Televijinii: Waan foddaa Tv gubbaa jiru fuunfachuun maaliif dadhabame?

Ergaawwan karaa foddaa TV darban ni ilaalla, ni dhageenya akkasumas daawwannees miira qooddanna. Haa ta'u malee, wanta foddaa televijinii jirurraa foolii fuunfachuu hin dandeenyu. Maaliif kuni ta'e?

Frederik Duerinck jedhama. Foddaa Tv gubbaa foolii fuunfachuu akka dandeenyu carraaqaa jira.

Kalaqaan hojii buufata isaa Nezerlaand godhate kuni dhaabbata Scentronix jedhamuufi maashinii shittoo facaasu qaba.

Meeshaan kuni algorizimii fayyadamuun deebii maamilotarratti hundaa'ee foolii gadhiisu galmeessa.

Ammammoo Deurinck kana dura teknolojii tajaajila sanduuqa xiqqoon dalagu meeshaa xiqqaan nama hedduu bira akka walgahu barbaada.

Akka fakkenyaatti, teknolojii kana fayyadamuun appilikeeshinicha mobaayilii keessan gubbaa bantanii taphachiisuu dandeessu.

Aappiin kunis bakka murteessaa ta'etti foolii bareedaa gadhiisa. Ammaaf garuu meeshaan kuni gabaaf hin dhihaanne.

Hammi sanduuqichaafi turtii baatirii akkasumas qulqullina foolii gadhiisuufi kaan garuu qormaata ta'u ni amana. Garuu, inuma dalaga jedhee yaada.

Sadarkaa amma jiruun mirga abbentaa galmeessisuun invastaroota amansiisuun deeggarsa faayinaansii argachuuf carraaqaa jira.

Yaalii akkanaa yeroo jalqabaaf kan jalqabe garuu Duerinck miti. Isa dura namoonni waan daawwatan sanarraa akka miira guutuu argatan kanneen dalagan jiru.

Bara Giriikii duriillee wanta akkanaa yaalamuutu amanama.

Walaloo bara durii barraa'e irratti sagantaa guddaa irratti baallee bullaallaa (makoodii) adii zayitii urgaa'aa keessa cuubanii keessummaa sagantaa dhufan gidduu gadhiisu.

Gaafa bullaallaan adii barristu fooliin zayitaa bareedaa kanneen waamicha dhufan waliin gaha.

Dabalataan, sagantaa amantiifi jila aadaa garaa garaa bareechuu keessatti shittoofi ixaanni qooda olaanaa qabu.

Bara fiilmiitti immoo yaaliin foolii itti dabaluu bara 1916 yeroo abbaan sinimaa tokko yeroo kubbaa miilaa Ameerikaa agarsiisu zayitii roozii waliin dhiheessuu eegale.

Ergasii immoo bara 1939'tti Smellovision dhufe. Kunis, teessuma namoonni fiilmii daawwachuu dhaqan jalatti ujummoowwan hidhamaniin foolii gadhiisu ture.

Fooliin kunis suuraa mul'atu waliin akka walsimu taasifama. Haa ta'u malee, teknolojiin kuni xiyyeeffannoo bal'aa kan argate bara 1960 teknolojichi fooyya'ee yeroo fiilmiin Scent of Mystery gadhiifamedha.

Filmii yeroos gadhiifametti bakkeewwan fiilmicha keessa murteessoo ta'anirra fooliin galmicha keessa gadhiifama ture.

Akka fakkeenyaatti, yeroo ajjeesaan tamboo xuuxufaa fooliin tamboo mana guuta. Kunis, kanneen daawwatan 'reality' jechuunis dhugaa fuuldura isaaniitti ta'a jirutti akka fudhatan gargaara.

Haa ta'u malee, fiilmichis ta'e Smellovision hin milkoofne. Sababni ijoo teknolojiin foolii dhiheessuu sirriitti hin dalagne.

Hanqinni foolii gadhiifamuufi wanti mul'atu wal darbuu akkasumas fooliin takkaa gadhiifame kaaniin dafanii bakka buusuun rakkoo ture.

Siistamin biraa Aromarama jedhamuufi boodarra dhufes rakkoo walfakkaataatu qunname.

Ergasii yaaliiwwan garaa garaa taasifamaniiru. Haa ta'u malee, rakkoon walfakkaataa furamuu hin dandeenye.

Bara ammaa teknolojiin cimeefi wanti hedduu 'virtual reality' jedhamee sagaleefi suuraan dabaalamee dhugaatti dhihaate dhihaatutti jijjiiramettis garuu ammallee wanti sirnaan maamiloota bira gama bashannanaan gahuun hin danda'amne fooliidha.

Duerinck garuu akka warra kana dura carraaqanii milkaa'uu dhaban ta'uu hin barbaadu.

Kana dura maaliif milkaa'uu dhabe?

Rakkoo hanga ammaa nu dhaqqabaa tureef sababni ijoo tarii akkaataa miirri foolii keenya dalagu sirnaan guutummaa guutuutti hubachuu dhabuu keenya.

Reefu bara 1991 ture saayintistoonni lama Yunivarsiitii Kolombiyaa Niw Yoork argamutti qoratan miirri funfachuu keenyaa sanyii [gene] garaagaraa 100 irratti hundaa'a kan jedhan.

Saayintistoonni lamaan Linda Buck fi Richard Axel bara 2004 badhaasa Nobeelii Fiziyoolojii yookiin Medisiniidhaan fudhataniiru.

Haa ta'u malee, akkaataa fooliin kanneen foolii fuunfachuuf nu gargaaraan [olfactory receptors] ergaa dabarsuuf kakaasu irratti saayintistoonni waliigalteerra hin geenye.

Fakkeenyaaf, hundeessaan Inistitiyuutii Artiifi Olfaakshiin Saskia Wilson-Brown jedhaman fooliin hunduu tokko miti jedhu.

''Fooliin akka halluu miti. Fooliin tokko tokko mataan isaa qabiyyee ofii qaba. Kanaaf, baay'isuun hin danda'amu,'' yaada jedhu qabu.

Rakkoon lammataa foolii fakkiin ibsuun rakkisaa ta'u isaati. Filosofaroonni kanneen akka Pilaato ''…arguullee baattu fooliin funyaan kee si qaba,'' jedha jetti shittoo kan dalagdu Nadjib Achaibou yeroo waa'ee fakkiin ibsuun rakkisaa ta'u ibsitu.

Laabiraatorii Yunivarsiitii Saseksitti kan hojjette hundeessituun dhaabbata Future of Smell, Oliviyaa Jezleeris yaada kanaan waliigalti.

''Miira keenya keessaa sadarkaa gadiirra kan jiru fuunfachuudha. Sababa sanaaf haalaan hin qoratamne.

''Haa ta'u malee, miira qabnu keessaa kallattiin sammuu keenyaan kan walqabatu miira kanadha,'' jechuun molokiyulonni funyaan keessa kallattin akka darban himti.

Sababa weerara koronaavaayirasiin walqabatee namoonni miira fuunfachuu isaanii dhaban jiru. Kunis, fuunfachuun hangam barbaachisaa akka ta'e namoota biratti hubannoo dabaluu himti.

Kan biraa, namoonni foolii fuunfachuu irratti ga'umsa walfakkaataa hin qabani. Kunis, sanyii [gene] keenyarratti hundaa'a.

Kunis, galma keessa namoota kaan osoo hin jeeqin hammi foolii gadhiisnu baruun rakkisaadha.

Ogeettiin fiilmii Girees Booyel yeroo hundaa fooliin miira kaan caalaa bakki gad - aanaa kennamaaf. Akka dameen kuni hin guddanne kanneen taasisan keessaa tokko kana ta'uu mala jetti.

Dhimmi sadaffaa foolii akka bashannanaatti dhiheessuuf kan rakkisaa taasise baasii isaati.

Galma keessa meeshaawwan foolii gadhiisan pirojektarii waliin qixeessuuf gatii guddaa gaafata.

Kunis, akka gabaafameetti taanaan isikirinii tokkoof gatii ammaan dolaara 250,000 gaafate.

Sababni biraammoo namoonni hammana teknolojii kana hin barbaadan kan jedhanis jiru.

Deevid Ediwaardis Yunivarsiitii Harvaard hojjeta. Kana dura meeshaa dijitaalaa foolii gadhiisuufi 'Cyrano' jedhamu kalaqeera.

Bara 2016 kan hojjetame yoo ta'u foolii 10 fi isaa ol gadhiisuu danda'a. Foolii tokko gadhiisuuf dolaara 49 gaafata.

Ta'us namni hammana itti hin gammanne jechuun hima.