gidduu adeemuun immoo bakki miidhaa guddaa keessummeesse ammoo manneen barnootaa fi barattoota.

Akka fakkeenyaatti mee mana barumsaa aanaa kana keessaa tokko haa ilaallu.

Manni barumsaa Ejersa jedhamu aanaa Warra Jaarsoo kana keessatti kan argamu yoo ta'u, bara 1986 hundaa'e.

ALI hanga 2013'ttis bu'uura barnootaaf barbaachisu guutuutti guuttachuu dhabulleen adeemsa baruu fi barsiisuutiif gahaa ture jedhu maatiin barataa BBCn dubbise.

Hanga bara kanaatti barattoota kutaa 1ffaa hanga 8ffaa kuma tokko caalantu mana barumsaa kanatti barachaa ture.

Bara 2014 akkuma barnootni eegaleen ganda kanatti rakkoon nageenyaa dhalate.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan 'Shanee' jechuun waamu achi keessa socho'uu eegalani jedhu jiraataan kun.

Sababuma kanaan tajaajilli baruu fi barsiisuu ALI Sadaasa bara 2014 guutummaatti adda cite.

Ergasii manni barumsaa kuni dirree takkaa hidhattoonni WBO takkaa ammoo raayyaan ittisa biyyaa itti walfuranii keessa buufatan ta'e.

Qabeenyi mana barumsaa kanaas sadarkaa guutumatti jechuun nama dandeessisuun kaan manca'ee, kaan ammoo saamameera jedhu jiraataan naannichaa maqaan isaanii akka ibsamu hin barbaanne.

"Yeroo tokko waraana bosonaa, yeroo kaan ammoo waraana mootummaatu kaampii godhata. Warri bosonaa gaafa dhiibanii dhufanii waraana mootummaa kana keessaa baasan kaampiidha malee kuni mana barumsaa miti jedhanii tarkaanfii irratti fudhatu."

"Mootummaanis waggaa lamaan dura waraanni bosonaa kuni achi keessa qubatee jira jedhee diroonidhan dhaheera" jedhan.

Waggoota afur walitti aananiif barattoonni mana barumsaa kana keessatti baratan dirree barnootaa, gabatee gurraachaa fi barsiisaa isaaniitiin walitti hin deebine.

Barattoonni mana barumsaa kanatti barachaa turan erga dirree barnootaa irraa waggootaaf fagaatanii kaan fuudhaafi heerumatti, kaan gara hojii humnaa hojjechuutti yoo goran ijoollee hedduun ammoo maatuma biratti waggaa afur barumsa malee dabarsan.

Hawaasni gandichaas akkuma mana barumsaa kanaatti hidhattooni gama lamaaniituu qe'ee isaanii keessa yoo socho'an arguun waanuma baratamaadha.

Waggoota afuriif ijoolleen isaanii dirree barnootaa irraa hafuun kan isaan dhiphise hawaasni naannoo garee lamaanittuu jaarsummaa bahee mannii barumsaa kuni bara kana akka banamu ta'e jedhu jiraataan BBC'n dubbise.

"Jaarsi biyyaa warra bosonaattis, warra mootummaattis deemee iyyate. Warri bosonaa mootummaan kaampii godhannaani malee nuti akka ijoolleen hin baranne hin goonu jedhan. Gama mootummaatiinis deeggarsi godhamee barana baname" jedhan.

Barattooni dheebuu barnootaa waggoota afurii booda gara mana barumsaatti barana yoo deebi'an qe'een mana barumsichaa akka isaan dura beekan hin jiru.

Teessoon, gabatee gurraachi, dareewwan hunduu hin jiru jedhan namni waajjira barnoota aanichaa keessa hojjetuu fi BBC'n dubbise biraa.

'Bakka nagummaadhaaf wabiin hin jirre keessan jira' jechuun eenyummaan isaanii akka hin ibsamne kan gaafatan ogeessi barnootaa kuni, barattoonni amma haala rakkisaa keessatti barachuu akka jalqaban himu.

Erga manni barnootaa kuni cufamee barsisonni mana barumsichaatti barsiisaa turan gara manneen barnootaa birooti ramaddii yeroo argatanii barsiisaa turan.

Amma marii hawaasni qaamolee lameen waliin taasiseen barsiisonni muraasni mana barumsaa kanatti deebi'aniiru.

"Rakkoon nageenyaa naannoo kanaa ammas hin furamne. Hawaasni qaama lamaanuu dubbiseetuma akka banamu ta'e. Barsiisonnis haala rakkisaa kana keessatti barsiisuuf deebi'aniiru" jedhan.

Mana barumsaa kanatti barattoota kuma tokko caalan barachaa turan keessaa erga waggaa afur cufamee tureen booda barataan mana barumsatti deebi'e walakkaa hin caalu jedhan Ogeessi kun.

Hanga ammaatti barsiisaa sagal qofatus achitti deebi'ee barsiisaa jira.

"Maatiin tokko tokko banamuun kun hin amansiisne. Gaaftokko ammas qaama kana lamaan gidduutti waa ka'ee akkuma kana duraa ta'a sodaa jedhu qabu" jedhan.

Dareewwan mana barumsaa kanaa manca'uurraa kan ka'e hawaasni naannoo baaxii manaa fi kaan ofumaa mijeessee barnooni jalqabe..

"Dareen amma jirtu daree afur qofa. Isumayyuu daree lama waraana mootummaatu ammayyuu keessa buufatee jira. Teessoon tokkittiin hin jirtu. Barataan hundi mukumaa fi dhakaarra taa'a"jedhan.

'Dhakaan nudhukkubse jedhanii barnoota hafaa jiru'

Ogeessi barnootaa BBCn dubbise kuni, barattoonni mukarra, dhakaarraa fi lafuma taa'anii barnoota jalqabani jedhu.

"Dhakuma diriiraa har'a irra taa'an boru waljalaa fudhatu. Dararaan barattoonni keessa jiran nama asgahe ilaaleef baruufii barsiisuu osoo hin taane mana hidhaati.

''Haala ulfaataa keessa jirra. Ijoolleen dhakaan hudduu nudhukkubse jettee barnoota jibbaa jirti" jedhan.

Waraanni mootummaa ammayyuu mooraa mana barumsaa keessa buufatee jiru gama tokkoon daree barnootaaf oolu qabateera, gama kaaniin ammoo hidhattoonni akkuma kana duraa kaampii isaaniiti jechuun haleellaa raawwachuu malu jechuun yaaddoo qabaachuus himu.

Aanaa Warra Jaarsoo kanatti manneen barnootaa wiirtuu Ejersaa kana jala jiran shan waggootaaf cufaa turan.

Wiirtuuwan aanichaa biroo keessattis manneen barnootaa sababa rakkoo nageenyaan cufamanii ture kan deebi'anii banaman jiru.

Kanneen bara kanalleen hojii baruu fi barsiisuutti hin deebines jiraachuu ogeessi barnootaa kuni BBCtti himan.

Manneen barnootaa sababa rakkoo nageenyaatiin mancaatii guddaan irra gahee fi adeemsa barumsaaf rakkisaa ta'an kana tumsuuf dhalattoonni aanichaa duula deeggarsaa gama miidiyaa hawaasummaatiin taasisaa turan.

Ta'ulleen mancaatiin gahe qabeenya guddaa kan gaafatu waan ta'eef jijjiirama amansiisaa waan fidu argachuu hin dandeenye jedhan namni koree gargaarsaa kana keessatti hirmaachaa jiru.

'Hidhattoonni naannoo lamaa dhaloota ajjeesaa jiru'

Godina Shawaa kaabaatti waggoota darban rakkoon nageenyaa hammaataa dhufetti manneen barnotaa 237 cufamanii barattoonni kuma hedduun dirree barnootaatiin alatti waggootaaf turan.

Itti gaafatamaan Waajjira Barnootaa Godina Shawaa Kaabaa Obbo Gaashuu Akliluu, hidhattoonni naannolee lamaa manneen barnootaa cufsiisanii dhaloota tokko ajjeesani jedhu.

"Garee lamatu godina keenyatti barnootni akka hin baratamne danqee jira. Garee hidattoota ABO shanee fi Garee Faannoo. Wanti barnoota irratti gahe dhaloota tokko ajjeesuudhaan wal hin caalu" jedhan.

Sababa hidhattoota Faannoon aanaa Darraatti manneen barnootaa 50, aanaa Giraar Jaarsootis manneen barnootaa hedduu ta'an akka cufaman ta'uus himan.

Cufamuu manneen barnootaa kanaan barattoonni umrii malee heerumuun aanaalee rakkoon nageenyaa jiru kana keessatti mudachaa jiraachuus himan.

"ijoollee umrii malee heerumanii gaafa manni barumsaa deebi'ee banamu daa'ima qabatanii dhufan turaniiru.

''Kaan biyya biraa deemanii hojii humnaa hojjetu. Kaan gowwoofamanii diinatti makamu" jedhan.

Manneen barnootaa godinichatti waggootaaf cufamanii turan keessaa manneen barnootaa 137 bara 2017 fi 2018 keessa barnoota akka jalqaban taasifamuus himan Obbo Gaashuun.

Haa ta'uutii godinachatti ammayyuu manneen barnootaa 100 sababa rakkoo nageenyaan cufamanii kan jiran yoo ta'u barattoonni kumaatamaan lakkaa'amanis dirree barnootaan ala taa'anii jiraachuu himan.

Manneen barnootaa bakka nageenyi fooyya'aan argametti banamanis qabeenyi isaanii hedduun kan manca'e waan ta'eef hirmaannaa uummataatiin hanguma danda'ameen hojii baruu fi barsiisuu akka eegalan taasifame jedhan.

Manneen barnootaa akka Ejersaa, kan aanaa Warra Jaarsootti argamuu fi barattoonni dhakaa fi lafa taa'anii baratan kuni iddoowwan biroos jiraachuu himuun hirmaannaa uummataa fi deeggarsa itti barbaaduun fooyyessuuf hojjechaa jiraachuu himan.

Kana malees kutaalee rakkoo nageenyaan barnootni waggootaaf adda cite keessati waggaa barattootaa qisaasa'e bakka buusuuf hojmaanni 'barnoota saffisaa' jedhamu hojiirra oolfamaa jiraachuu eeran.

Hojmaatni barnoota saffisaa kuni barattoonni saffisaan barachuun kutaa lamaa fi isaa ol waggaa tokko keessatti baratanii akka xumuran kan gargaaru.

Godina qabsaa'aan Oromoo jeneraal Taaddasaa Birruu, kan Oromoon barachuu akka qabu dammaqsaa turan itti dhalatanitti jaarraa kana keessa Ijoolleen Oromoo rakkoo nageenyaan barnootarraa danqamuun waan nama yeellaasisu ta'uus eeran angaa'aan kun.

Rakkoo nageenyaatiin barattoonni dirree barnootaatiin ala ta'uun kuni godina Shawaa Kaabaatti qofa osoo hin taane kutaalee oromiyaa biroottis kan mudatedha.

Aanaa Gooroo Doolaatti sababa rakkoo nageenyaa akkasumas caaseffama godinaatiin walqabatuun aanicha guutuutti barnootni waggoota walitti aananiif adda cite turuun niyaadatama.

Dhiibbaa rakkoon nageenyaa damee barnootaa naannoo Oromiyaa irratti dhaqqabsiisee fi dhaqabsiisaa jiru kanarratti odeeffannoo dabalataa Biiroo Barnootaa Oromiyaa irraa argachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.