Mormii filannoo keessa hidhamtoonni 1,500 mana hidhaa Mozaambiik miliqan

Mormitoonni magaalaa guddoo Maputo keessatti poolisii waliin walitti bu'uun wayita karaa cufan

Madda suuraa, Getty Images

Jeequmsa siyaasaa bu'aa filannoo falmisiisaa ta'e mormuun taasifame dawoo godhachuun hidhamtoonni 1,500 ol mana hidhaa Mozaambiik keessaa miliqaniiru jedhe poolisiin.

Hogganaan poolisii Federaalaa biyyatti Bernardinoo Rafaa'el ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, walitti bu'iinsa qaamolee nageenyaa fi mormitoota gidduutti umameen lubbuun namoota 33 yoo darbu kanneen 15 ta'an ammoo miidhamaniiru.

Namoota 1,500 hokkora ka'e kana keessa mana hidhaatii miliqan keessaas namootni gara 150 to'annoo jala oolfamuun gara mana hidhichaatti deebi'uu isaanis poolisiin kun himaniiru.

Mormiin dhimma filannoo kun kan eegale guyyaa Wixataa manni murtii olaanaa Mozaambiik paartiin biyya bulchaa jiru Firelimoo paartiin kan bara 1975 irraa eegalee aangoo irra jiru filannoo pirezidaantummaa biyyattii baatii Onkoloolessa darbe gaggeeffame injifachuu isaa mirkaneessuu hordofeeti.

Hogganaan poolisii Rafaa'el gareewwan mormitoota farra mootummaa Roobii darbe mana hidhaa magaalaa guddoo biyyattii Maapputootti argamutti dhiyaachuu isaanii himaniiru.

Hidhamtoonnis jeequmsa kana keessa dallaa mana hidhaa cabsanii miliquuf itti fayyadamaniiru jedhan.

Mozaambiik erga filannoo falmisiisaa Onkoloolessa keessa gaggeessiteen booda jeequmsaan raafamtee jirti.

Akka bu'aan filannichaa agarsiisutti kaadhimamaa pirezidantii paartii biyya bulchaa jiru Firelimoo kan ta'an Daani'eel Chaapoon injifataniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Manni Murtii Heera Mootummaa Chaapoon filannoo kana injifachuu isaa erga mirkaneessee booda mormiin haaraan Wixata darbe ka'uudhaan injifannoo isaa kana mormaniiru.

Bu'aan jalqabaa Onkololeessa keessa ba'e akka agarsiisutti, Daani'eel Chaapoon sagalee dhibbeentaa 71 argachuun, morkataan isaanii ijoo Veenshiyoo Moondilaan ammoo dhibbeentaa 20 argatan.

Manni murtichaa amma pirezidantichi dhibbeentaa 65% argachuun mo'achuu fi Mondilaan ammoo 24% akka argate murteesse.

Rippoortarri BBC tokko Maapputoon guyyaa Ayyaana Cillee warra faranjiitiin callisa keessa seenuu ishee taajjabeera. Manneen daldalaa hundi haala jechuun danda'amuun cufamaniiru.

Namoonni erga paartiin biyya bulchaa jiru Firelimoo jalqaba bara 1975 aangootti ol ba'ee booda jeequmsa hamaa magaalattii keessatti uumameen akka hin miidhamneef baay'ee mana keessaa gadi hin ba'an.

Waajjiraaleen, buufataalee poolisii, baankonni fi warshaaleen Firelimoo guutuu biyyattiitti saamamaniiru, manca'aniiru, ibiddaan gubamaniiru.

Wixata darbe irraa eegalee jeequmsa uumameen yoo xiqqaate namoonni 21 du'uu ministirri biyya keessaa Kibxata galgala ibsaniiru.

Waajjiraaleen Frelimoo, buufataalee poolisii, baankii fi warshaaleen guutuu biyyattii keessatti saamaman, barbadaa'anii fi gubamaniiru.

Ergasii Mozaambiik irraa kan baqate hogganaan paartii mormituu Mondilaaneen, 'bu'aa filannoo sobaa' kana akka mormaniif deeggartoonni isaanii hiriira akka bahan kakaasaa turan.

Ergaa dhuma torbee darbee miidiyaa hawaasaa irratti maxxansaniin, bu'aan sagalee filannoo kun yoo hin haqamne ''fincilli ummataa haaraan'' ka'uu akka danda'u dubbataniiru.

Biyyattii keessatti erga filannoon gaggeeffamee as mormii ji'oota sadiif geggeeffamaa tureen namoonni gara 150 ajjeefamaniiru.