'Kaansariin qoonqoo sagalee fi gaa'ila koo narraa fudhate'- Meerii

Tokko tokkoo nama kaansarii dhukkubsatu duuba yeroo hunda seenaa dhuunfaa himamu, dhukkubbii, dandamannaa, jaalalaa fi abdiitu jira.

Namoonni miliyoonaan lakkaa'aman dhukkuba kanaan wal'aansoo qabanaa jiranis, imalli jreenyisaanii adda addaadha.

Dhaadannoon duula Guyyaa Kaansarii Addunyaa bara kanaa har'a yaadamee ooluus kanuma ibsa: 'United by Unique' ykn Addaddummaa keessatti tokkummaa' kan jedhuudha.

Mata dureen kunis seenaa waa'ee namoota kaansarii dhukkubsatanii fi namoonni dhibee kanarraa bayyanatan hin himamne ibsa.

Namoota seenaasaanii kaansariin wal qabatee osoo hin himiin hanfa keessaa tokko, Meerii Amaankiwaah Foordworiti. Meeriin hospitaala kaatolikii Seent Antoonii jedhamu, kan biyya Gaanaatti argamutti narsii deessiftuu olaantuudha.

Isheenis bara 2021tti ture kan kaansarii liqmsituutiin qabamushee barte.

Haadha ijoollee lamaa kan taate Meeriin, ''dhiitoo dhukkubbii hin qabneen jalqaba morma koorratti arge, dhitoon sun baduu dide,'' jechuun BBC'tti himte.

Boodarra 'dhiitoon isheen qoricha farra baakteeriyaa (antibiotics) idileetiin yaalaa turte kaansarii ta'uu hakiimonni mirkaneessan.

Taatee sana booda wal'aansa baqaqsanii yaaluu si'a 14 fudhate raawwatameef.

Wal'aansa walxaxaa sana booda saanduqni sagaleeshee baafamuun dirqama ture. Erga sanaan boodas meeshaa dubbachuuf gargaarutti fayyadamti, akka duriitti nyaata nyaachuu hin dandeenye.

Meeriin hospitaala hojjettu keessatti sadarkaa guddinaa oggeettii deesiftuu olaantu jedhuutti erga guddattee yeroo muraasa booda kaansariidhaan qabamuushee kan barte.

Dhibee kanaan qabamuunshee jireenya dhuunfaashee qofa osoo hin taanee gama oggummaashee fi xiinsammuu isheetiin miidhaa irraan gahe.

Meeriin gaa'elli ishee kan waggaa 12 diigame dabalatee, wantoota ishee mudatan hundi ni ta'u jettee gonkumaa yaaddee hin beektu.

Afrikaa keessatti waggaa waggaadhaan tilmaamaan namoonni miiliyoona 1.1 ta'an kaansariin qabamu. Isaan keessaayis kanneen 700,000 ta'an ammoo dhibee kanaan lubbuunsaanii akka darbu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibse.

Sadarkaa addunyaatti ammoo dhibeen kun waggaatti lubbuu namoota miliyoona 10 akka galaafatu ibsama. Addunyaan dhukkube kanaan waliin wal'aansoo ittifufteetti, garuu dhimmisaa ammallee iccitii yaalaa ta'ee jira.

"Yeroon wal'aansa keemoo fi caraallaa fudhataa tureetti namoota yoo du'an argeera. Kanaaf garee WhatsApp namoota 12 qabu baneen, kaansarii linqimsituutiin qabamuun boodas jireenyi akka jiruu fi imala jiruukootiin namoota kaan jajajbeessaan jira," jechuun BBC'tti himte.

Meeriin toorawwan TikTookii, Inistaagiraamii fi YouTube isheetti fayyadamuun waa'ee kaansarii irratti kallattiiwwan garaagaraa irratti haasofti.

Wayita manneen barnootaa, waldaa kirstaanaa fi dhaabbilee biroo daawwattuttis waa'ee of ta'uu lallabdi.

"Of jaallachuun maal akka ta'e hin beekun ture. Hanga kaansarii qoonqoo na qabutti ofiif bakka kennuun maal akka ta'e hin beeku ture," jetti.

Doktooronni maaltu akka Meerii kaansarii qabsiise adda baasuu hin dandeenye. Garuu ammoo akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti, "qaamni namoota parsantaa 90 ta'u ofumsaatiin infekshinii vaayirasii kaansarii fildu to'ata.

infekshinii Vaayirasii Papiloma (HPV) gosoota HPV kaansarii ulaa gadameessaatiif sababa kan ta'ee fi kaansarii qaama saalaa dhiiraa (tuffee), qaama saalaa dubartii, afaan/qoonqoo fi qaawwa bobbaatiin waliin kan wal qabatuudha.

Bara 2019 keessa, HPV'n akka addunyaatti dubartoota kuma 620tti tilmaamaman fi dhiiroota kuma 70tti dhiyaatan sababa vaayirasii kanaan kaansariin qabamaniiru.

Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti qaamni dhimma kaansarii hordofu, bara 2022tti Gaanaa keessatti kaansariin qoonqoo gosoota kaansarii baay'inaan argaman 32 keessaa sadarkaa 17ffaarra jiraachu adda baaseera.

Baruma sanatti namoonni 227 haaraa kan qabaman yoo ta'u, waggaa shan keessatti ammoo namoota 626tu waggaatti kaansariin qabaman.

Sadarkaa Afrikaatti ammoo qaamni to'ataa kun bara 2022tti namoonni 10,665 haaraa kaansariin qabamusaanii adda baase..

"Namoonni mallattoolee dhibichaaf xiyyeeffannoo hin laatan. Garuu osoo sadarkaa jalqabaasaatti dafanii adda baafamee fala barbaadu ni dandeenya," jedhan Dr Amaa Botimaa Piraah hospitaala Gaanaa Korlebuu keessatti kan wallaansa gurraa, funyaaniifi qoonqoo (Otolaryngologist) ta'an.

Mallattooleen dhibichaa jalqabaa qulqullinni sagalee akka tasaa geeddaramuu, hafuura baasuu fi waa liqimsuuf rakkachuu akkasumas qufaa yeroo dheeraaf namarra turuu dabalata.

"Duraan namoota dullooman irratti ture kan kaansarii qoonqoo mudatu. Amma garuu namoota umuriinsaanii waggaa 40 fi isaa gadiirratti argaa jirra," jedhan Dr Piraah.

Meeriin wal'aanamtee lubbuun hafteetti, hakiimonni kaansariirraa bilisa ta'uushee garuu dubbachuuf yeroon isaa hin geenye jedhu.

"Kaansariin liqmisituu sagaleekoo qofa osoo hin taane, gaa'elakoo kan waggaa 12 narraa fudhate," jetti Meeriin.

Meeriin dubartoota yeroo kaansarii waliin rakkaatan abbaan warraa isaanii isaan dhiisee keessaa tokkodha.

Akka qorannoon bara 2014 Yunivarsiitii Michigaanitti gaggeefame tokko agarsiisutti, gaa'elli %31 sababa dhukkubaatiin diigama. Dhiironni yeroo baay'ee haadha warraasaanii dhukkubsatan dhiisanii sokku jedha.

Qorannoon biraa giddugala qorannoo kaansarii Fred Hutchinso'n bara 2009'tti gaggeeffame akka agarsiisutti, dubartiin kaansariin qabamuusaanii hordofee gaa'illi diigamu %20.8 ta'a. Yeroo kan kaansariidhaan qabame dhiira ta'e ammoo gaa'illi diigamu %2.9 qofa ta'u adda baaseera.

Qondaalonni fayyaa Gaanaa akka jedhanitti, lakkoofsi qabatamaan jiraachu baatulleen taateen kun dabalaa jira.

Meeriin gaaʼela irra jireenyashee filachuudhaan murtoo sirrii akka goote of yaadachiisuuf carraa argatte bira hin darbitu. Hunda caalaa, warrashee fi ijoollee ishee lamaan kan umuriin isaanii waggaa 11 fi 8, kanneen jalqaba irratti waan haati isaanii keessa jirtu hin hubannee turan, amma isheedhaaf jiru.

"Maamiin kaansarii akka qabdu nutti himtee, wallaansa baqaqsanii hodhuutiin booda yeroo ishee gaafachuuf deemneetti akka isheen hin duuneef sodaadheen ture. Amma garuu nu waliin jirti, baay'ee gammadneerra," jetti intalli ishee kan ganna 8 Emmanuellaan.

Dr Piraah'n Meeriin namoota biroof kaka'umsa akka taate ibsu. "Dubartii kutannoo qabdudha, yeroo hundas gammachuu qabdi. Dhukkubsattoonni keenyas isheerraa kaka'umsa akka argatanii kaansarii ittisuuf abdii qabaatan barbaanna," jetti doktorri tun.

Mata dureen guyyaa kaansarii bara kanaa, 'united by unique' jedhus kunuunsa kaansarii namoota giddu-galeessa godhate kallattii adda addaa fi malawwan haaraa jijjiirama fidan qorachuuf; imala hubannoo uumuu irraa gara tarkaanfii fudhachuuf duula waggaa sadii jalqabeera.