Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rogeettiin Gaazaaf deeggarsa geessuuf galaanarra imalaa jirtu Gireettaan eenyu?
Gireettaa Tuunbarg rogeessota jijjiirama haala qilleensaa irratti falman keessaa kan haalaan beekamtudha.
Dargaggoota biratti waa'ee jijjiirama haala qilleensaa hubannoo uumuun beekamti.
Rogeettiin kun guyyaa muraasa dura ammoo Gaazaa deeggarsa geessuuf tuuta rogeeyyii 11 kaan wajjiin yabala galaanaa akka jalqabde miidiyaa hawaasaa isheerrarri beeksisteetti.
Ergamni tuuta Firiidam Firootillaa jedhamu kanaa ''uggura Israa'el cabsuun'' gargaarsa nyaataafi qorichaa Gaazaa geessuu akka tahes AFP'n gabaaseera.
Dooniin Maadliin tuuta rogeeyyii kana qabattee kibba Xaaliyaanii Siisiiliirraa gaafa Waxabajjii 1/2025 imala jalqabde gaafa Waxabajjii 2/2025 Gaazaa akka geessu eegama.
'Kana kan gochaa jirru, waan hundi faallaa keenya tahullee yaaluu dhaabuu hin qabnu jenneeti,'' jette yaada miidiyaaleef kenniteen imimmaan otoo ishee hudhuu.
Ergama kana keessa taatoon fiilmii beekamaa 'Game of Thrones' kan keessa jiru yoo tahu, Gireettaan baatii tokko dura dooniidhaan Gaazaa qaqqabuuf yaaliin taasisan dooniin isaanii boombiin haleelamuun booda akka fashale himte.
Gireettaan eenyu? Akkamiin rogeettii jijjiirama haala qilleensaa taate?
Gireettaan magaalaa guddoo Siwiidiin Istookolmitti bara 2003tti dhalatte. Haatsihee Maaleenaa Ernmaan weelisstuu oppeeraa yoo taatu abbaanshee Sivaant Tuunbarg ammoo taatoodha.
Waa'ee jijjiirama haala qilleensaa yeroo duraaf kan barte yeroo daa'ima ganna saddeetii turtedha.
Yeroo ijoollee ganna 11fi 12 turte dhibee sammuu mukaa'udhaan rakkataa akka turte abbaanshee dubbata.
''Dubbachuu dhaabde...mana barumsaas deemuu dhaabde,'' jedha.
Yerooma wal-fakkaataatti haala sammuu Asperger's syndrome- kan namoonni hariiroo hawaasaa gochuufi faara arganii waa hubachuun rakkisu akkasumas amala waan wal-fakkaataa irra deddeebiin raawwachuu akka qabdu baruu maatiin dubbatu.
Tuunbarg akka jedhutti mucaan isaa erga duula jijjiirama haala qilleensaa jalqabdeen booda ''gammadduu'' taate.
Bara 2018 yeroo shamarree ganna15 turte mormii jijjiirama haala qilleensaa paarlaamaa Siwiidiin fuulduratti geggeessite.
Mormiin kuni miidiyaaleen akkaan kan gabaafame yoo tahu dargaggoonni addunyaa mormii Jimaata, Jimaata Fridays For Future strikes geggeessitus dargaggoonni kumaatamaan lakkaa'aman wajjin dhaabbachuun mormii geggeessaniiru.
Gireettaan faalama qilleensaa kaarbooniidhaan dhufu irratti hubannoo uumuuf konkolaataawwan dura daandiirra ciisuun mormii geggeessituunis yeroo garagaraatti poolisiin to'atamti.
Haala sammuu ootizimii qabaachuun ishee ''humna guddaa'' akka isheef taheefi duula raawwattuuf akka ishee kakaasu himti.
''Adda tahuun kennaa dha,'' jechuun BBCtti himte. ''Otoon akka namoota kaanii tahee silaa mormii manneen barumsaa kana hin jalqabun ture,'' jetti.
Bara 2019 hanga 2020 mana barumsaarraa boqonnaa fudhattee duula geggeessuu irratti xiyyeeffatte, kanaanis haasaa miira guddaan hoogganoota duratti taasistuun beekamtuu taate.
Bara 2023 barnoota addaan kuttee mormii manneen barumsaatti taasiftus achumaan dhaabde.
Haasaawwan ishee beekamoo kam fa'i?
Ebla 2019 yeroo shamarree ganna 16 turte Gireettaan miseensota Paarlaamaa Awurooppaa akkas jechuun itti dubbatte: ''manni keenya jigaa jira, hogganooti keenya akka manni manca'aa jirutti tarkaanfii fudhachuu qabu, amma garuu kana miti kan gochaa jiran,'' jette.
Baatii shan booda ammoo dooniidhaan garba Atlaantiik irra yabaluun kora jijjiirama haala qilleensaa Dhaabbata Biyyoota Gamtooman Niiw Yoorkitti qophaa'e irratti haasaa taasifte.
''Amma silaa galaana gamatti mana barumsaattin deebi'uu qaba ture,'' jechuun bakka buutota kora sana irratti argamanitti dubbatte.
''Garuu hundi keessan dargaggoota unuun abdattani dhuftan. Akkam ija jabaattu? Jecha keessan waa'ee hin baasneen ijoollummaafi abjuu koo saamtan,'' jette.
Bara 2021 ammoo UK, Gilaasgootti korri jijjiirama haala qilleensaa COP26 yeroo adeemsifamu, ''hogganooti biyyoota addunyaa kora kana al 26 taa'aniiru, waggoota kana hunda garuu 'blah,blah, blah''(haasaa waa'ee hin baasneefi hojiitti hin geeddaramne'' haasa'aa bahan jette.
Badhaasota Gireettaan argatte...
Gireettaan bara 2019 hanga 2023 badhaasa Nobeelii Nagaaf kaadhimamtee ture. Bara 2019 baruullee Time irratti umrii xiqqoon nama waggaa barichaa tahuun seenaanshee bahe.
Bara 2019tti badhaasa Right Livelihood Award kan badhaasa Noobeelii isa bira jedhamu argatte.
Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu AmanistiiN badhaasa amabaasaaddarummaa dhaabbatichaa Ambassador of Conscience Award kenneefii jirra.
Akkasumas Foobis dubartoota dhiibbaa uuman 100 keessatti maqaashee tarreesseera.
Bara 2022 kitaaba The Climate Book jedhamu keewwata 100 saayintistootaafi rogeeyyiin waa'ee jijjiirama haala qilleensaa irratti barreessaan walitti qabuun maxxansite.
Qeeqxonni Gireettaa maal jedhuun?
Jalqaba bara 2023tti namni miidiyaa falmisiisaa tahe Andiruu Teet X irratti konkolaataawwan 33 suuraa agarsiisuun ''faalama qilleensaa'' hangam akka qaqqabsiisan siifan erga jechuun barreesse.
Isheenis ciigoodhaan deebiin kennite namoota miiliyoonaan lakkaa'amaniin 'like' argatee bal'inaanis qoodameera.
Yeroo baruullee Time irratti baates Donaaldi Tiraamp ishee qeeqanii ture. ''Gireettaan aariishee to'achuu irratti hojjechuu qabdi, basha'i, basha'i Gireettaa,'' jedhan.
Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin ''shamarree gara laafeettii garummoo hubannoo gahaa hin qabne,'' jedhaniin.
Duulli Gireettaa maal milkeesse?
Gireettaan imaammataafi tarsiimoo addatti rakkoo jijjiirama haala qilleensaa furu dhiyeessuu baattus akka addunyaatti dargaggoota biratti hubannoo uumuun maqaanshee akka guddaan ka'a.
Kanneen yaada hawaasaa kennan ''dhiibbaa Gireettaa'' jechuun duulashee dinqisiifatu.
Yeroo ammaa kana ammoo dhimma waraana Gaazaa irratti dubbachaafi duulaa jirti.
Mootummaa Israa'elis haleellaa Gaazaa irratti raawwataa jiru ''mootummoon biyyoota kaanii callisaniiru,'' jechuun komatti.