Qubee X tuqi foolii fuudhi! Viidiyoo ilaaluu qofa osoo hin taane suufuun danda'ameera

Geemiiwwan viidiyoo yeroo ammaa jiran kan yeroo kamuu caalaa gara dhugaatti dhihaataa jiru.

Ammoo viidiyoo fi sagaleetti miirri suufuu dabalamuun daranuu dhugaa taasisa.

Miirri suufuu ogeeyyii viidiyootti dabalan ammallee gabaarra hin oolle.

Miseensa garee geemii ispoortii dhiheessanii- Nuneaton Nitros esports jedhamuu kan ta'e Jeemsi fooliin viidiyoo irraa namatti dhufu bitaa itti galuu hime.

''Geemii Call of Duty jedhamu keessa wantoota jiran suufuu akkan barbaadu sirriitti gaafachaan ture,'' jedhe.

Geemii Warhammer: Space Marine 2 jedhamu keessattis fooliin wantootaa akkaan isa ajaayibeera.

Haala kana amanuufis rakkateera.

Namoonni addunyaa geemii keessatti beekaman akkasaa dhihoo kana gaaffii foolii waliin qabatu deebisuutti wal'aansoo qabu.

Viidiyoo geemii taphannuu foolii fuuchuu danda'uun geemii sana baayyee hawwataa taasisaa? yookiin geemii sana akka dafnee mo'annu nu taasisaa?

Qorattoonni Yunivarsitii Warwik isa kana irratti hojjechaa jiru.

Jalqaba erfoonii bifa addaan hojjetan. Erfooniin sun ujummoo xiqqaa afaan keenyaan walqunnamu qaba.

Namni erfoonii kana godhatu miira sadiif deebii kennuu danda'a jedhan.

Ijaan viidiyoo arga, gurraan karaa efoonii sagalee dhagaha, karaa ujummoo erfoonii ammoo foolii fuudha jechuudha.

Fooliin geemii (viidiyoo) ilaalluu karaa ujummoo kanaan fuuldura keenyatti biifama, yeroo kana foolii fuudhuu eegalla.

Dhaabbata Hollywood Gaming jedhamu waliin ta'uun kan hojjetame teeknooloojiin kun qaruuraawwan zayita- essential oils jedhamanii fayyadama.

Kunis foolii waan viidiyoorraa ilaalluu fakkeessuuf gargaara.

BBC News beat geemii Daytona Racing jedhamurratti teeknooloojii kana shaakaleera.

Geemiin kun konkolaataa daandii gurguddaarra oofuun dorgomuudha.

Wayita konkolaataa oofuu eegallu fooliin boba'aa fuuldura keenyatti gadhiifamu akka waan dhugaadhaan oofaa jirruu nutti fakkeessa.

Wayita bireekii konkolaataarra ejjettan akkuma waan dhugaadhaan konkolaataa sana oofaa jirtanii fooliin adda ta'e isinitti dhagahama.

Qorattoonni pirojektii kana hojiirra oolchaa jiran akkuma geemiin (taphi) itti fufuun fooliinis walfaana jijjiiramaa deema jedhan.

Namoota pirojektii kana fidan tokko Pirofeesara Yunivarsitii Warwick Alaan Chalmers.

Teeknooloojiin kun gocha fakkeessaa- simulation jedhamuuf faayidaa guddaa qaba jedhe.

Paayileetonni leenjiirra jiran qaama miiraa hunda akka fayyadaman gargaara jedhe.

''Haala wanti hundinuu dhugaatti dhihaatu uumuu barbaanna. Kana keessatti fooliin bakka guddaa qaba,'' jedhe qorataan kun.

Teeknooloojii haaraa kana namoota geemii taphatanirratti shaakaluun eegaluun baayyee murteessaa ta'uu hima Pirofeesar Alaan Chamers.

''Sababni isaa kanneen waan kana shaakaluuf fedhii agarsiisan hedduu ta'u,'' jedhe.

Miira adda baasuu

Kaampaaniiwwan geemii gurguddoon foolii fuuchuun hagam takkaa geemii hawwataa akka taasisu duruu hubatan.

Agarsiisa teeknooloojii CES jedhamu kan bara kana Laas Veegaas keessatti gaggeeffamerratti geemii akkaataa hawwataa dhiheessan.

Daree geemii sana keessatti viidiyoon digirii 360 irratti mul'ata.

Dhaabbati teeknooloojii geemii ittiin taphatan (PlayStation) oomishu tokko agarsiisi ture viidiyoo argamu foolii fuuchuus dabalata jedhe.

Geemii taphatamaa jiru waliin fooliin walfakkaatu gadhiifama. Isa booda akka waan foolii geemii viidiyoorratti mul'atu suufaa jirruutti nutti dhagahama.

Bara darbes GameScent kan jedhamu agarsiifamee ture. Wanti akka saanduqa xiqqoo PC irratti geemii taphannu bira kaa'ama.

Wayita geemii taphanniu foolii waan viidiyoorratti mul'atuun walfakkaatutu nutti dhufa.

Kubbaaniyyaan teeknooloojii kana oomishee agarsiisaaf dhiheesse teeknooloojiin kun hubannoo nam-tolchee (AI) fayyadamuun viidiyoo kamiif foolii akkamii akka gadhiisu hojjeta jedhe.

Fakkeenyaaf yoo sagalee dhukaasaa dhagahe foolii baarudaa, yoo viidiyoo ilillii ta'e foolii urgooftuu sanaan walsimu gadhiisa.

Warri geemii taphatan maal jedhu?

Garuu namoonni geemii tapachuun addunyaarratti beekaman waa'ee teeknooloojii akka foolii fuunu taasisa jedhame kanaa maal jedhu?

Sagantaan BBC Newsbeat namoota kolleejii geemii Kaaba Warwickshire fi Kibba Leicestshire keessatti geemii baratan fi fedhii qaban haasofsiiseera.

Waa'ee teeknooloojii haaraa kanaa waanuma gaarii dubbatu.

Barsiisuu kolleejii kanaa kan taate Shoubna Naika-Taylor geemiin taphannu gara dhugaatti akka dhihaatu taasisa jette.

''Baayyee namatti tola. Baayyee hawwataadha. Geemii hedduuf kan hojjetuudha,'' jette.

''Dhugaatti teeknooloojii akkaan nama gammachiisuudha.''

Barataa Juris Kozirev fooliin kun yeroo hunda waan arguun akka walirra hin buune ibse.

Yeroo garii fakkeenyaaf foolii silaa kan zayitaa ta'uun irra ture kan ilillii ta'uu danda'eera.