Saamtoota Kooriyaa Kaabaa sa’aatii lama keessatti doolaara miiliyoona 14 baankii saaman

Saamtomni Kooriyaa Kaabaa sa'aatii lama keessatti dolaara miliyoona 14 baakii keessaa saamuun dubbii ijoo ta'e.

Saamichi kun biyyoota garaa garaa 28 keessatti garuu sa’aatii wal fakkaataa keessatti raawwatame. Kan itti fudhates sa’aatii lamaafi daqiiqaa 13 qofaadha.

Haalli saamichi itti raawwatames akka barameetti qawween dorsisuun hin turre, ogummaa addaatiin malee. Innis saamicha namoonni idilee maashina ATM bira deemuun maallaqa baasuun raawwatameedha.

Mee gaaffii kun attamiin raawwatame? jedhu haa ilaallu.

Indiyaatti namoonni muraasni waraabbii filmiitiif taatoof (extra role) filataman. Baayyee gammadanis. Gaheen kennameefis maashina ATM keessaa maallaqa baasuudha.

Indiyaa Maahaaraashatiraatti taatoonni kunneen gochicha wayita raawwatanittis filmii waraabuuf itti fakkaate ture. Akka qaama saamicha maallaqaa isa guddaa taasifaman gonkumaa hin barre ture.

Kun kan raawwatame Adooleessa 2018 ture. Baankiin saamamees Kosmoos jedhama. Guyyaa Dilbataatiin akka tasaa hojjattoota waajjira mummee hojjatan ergaa isaan qaqqabe. Ergichis kan isaaniif ergame Kampaanii Kaardii Viizaa Ameerikaa irraa ture.

Kampaaniin Viizaa kunis Baankii Kosmoosiif daqiiqaawwan muraasa keessatti namoonni hedduun gaaffii maallaqaa dhiyeessuu danda’u jechuun akeekkachiise. Haalliiwwan hin baramne naannawa ATM’tti mul’ataa jiraachuu ibse.

Hojjattoonni baankiichaa garuu maal odeessituu jechun akeekkachisaaf gurri hin kenniin hafan. Dhimmichis hin galleef ture.

Sa’aatii wallakkaan booda ammoo kapmaanichi deebiin Kosmoosiif bilbile. Mallattooleen nu biratti mul’atan sirrii hin fakkaatan. Waan hundumaafuu maashinoota ATM keessan hunda yeroof hojii dhaabsiisaa jedheen.

Kunis baankicha kan gatii kaffalchisu ta’ulleen gorsicha fudhachuun maashinoota ATM cufan.

Ta’us turanii tarkaanficha fudhatan ture. Baankichis sa’aatii 2 sana keessatti qofa doolaara miiliyoona 14 saamame.

Saamicha sana eenyutu qindeesse?

Saamichi kun maashiniiwwan biyyoota 28 keessatti argaman irratti sa’aatii walfakkaatuutti raawwatame.

Biyyoota saamichi keessatti raawwatame keessaa Ameerikaa, Raashiyaa, Kaanaadaa, UK, Yunaayitid Arab Imreetis keessatti argamu.

Adeemsichi saamtoota Kooriyaa Kaabaatiin hogganamuun osoo irra hin ga'amiin dura namoonni baayyeen baankichaa maaliif sa’aatii walfakkaatuutti gara ATM deemuun maallaqa hedduu akka fudhatan bitaa itti galee ture.

Qorataan saamichaa, ‘‘saamichi haala akkanaa ni raawwatama jennee yaadnee hin beeknu ture,’’ jedhan.

Waraabbii Kaameeraa CCTV fayyadamuun qorattoonni Indiyaa yeroof namoota 18 to’achuu danda’aniiru.

Namoonni kunneenis namoota idileeti. Konkolaachiftoota, kanneen mana bunaa hojjatan, kan kophee qulleessan fa’idha.

Isaaniif filmii hojjachuuf filatamuu malee eenyu akka isaaniitti fayyadame kan beekan hin qaban ture.

Boodarra garuu gocha kana duuba gara saamtoota Kooriyaa Kaabaa ‘‘Alaazar’’ jedhamu akka jiru bira gahame.

Garichi garuu attamitti saamtoota biyyoota 28 keessatti bobbaasuu danda’e?

Dallaalaa saamtootaafi saamsitoota wal qunnamsiisan

Kooriyaan Kibbaa biyya iyyeettiidha. Qabeenyaa qabdu ammoo gabbisa nikulaaraa irra oolchaa jirti. Meeshaa gara biyya alaatti ergitu gahaas hin qabdu.

Baasii ishee kan aguggattu hannawwan akkasii gurguddaa qindeessuudhaan akka ta’e himama.

Haala kanaanis waggaatti hanaga doolaara biiliyoona sadii akka argattu hiamma.

Kana hordofes Mootummooti Gamtoman (UN) dhorkaawwan irra kaa’us hin aboomamne.

Gareen saamtootaa maqaan ‘‘Alaazar’’ jedhamu kennamee kunneenis waajjira Tikaa waraanaa Kooriyaa Kaabaatiin kan hogganamudha.

Moggasa kanas kan argate Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaa nama du’ee ka’eetiin. Vaayirasiin kompitara isaanii tokkicha komitaroota keessa gallaan ajjeesuu fi sirna kompitaraa deebiisanii kaasuu kan danda’an isaan qofaadha jedhame.

Gochaa kanaan wal qabateeti moggaasa Alaazaar jedhe kan kennameefis. Kanaan dura waajjiraalee gurguddaa akka Hooliiwuud, Soonii Pikchars fi kaan irraa odeeffannoo hataniiru. Akkasuma baankii Baangilaadish tokko irraa doolaara biiliyoona tokko hatuuf yaalaniiru.

Kooriyaan Kaabaa garee Alaazar jedhame kana biyya koo keessa jiraachuun hin beeku jechuun haalte.

Garichis hanna baankii Kosmoos kanarratti raawwateef mala ‘‘Jaakpoot’’ jedhamutti fayyadame. Maqaana kunis akka maashina ATM’tti maallaqa akka baasu taasisa.

Gareen Laazaar kunis osoo gochaa kana hojiirra hin oolchiin dura imeelii wal fakkaataa gara namoota baankicha hojjataniitti erguun akka saaqan erga taasiseen booda, gara sirna baankichaa seenuu danda’an. Isaan boodas sirna baankichaa bakka jiran taa’anii ajajuu danda’an.

Sirni to’annoo kunis kan yoo gaaffiin maallaqaa dhiyaatuufitti maallaqa akka tufu taasisuudha. Kana jechuunis maashiniin ATM addunyaa kamittuu argamu gaaffiin yoo dhiyaatuutti maashinichi akka maallaqa baatu baasisuu danda’aniiru saamtoonni kunneen.

Kan hin dandeenyee garuu maashinni tokko maallaqa hangamii gadhiisuu akka qabaatu murteessuudha. Maallaqa baayyee baasuudhaaf ammoo kaardii hedduu maxxansuu qabaatu.

Kan isaan hanqatus kaardii ATM walfakkaataa maxxansuudha. Dhaabbanni kana hojjatu kan biraa argameera.

Kan hunda caalaa nama ajaa’ibu lammiilee Kooriyaa Kaabaa attamiin namoota yeroo wal fakakataatti biyyoota 28 keessatti maallaqa baasanii argachuu danda’an? kan jedhudha.

Sababiin isaas viizaa argachuuf mataansaa rakkoo heduu kan mudatu waan ta’eefiidha. Kanaaf, hojiin kun dhaabbata biraatiif kenname.

Haaluma kanaan namni ‘‘Big Boss’’ jedhamu tokko kaardiiwwan ATM omishuufi namoota qopheessuu ibseera.

Kaanaadaa fi Ameerikaatti mindeeffamuu kan danda’an, akkasumas namoota maashina ATM irraa maallaqa baasan filachuu beeksiise. Kunis tajaajila gareen ALaazaar barbaadudha.

Kanaanis Alaazaariif I Big Boos walta’insa uuman. Big Boss osoo eenyummaansaa hin beekamiin waggoota 14’f kan hojii hannaa irratti bobba’ee tureedha.

Namni kun yeroo tokko mana jireenyaasaa Ameerikaatti to’atamuun hidhaa bu’eera. Namni kun lammii Kaanaadaa umuriinsaa waggaa 35 ta’edha.

Nama kana to’achuun danda’amulleen doolaarri miiliyoona 14 garuu deebiisuun hin danda’amne.

Walumaagalatti gareen saamtoota Kooriyaa Kaabaa kun maallaqa gaadaanaarratti yeroo hin dabarsan. Dhiheenya kanas hanna Kiriiptokaransiitti naannawuun doolaara biiliyoona 3.2 hataniiru.