Maatii maallaqa qusachuuf jecha konkolaataa keessa jiraatuun wal baraa

Isin mana mataa keessannii qabaachuuf attamiin maallaqa qusattu? Namoonni tokko tokkos mana gatiinsaa gadi bu’aa ta'e kireeffachuun, kan ofiisaanii ijaarachuuf ykn bitachuuf maallaqa qusatu. Kaan ammoo hanga mana ofiisaanii qabaatanitti firootatti siqanii jiraatu.
Namoonni tokko tokkoo ammoo, baankii irraa maallaqa liqeeffachuun erga mana mataasaanii ijaaratanii ykn bitataniin booda wal jalaan liqaa kanfalachuun dhumarratti mana mataasaanii dhuunfatu.
Haata’u malee gochaan maatii tokkoo gara Landan irraa dhagahame kana hundarra waan addaati.
Innis haatiifi abbaan warraa umurii dargagguummaa keessatti argaman tokko mana mataasaanii bitachuudhaaf maallaqa walitti qabachuuf konkolaataa keessa jiraachuuf murteessan.
Kanaafu mana kireeffatanii keessa jiraataa turan keessaa bahuun konkolaataa keessa jiraachuu eegalan.
Cimdiiwwan maqaansaanii Filaaviyaa Kaataaviiteeloo fi Luuk Nooriis jedhaman kun UK Lixa Sasiiksi keessa jiraatu.
Lamaan isaanituu dardaroota umurii waggaa 23 yoo ta’u, hojii guyyaa guutuu hojjataa jiru.
Haata’u malee kiraa manaa keessa jiraachuu yoo itti fufan gonkumaa mana mataasaanii qabaachuu akka hin dandeenye hubatan.
Kanaaf, baasii paawundii kuma 13 taasisuudhaan erga konkoolaataa Van jedhamtu bitaniin booda gara mana jireenyatti jijjiiran.
Cimdiiwwan kunneenis mana mataasaanii bitachuudhaaf maallaqa qusachuun alattis bashannanaaf illeen maallaqa gahaa argachuu akka isaan dandeessisu dubbatu.
‘‘Maallaqa mindaa irraa argamu keessaa kan tokkoo keenyaa kiraa kutaa keessa jiraannuuf kanafalama ture. Kanaanis waggoota 20 keessatti gonkumaa waan gara biraa raawwachuu hin dandeenyu ture,’’ jetti Kaataaviteloon.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abbaan warraa ishee Obbo Nooris gama saatiin, ‘‘Yeroo kireeffattee jiraattutti akka waan maallaqa gattuutti sitti dhagahama. Amma garuu mindaan tokkoo keenyaa qusataa jirra.’’
Isaanis konkoolaataa keessa jiraachuuf mijataa ta’e baatii sadiifi torban lama keessatti argatan. Keessoo konkolataattis bakka itti bilcheessan, siree fi bakka qaamni itti dhiqatamu qaba. Ammattis konkolaaticha qee’ee maatii abbaa warraa dhaabaniiru.
‘‘Abbaan koo oggeessa makaanikaati. Kanaafuu hojicha hojjachuuf meeshaalee bituun nu hin barbaachifne ture. Haata’u malee konkolaatichi mana keessa jireenyaa hanga ta’utti sambattan torbanoota 14 hundi hojiidhuma isaarratti dabarsine,’’ jedhan Obbo Nooris.
Haatiifi abbaan warraa kunneenis baatii Hagayya darbe keessa konkolaataadhuma akka manaatti keessa jiraatan kanaan, UK Crawley irraa magaala Xaaliyaanii Peskaaraatti imalanii deebii’an.
Alkan tokkoo Siwizarlaand keessatti erga dabarsanii booda, dhaqaa galasaa biyyoota jaha keessa qaxxaamuruun maayilii 2,500 ittiin imalan.
Addee Kaataaviteeloon, ‘‘Osoo akka konkolaataa idileetti gara Xaaliyaanii ittiin deemnee turre, hoteela keessa buluu qabna turre. Garuu nuti alkaniif konkolaataa keessa bullee kana haroo barreedduu tokko bira dhaabudhaaf Yuuroo lama qofaa kanfallee'' jechuun attamiin baatii gama bashannanaas akka isaaniif qusate dubbatti.
‘‘Barii’ee yoo irriibaa kaanuttis, abjuun kan agartu sitti fakkaata,’’ jechuun miira gammachu itti dhagahame ibsiti.













