Dargaggoonni liqaa fudhatanii daldala jalqabuu 'sodaachuu' hin qaban

Dubartii fi dhiira waraqaa waliigaltee mallatteessaa jiran

Madda suuraa, GETTY IMAGE

Liqaan maallaqa ykn leecelloo nama ykn dhaabbata tokko irraa fudhattee yeroo gabaabaas tahe yeroo dheeraa keessatti deebistee kaffaltu jechuudha.

Namoonni baankii ykn dhaabbata liqaa irraa yeroo maallaqa fudhatan hamma qarshii fudhatan dabalataan dhalas ni kaffalu.

Hammi dhala kaffalanii hamma qarshii liqeeffataniin shallagama. Yeroon deebi'ee itti kaffalamu hammuma dheerate dhallis dabalaa adeema.

Dhimma liqaa dhuunfaa irratti qabxiilee hubatamuu qaban ogeessa diinagdee Mar'iid Tulluu BBC'n dubbiseera.

Namootiin dhuunfaa rakkina keessaa bahuuf akkasumas daldala ittiin hojjechuudhaaf liqaa namarraa ykn dhaabbatarraa fudhachuu danda'u jedhu.

Liqaa namootiin dhuunfaa ni fudhatu, biyyooti ni fudhatuu akkasumas dhaabbileen walirraa fudhatu.

Yaad-rimeen liqaa, yaad-rimee diinagdee- addunyaa kanarra leecelloon jiru waan waliingeenye ykn daangeffamaa tahuu, fedhiin namaa garuu daangaa kan hin qabne tahuu wajjin hidhata qaba.

Liqaa namni dhuunfaa fudhatu bakka sadiitti qoodama jedhu ogeessi diinagdee Mar'iid.

Inni jalqabaa liqaa namoonni dhimma dhuunfaa isaaniif liqeeffatani dha- uffata bitachuuf, meeshaalee manaa guuttachuuf, fayyaaf, barnootaaf kan fudhatani dha.

Inni lammataa liqii daldalaa yoo tahu namooti dhuunfaa daldala ittiin hojjetanii yeroo bu'aa argatan deebisuuf kan fudhatani dha.

Sadaffaa irratti liqaa guddinaa(develomental loan) liqaa yeroo dheeraatti deebi'u namooti dhuunfaa mana faa ijaarrachuuf kan fudhatani dha.

Liqaa yoom fudhachuu qabda?

Namni tokko liqaa yeroo fudhatu galma keewwaterratti hundaa'us ogeessi diinagdee Mar'iid Tulluu saayinsii diinagdeen waan gorfamu nutti himaniiru.

''Namni liqaa dhimma bu'uuraaf fudhatu baayyee murteessaa yoo tahe qofa akka fudhatu dha akka saayinsii diinagdeetti kan gorsinu,'' jedhan.

''Waan qananii taherra oolchuuf liqaa fudhachuun hin gorfamu,'' jechuunis ibsu.

Liqaa dhimma bu'uuraa taheef fudhatanis yeroodhaan ofirraa deebisuun waan gorfamu akka tahes himu.

Gama biraan liqaan daldalaaf fudhatamu ni jajjabeefama jedhan.

Mar''iid biyyi kan guddattu sochii maallaqaan akka tahe himuun kunis daldalaan akka milkaa'u ibsu.

Baankiirraas tahe, namootarraa akkasumas dhaabbilee kaanirraa liqeffatanii ''waa ittiin argachuudhaaf, waa gurguranii irraa bufachuudhaaf liqiin fudhatamu baayyee jajjabeefama,'' jedhan.

Daldala jalqabuuf liqaa fudhachuun waan baruu qabdu maali?

Namni daldala damee tajaajilaa, oomishaafi kaanirratti bobba'uu barbaadu hojiin ykn daldalli dalaguu barbaadu qabatamaan akka hojiirra ooluu danda'u hubatee liqaa akka fudhatu dha kan gorsan ogeessi diinagdee Mar'iid.

Daldalaaf yeroo liqaan fudhatamu dhimmoota namni tokko hubachuu qabu akkasiin tarreessu:

''Bu'aa qaba moo, hin qabu,

Karoorri daldalaa qabatee jiru ni hojjechiisa, moo hin hojjechiisuu ilaaluu qabaa,

Gabaa ykn bittuu qaba moo, hin qabu,''

Galtee oomisha ykn tajaajilasaa akkamiin akka argatu

Gatiin miyaa gabaa keessaa akkami, kanneen jedhan faa... walumaagala qorannoon gabaa murteessaa dha.''

Kunneeniif dhimmoota biroo danuu ilaalee malee akkasumaan liqaa fudhachuu akka hin qabnee gorsaniiru.

''Liqaan qarshii qaama ykn nama biraa waan taheef yeroo keessa deebi'uu qaba. Namni daldala jalqabuuf jedhu daldalli jalqabUuf jedhu bu'aa qabeessa tahuusaa odeeffannoo sirrii qabaachuu qaba.''

'Namoonni liqaa fudhachuu sodaachuu hin qaban'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hawaasa keenya keessatti liqii fudhachuun akka waan gaaritti hin ilaallamu kan jedhan Mar'iid, ''namni tokko yoo liqii fudhate akka waan baayyee rakkatetti ilaalla, haa tahu malee dalagaa bu'aa qabu irratti liqii fudhachuun ammayyummaa dha,'' jedhan.

Diinagdee biyyoota kanneen akka Ameerikaa fi Awurooppaayyuu kan guddise liqii dha jechuun ibsu.

Dhaabotaafi namoonni liqii walirra fudhatanii gaafa hojjetan biyyi ni guddata waan taheef dhaabonni liqaas namoonni liqaa akka fudhatan barbaadu.

Ogeessi kuni dabaluudhaan namoonni waan bu'aa hin argamsiisne bituudhaaf liqaa fudhachuu dhiisanii daldala bu'a qabeessa taheef fudhachuu akka qaban jala muranii himu.

Kana jechuun garuu ''rakkoo keessaa bahuuf, waan jireenyaaf bitachuu barbaadan liqeeffatanii bituu hin qaban jechuu miti,'' garuu irra caalaa

Namni tokko waan itti fayyadamu bituuf yoo liqaa fudhate garuu ''bu'aan buufatu'' akka hin jiraanne baruu akka qabu himu.

Daldalaan ykn namni oomisha keessa jiru liqii fudhatee waan hojjetuuf ''ni guddata, daldalasaa babal'isaa'' adeema.

''Namni liqii yoo sodaachaa deeme garuu achuma dhaabbata, hin socho'u.

Liqiidhuma fudhachuun garuu ittigaafatamummaa fidee dhufa.

Qabeenya harkasaarra jiru irratti amanamtummaa guddaadhaan hojjetaa jechuu dha,'' jedhan.

Fakkeenyaaf namni hojii tokko harkaan hojjetu maashinaan bakka buusuuf liqaa fudhachuu akka danda'u fa'i himan.

Kanaan booda hin gurguraa, bu'aa argataa waan taheef ''keessattuu daldaltoonni, namoonni hojii eegaluu barbaadan liqaa fudhachuu sodaachuu hin qaban,'' jedhan.

Itoophiyaa keessatti liqaan daldalaa akkamiin hojjeta?

Itoophiyaa keessa kanaan dura namoonni wabii qabsiisaniitu liqaa baankiirraa fudhatu ture.

Yeroo ammaa garuu dhaabileen garaagaraa wabii otoo hin gaafatiin liqaa kennaa jiru.

Itoophiyaa keessa bittuun oomishaafi tajaajilaa olaanaa tahe akka jiru himu Mar'iid.

Kanaaf dargaggeessi Itoophiyaa liqaa fudhatee daldala jalqabuuf 'sodaachuu' dhiisee dhimmoota irratti xiyyeeffachuu qabu adda baasuu akka qabus himan.

Gama biraan dhaabbilee liqii kennan qarshii namootaa walitti qabaniitu deebisanii liqeessu gatii taheef dhalli liqaa jira.

Itoophiyaatti dhalli liqaa %20 akka taheeefi qaalii akka hin taane kan ibsu Mar'iid.

Kanaaf namoonni daldala xixiqqaafi gidduugalaa hojjechuu barbaadan ogeessa mariisisuun liqaa fudhachuu akka danda'an himan.

Kana malees liqaa baankii fudhachuun akka kanaan duraa ''nama hin dhibu' odeeffannoo argachuunis fooyya'ee akka jiru dubbatan.

Hammi dhala liqaa hamma biyyattiin qaala'ina gatii qabduu akka hin taaneefi daldalaaf ''bu'aa qabeessa'' akka tahe hima.

''Itoophiyaa keessa namni tokko liqaa dhala %20 qabu fudhatee yoo eegale bu'aan daldalarraa argatu isa baasa.

Fakkeenyaaf namni tokko birrii 100'n daldala yoo eegale 154'n gurgurata kanaaf dhalli liqaa %20 isa baasa jechuu dha,'' jedhan Mar'iid.

Liqaatiinis tahe kaappitaala of harka jiruun Itoophiyaa keessatti daldala jalqabuun 'gaarii dha, bu'aa qaba,'' jedha.