Dhiiroonni 50 dubartii takka gudeeduun himataman eenyu fa'i?

Jarri kunneenis dargaggeessa, maanguddoo, kanneen dhaabbiinsaanii tolaa, kaansaanii ammoo qaqalloo, kanneen sanyiinsaanii gurraachaa fi adiitu keessatti argama.

Gama gosa hojii saanitiin ammoo hojjattoonni balaa ibiddaa, konkolaachiftoota konkolaataa fe'umsaa, loltoota, eegdota tikaa, gaazexeessaa fi DJ fa'i keessatti argamu.

Dhiirroonni 50n kunneenis biyya Faransaa keessatti ture, dubartii Giiseel Peelikoot jedhamtuu, ajaja abbaa warraashee Doominiik Peelikoo jedhamaniifi maanguddoo waggaa 72 ta'eetiin waggootaaf qoricha hirribaa kennudhaan dhiiroota kanneenii akka gudeedamtu taate.

Torban dhufu dhaddachi baatii Fulbaanaa eegale kun ni xumurama. Guyyaa sanas namoota gochaa guddeeddii dubartii kanaatiin himataman irratti murtiin ni darba.

Yoo yakkamaa ta'uunsaani mirkana'e, walumaagalatti hidhaa waggaa 600 oliitu isaan mudata.

Muraasni mormii kan dhageessisan yoo ta'u, irra caalaansaanii garuu gaaffii abbootii f deebii yoo kennan lafa ilaalu.

Akeekkachiisa: Qabiyyeen oduu kanaa isin jeequu danda'a

Dhiironni 50 kunneen magaalotaa fi ollaa dubartii miidhamtuun tun jiraatuurraa fageenya kiiloo meetira 50 irraa kan dhufaniidha.

Abukaatoon isaanii muraansis dhimma kanarratti yaada gatii guddaamadaala kaasu arganii jiru.

"Namoonni idilee waan addaa hojjetu,'' jedhan ogeessi seeraa himatamtoota sadii bakka bu'an Antoine Minier.

"Tarii akka kanaa ta'uu dhiisuu danda'a garuu namni hundi haala hamaa keessatti argamuu danda'a. Akkasumas yakka cimaa raawwachuuf saaxilamuu danda'a," jechuun BBC'tti himeera.

'Qaamakoo malee sammuunkoo ishee hin gudeedne'

'Qaamakoo malee sammuunkoo garuu ishee hin gudeedne," jechuun cimsee kan dubbate namni tola ooltummaan balaa ibiddaa irraa hojjatu Kiristiyaan L. wayita gochaa saatiif waakkatu.

Kunis sababoota dhiironni kunneen kennan keessaa tokko.

Abbootiin alangaa gaaffii addabbii mana murtiif dhiyeessaniin sababoota cimaa irratti hundaa'uudhaan. Fakkeenyaaf, himatamtoonni kunneen yeroo meeqa gara mana dubartii kanaa dhufanii, ishee tuquu isaanii fi yoo saalqunnamtii ishee waliin raawwatan adda baasan.

Leenjisaan ispoortii soorama ba'ee fi akaakayyuu jaalatamaa kan ta'e, Jooseef C, umriinsaa ganna 69 yoo ta'u, yakkamaa ta'e yoo argame hidhaa waggaa afuriin adabama. Sunis adabbii isa salphaa abbootiin alangaa himannaa kanarratti gaafatan keessaa isa tokkodha.

Himatamaan biroo Romaayin V kan umriinsaa ganna 63, hidhaa waggaa 18'tti isa mudata.

Himatamaan kunis osoo HIV qabaachuusaa beekuu, yeroo adda addaa ja'a itti dedebii'uun dubartii tana gudeede. Abukaatoonsaa garuu, waggoota hedduudhaaf wal'aansa akka argatee fi vaayirasichi daddarbuu akka hin dandeenye mana murtiitti hime.

Abbootiin alangaa bal'inaan dhimma kanarratti qorannoo kan gaggeessan, sababii gochaan gudeeddii kun haala kana dura hin baratamneen ta'ef, ragaan baay'ee waan barbaachiseefiidha. Abbaan warrashee miidhaa dhiirootaan haadha warraa isaarratti akka raawwatamuuf hayyame kana waggootaaf viidiyoon waraabaa ture.

Innis himata isarratti dhiyaate hunda amanee fudhachuun, himatamtoonni 50 isaa waliin himataman hundi yakkamtoota ta'uusaanii mana murtiitti himeera.

Ragaan viidiyoo kun waan jiruuf dhiironni kunneen mana maatii kanaa dhaqanii akka hin beekne haaluu hin dandeenye jechuudha. Garuu, harki caalaansaanii himannaa gudeeddii murtii addabbii cimaa namatti fidu cimsanii mormu.

Seerri gudeeddii Faransaay, gudeeddii jechuun gocha saalqunnamtii "jeequmsa, dirqisiisuu, doorsisa ykn taajjabbiin" raawwate kan jedhudha. Barbaachisummaa hayyama kamiyyuu kan ibsu hin qabu.

Kanaaf, Giiseel hayyama kennuudhaaf akka hin dandeenye waan hin beekneef gudeeddiif yakkamaa ta'uu akka hin dandeenyes falmu.

Namni Giiseel gudeeduun himatamne kan biraa, Jean-Pierre jedhama. Innis duuka bu'aa Doominiik Peelikoot jedhamuun moggaafameera.

Haadha manaasaa irra miidhaa geessisuuf qoricha sammuu namaa hadoochu akkamitti akka itti fayyadamu waan barateef, waggoota shaniif akkas godhuun gudeede.

Yakka isaa kanaaf Doominiik Peelikoot waliin wal arguu isaa komata. Abbaan alangaa hidhaa waggaa 17'n akka adabamu gaafachaa jiru.

'Peelikoon gowwoomfame'

Ahmed T namni jedhamu kan jaalallee ijoollummaasaa waliin waggoota 30'f gaa'ila keessa jiru yoo ta'u, osuman nama gudeeduu kanan barbaade ta'ee dubartii umurii 60 keessa jirtu hin filadhu jechuun waakkate.

Redouane A kan jedhamu ammo osoo Giiseel gudeeduuf ka'ee abbaan warraa ishee viidiyoo akka waraabu hin hayyamu ture jechuun falme.

Gariin isaaniis Doominiik Peelikooti, abbaan warraa dubartii miidhamtu tanaa akka doorsifaman dubbatu.

Narsiin dhiiraa Redouan E, imimmaan dhangalaasaa kutaa ciisichaa keessaa ba'uuf baay'ee akka isa sodaate mana murtiitti himeera. "Tarii viidiyoo irraa adda baasuu hin dandeessan ta'a, baay'een sodaadhe!" jedhee abbootii murtiitti hime.

Kaan ammoo sababii dhugaatiin qoricha sammuu namaa hadoochu baay'een waan isaaniif dhihaateef, dubartii taka gudeeduu yaadachuu hin dandeenyu jedhu. Doominiik Peeliikot garuu kana gonkumaa akka hin goone haale.

Irra caalaan garuu, Doominiik Peelikootiin kan gowwoomfaman ta'uu ibsu. Innis hiriyoota gaa'elaa waliigaltee qaban waliin tapha saalqunnamtii irratti hirmaachaa akka jiran isaan amansiise jedhu.

Garuu Doominiik yeroo hunda haati warraa isaa shira kana akka hin beekne dhiirota kanneeniif ifa godheera jedha.

Ishee akka hin dammaqsine ykn akka achi turan maallattoo akka hin dhiisne qajeelfama kenneef. Haadha warraasaa osoo hin tuqiin harkasaanii ho'isuu, shittoo ykn sigaaraan akka irraa hin dhoofne gaafate. "Hundi isaanii beeku turan, garuu haaluu hin danda'an."

Haati warraa, hiriyootaa fi miseensonni maatii himatamtootaa hedduun ibsa akka kennan waamamaniiru. Dhiironni isaan waliin jiraatan kunneen akkamitti "haala akkanaa keessatti qabamuu" akka danda'an hubachuuf ni rakkatan.

"Ani baay'een rifadhe, tasumaa gochi kun isa hin fakkaatu. Inni gammachuu jireenyakoo ture," jedhan maanguddoofi abbaan Kiristaan L.

"Waan isa mudate jiraachuu mala, tarii dhiphachuu danda'a," jedhan itti dabaluun abbaansaa.

'Yeroo hunda isaaf nan jiraadha'

Haadha warraa Tiyeerii Pa duraanii kan turte Kooriin, yeroo hunda ishee fi ijoollee isaaniif ''gaarummaa'' fi ''kabaja'' akka qabu dubbatti. Araara isaaf gochuuf balballi banaa akka ta'e himti.

"Waan ittiin himatame yeroo natti himan: 'gonkumaa, sun hin danda'amu... waan inni asitti hojjate tasuma naaf hin galle," jedheen.

Duuti ilmasaanii ganna 18 abbaan warraashee duraanii dhiphina sammuu cimaa keessa akka galche, dhugaatii akka jalqabee fi dhumarrattis Doominiik Peelikoot waliin akka wal qunnamu taasise amanta.

"Waan fedhe haata'u, yeroo hunda isaaf nan jira," jette jaalalleen duraanii Joo'aan K. Umurii waggaa 27'tti himatamtoota keessaa quxisuudha, akkasumas loltuu waraana Faransaay ture.

Dubartiin Samiira jedhamtu tokko, waggoota sadii fi walakkaa darban kana Jérôme V maaliif yeroo jaha gara Giiseel akka ''deebii'ee barbaaduu'' irratti akka dabarsite bo'aa dubbatteetti.

"Guyyaa guyyaan walqunnamtii saalaa raawwanna turre, maaliif bakka biraa deemuu akka qabu naaf hin galle," jettee boosse.

Inni namoota muraasa Giiseel gudeeduu isaanii amanan keessaa tokko yoo ta'u, qaamashee irratti aangoo guutuu qabaachuusaa akka jaallate dubbateera.

Giiseel Peelikooti: Osoo beekanii na gudeedan

Dhaddacha jalqabaarratti dhiyaachuun miidhamtuu kan taatee, Giiseel dhiironni kunneen abbaa warraa isheetiin akka dirqisiifaman gaafatamte.

Mataa ishee raasuun deebii kennite: "Qawwee mataa isaaniitti hin qabne. Qalbii guutuudhaan na gudeedan," jette.

Isheenis: "Maaliif poolisii hin dhaqin? Maqaasaanii dhoksanii maaliif hin bilbilin? Silaa lubbuu koo baraaruu danda'an ture," jettee gaaffii dhiyeessite.

"Garuu tokkollee hin goone. Isaan keessaa tokkollee hin jiru."