Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Guyyaatti bishaan hangamiituu qaama keenyaaf barbaachisa?
Bishaan lubbuu keenyaaf wantoota murteessoo keessaa tokko. Qajeelfamoonni addunyaa hedduun guyyaatti dubartoon tokko bishaan leetira lama, dhiirri ammoo liitira 2.5 dhuguu akka qaban gorsu.
Haata'u malee, saayintostoonni qaamni keenya haaloota garaagaraa irratti hundaa'un bishaan barbaada jedhu.
Bishaan gahaa dhuguu dhabuun gara hir'ina dhanga'aatti nama geessuu mala. Haata'u malee, bishaan baayyee dhugumis rakkoo cimaaf nama saaxilu danda'a.
Bishaan ulfaatina qaama keenyaa keessaa gara %60 qaba. Bishaan karaa seelii, qaamota, dhiigaa fi bifa adda addaatiin qaama keenya keessa jira.
Yunivarsiitii Istirling Iskootilaanditti ogeettii bishaanii Dr Niidiyaa Roodriigeez-Saancheez ''Bishaan sooratadha,'' jetti.
Yeroo baayyee waa'ee "pirootiinii, vitaaminii, kaarboohayidireetii fi faayibara qabaachuu irratti xiyyeeffanna, garuu bishaan akka waan jireenya keenya keessatti soorata barbaachisaa ta'etti hin yaadnu."
Bishaan hojii qaamaa hunda jechuun haala danda'amu keessatti gahee murteessaa qaba. Akka Mana Barumsaa Meedikaala Haavaard jedhutti, gaheewwan bishaanii ijoo keessaa muraasni kunooti:
- Seelii keenyaaf soorata fi oksijiinii geessa
- Baakteeriyaa ujummoo fincaanii keessaa dhiqachuu
- Bullaa'insa nyaataa gargaaruu
- Gogiinsa garaa ittisuu
- Dhiibbaa dhiigaa sirreessuu
- Buusaan fayya qabeessa akka ta'u gargaaruu
- Qaamolee fi tishuuwwan eeguu
- Ho'a qaamaa to'achuu
- Madaallii elektiroolayitii (soodiyeemii) eeguu
Yoo bishaan gahaa hin dhugamne maaltu mudata?
Qaamni keenya walitti fufiinsaan karaa dafqaa, fincaanii fi hafuuraaan illee bishaan of keessaa baasa. Qaamni keenya sirnaan akka hojjatu eeguudhaaf dhangala'aan bade kun bakka buufamuu qaba. Kunis adeemsa madaallii bishaanii jedhamuun beekamu.
Qaamni yoo bishaan fudhatu caalaa kan dhabu ta'e, bishaan qaama keessaa hir'achuun (dehydration) mudachuu danda'a. Kunis rakkoolee fayyaa ciccimoo adda addaatiif nama saaxilu danda'a.
Mallattoolee bishaan qaama keessaa hir'achuu
- Fincaan keelloo dukkanaa'aa foolii cimaa qabu
- Fincaan yeroo biraa caalaa xiqqaa ta'ee fincaa'uu
- Mukaa'uu ykn of wallaaluu
- Miira dadhabii qabaachuu
- Afaan, funyaanii fi arrabni goguu
- Ija boolla bu'uu
Haala cimaa ta'ee keessatti ammoo, bishaan qaama keessaa hir'achuun burjaajii, dha'annaa onnee saffisaa, qaamomni illee hojii dhaabuu akka danda'u Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) ni mul'isa.
Bishaan baayyee dhuguun balaa qabaataa?
Eeyyeen, bu'aansaas balaafamaa ta'u mala.
Yeroo gabaabaa keessatti bishaan garmalee baayyee dhuguun hir'ina dhiigaa (hyponatraemia) fiduu danda'a.
Kunis machaa'uu (intoxication) bishaanii jedhamuun beekama. Kunis kan uumamu yeroo madaalliin soodiyemii dhiiga keessa jiru garmalee gadi bu'ee seelonni qaamaa akka dhiita'an taasisuudha.
Mallattooleen dhiibbaa dhiigaa gadi bu'aa (hyponatremia) kan hammatu:
- Ol guuruu fi haqisiisaa
- Dhukkubbii mataa
- Burjaaja'uu
- Humnaafi hirriba dhabuu fi dadhabbii
- Boqonnaa dhabuu fi aaruu
- Maashaaleen dadhabuu, dhiita'uu ykn dhukkubbii
- Maraamartoo
- Yoo cimee ammoo of wallaaluu
Bara 2018 keessa, Joohaana Peeriin intala ishee fi mucaa abbaa warraashee waliin fiigicha maaraatoonii Landan irratti hirmaachuuf shaakala turte.
Guyyaansaa baayʼee hoʼaa waan tureef, isheenis bishaan tola ooltotaan atileetotaaf kennaa ture baayyee dhugaa turte.
''Wantin ani yaadadhu mallattoo walakkaa maaraatoonii jedhu qofaa ture,'' jechuun sagantaa BBC The Food Chain jedhamutti himte.
Yohaannis guyyaa sadiif mana yaalaa kutaa dhukkubsattoota cimaa keessa turte. Viidiyoon abbaan warraashee waraabeen sarara xumuraa qaxxaamuruu ishee agarsiisa, kanas isheen waan yaadachuu hin dandeenyedha.
"Abbaan warraakoo fi hiriyyoonni koo biroo muraasnis achi turan. Isaanis harka saanii natti raasan, ani garuu qaamni koo raafamaa ture. Mana erga geenyee boodas dhuguma, dhuguma baayyee dhukkubsadheen ture, ifatti ofan wallaale," jechuun yaadatti.
"Anis bishaan baay'ee dhugee waanan tureef soogiddaafi soorata hojii hojjechuuf si barbaachisu hunda na keessaa dhiqee ture."
Dhimmi Johaanaa kunis qaamni dhangala'aa danda'u caalaa yoo fudhatutti maaltu akka ta'u kan ibsuudha.
Dhangala'oonni saffisaan gara dhiigaatti xuuxamu. Dhangala'aan darbaan xuuxamus kan kaleedhaan kan calalamu yoo ta'u, achinis fincaan ni uumu.
Haata'u malee, kaleen keenya sa'aatii tokkotti dhangala'aa gara liitira tokkoo qofa hojjechuu danda'a.
Ofii bishaan hangamitu qaama keenyaaf barbaachisa?
Aanga'oonni fayyaa hedduun, fayyaa ta'anii jiraachuudhaaf guyyaatti bishaan koobaayyaa ja'aa hanga saddeetii akka dhugdan gorsu.
Abbaan Taayitaa Nageenya Nyaataa Awurooppaa, dubartootaaf liitira lama, dhiirotaaf ammoo liitira lamaa fi walakkaa akka dhugan gorsa. Kunis nyaata dabalatee bishaan madda hunda irraa argamu kan hammatuudha, jechuunis dhugaatii qofarraa miti.
Nyaanni baay'een, fuduraalee, kuduraalee, ruuzii fi lawuzii dabalatee, bishaan of keessaa qabu. Fakkeenyaaf, habaabiin garri %92 bishaaniidha.
Haata'u malee, yaadonni sun illee hundaaf kan hojjatu ta'uu dhiisuu danda'u.
Piroofeesar Joon Ispiikmaan Yunivarsiitii Aberdeen Iskootilaandi irraa, qaama qorannoo addunyaa kan biyyoota 23 keessatti namoonni 5,000 ol irratti haala fudhannaa bishaan isaaniirratti hordofii taasifameeti.
"Dhiironni umuriinsaanii waggaa 20-60 gidduu jiran guyyaatti bishaan gara liitira 1.8 barbaadu. Dubartoonni umuriin isaanii walfakkaatan immoo liitira 1.5 hanga 1.6 barbaadu. Erga gara waggaa 85tti geessee booda ammoo guyyaatti liitira tokko qofa si barbaachisa," jechuun Pirof. Ispiikmaan kan ibsan.
Haata'u malee, hammi bishaan namni tokko dhuguu qabaatuu wantoota akka, ulfaatina qaamaa, hamma sochii qaamaa, umurii, saalaa fi haala naannoo irratti hundaa'a.
"Dhimmi guddaan hangam akka si barbaachisu irratti dhiibbaa taasisuu dhugumatti hangam guddaa akka taatedha," jechuun itti dabalan.
"Yoo bakka ho'aa fi jiidha qabu keessa kan jiraattan ta'e, bishaan si barbaachisun kan isa nama bakka qorraa fi goggogaa jiraatu caalaa baay'ee ol'aanaa ta'a."
Dheebuun mallattoo uumamaa qaamni keenya bishaan dabalataa akka isa barbaachisu agarsiisudha.
Halluun fincaaniis akkasumas agarsiiftuu gaarii haqina bishaanii qabaachuu kan biraati. Keelloon diimaan mallattoo bishaan akka gaariitti qabaachuu kan agarsiisuu yoo ta'u, keelloon dukkanaa'aan ammoo bishaan qaama keessaa hir'achuu agarsiisuu danda'a.
Akkasumas yoo garaa kaasaa ykn garaa kaasaa dhukkubsattu ta'e dhangala'aa dabalataa dhuguutu si barbaachisa.