Keeniyaatti namoonni 'hamma Yesuus dhufutti midhaan hin nyaannu' jedhan keessaa afur du'an

Mallattoo fannoo waldaarra iru

Madda suuraa, Getty Images

Keeniyaatti namoonni 'barri dhumaa dhiyaatera, hamma Yesuus dhufutti ni soomna' jedhan afur du'anii kaan ammoo laafanii hospitaala galan.

Poolisiin Keeniyaa akka jedhetti namoota 'dhufaatii Yesuus eegna' jedhanii soomaa turan keessaa afur du'anii kan argaman gaafa Kamisaa Ebla 13 ture.

Namoonni kunneen addunyaan yeroo dhiyootti baddi, Yesuus ammoo deebi'ee dhufuuf karaa jira jedhanii midhaan osoo hin nyaatin soomaa akka turantu himame.

Taaten kun kan raawwate Keeniyaa, Kaawuntii Kiliifii kan naannoo qarqara galaanatti argamtutti.

Ragaan poolisii akka agarsiisutti namoonni kunneen guyyootaaf bosona keessa soomaafi kadhatarra kan turan yoo ta'u, "hanga Yesuus dhufutti" soomaa jedhee kan itti hime ammoo lallabaa Wangeelaa naannoo sanaati.

Angawoonni naannichaa namoota 11 lubbuun bararuun hospitaala galchuu himan.

Nyaata osoo hin nyaatin yeroo dheeraa turuurraa kan ka'e namoota baraaraman keessaa jaha haala yaaddessaa keessa jiru jedhame.

Poolisiin Keenyaa shakkamtoota namoota beelaan du’an duuba jiru jedhaman qorachu eegale

Keeniyaatti poolisiin erga namoonni afur ‘‘hanga Yasuus dhufuutti midhaan hin nyaannu’’ jechuun of beeleessuun du’un dhagahameen booda, duree ‘amantaa’ kana duuba jiru jedhaman qorachu eegale.

Dure amantaa Maakenze Nthengee jedhamanitu hordoftoota ‘amantaa isaa akka dafanii Janata seenaniif jecha nyaataa irraa akka of qusachuun hanga du’aatti beela’aniif itti himun himatame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Poolisiin erga eeruu ummataa isa qaqabeen booda hordofii taasiseen namoota baayyee dhukkubsatan 15 guyyaa Kamisaa bira gahulleen garuu erga hospitaala geeffamanii booda kan lubbuun hafu danda’an namoota 11 qofaadha.

Poolisiin bakka awwaalcha jumlaa bosona naannichaa keessatti argamu tokkoos qorataa jira.

Mamni amma ajaja beelaan of ajjeessuu kan kennuun shakkamee to’atamee Aab Nthengeen, baatii darbe keessas du’a ijoollee lamaa kan maatiin isaanii mana amantaa isaa kan ta’e 'Good News International Church' jedhamutti makamiin wal qabatee himatamee ture.

Booda garuu balleessaan irratti hin argamne jedhamuun waabiidhaan gad dhiifame ture. Haata’u malee ammatti bakka namni kun jiru hin baramne jedhameera.

Namoota 4 du'aniifi kanneen lubbuun baraaramaniin alatti kanneen biroo hafan jiraachuu ibsuun har'allee barbaachi akka itti fufu poolisiin beeksise.

Eenyummaan namoota afur guyyaa Kamisaa beelaan du’unsaanii himamee hanga yoonaatti adda hin baafamne.

Namoonni kunneen miseensa waldaa Good News International Church jedhamuu yoo ta'an, paastariin isaanii namoonni beelaan akka du'an gochuu isaaf duraanuu poolisiin barbaadamaa ture.

Namoota poolisiin bira gahuudhaan hospitaalaatti geeffamuun lubbuun hafan keessaas, dargaggoo, dabalatee muraasni isaanii haala cimaa keessatti argamu jedhameera.

Maddeen tikaa garee Miidiyaa Neeshiin Keeniyaa jedhamuutti akka himanitti, namoonni mana isaanitti osoo beela’anii irra gahame baayyee haala gaarii irratti hin argaman.

‘‘Sadarkaa baayyee cimaarra osoo jiranii bira geenye, kaan isaanii osoo gara hospitaalaa geessaa jirruu daandiirratti gaggaban.’’

Poolisiin akka jedhetti, erga eeruun waldaa Good News International Church jedhaamutti ‘‘shakkamaan Yasuus daftanii arguudhaaf beelaan akka du’aniif amansiifamanii beela’aa jiraachuu’’ dhagaheen booda hordooffii taasisuu eegale.

Akkasumas ‘‘awwaalchi jumlaa namoota gara 31 ta’aniifi gochaadhuma walfakkaataa kanaan du’unsaanii akka hin oollee shakamanii bakka Bosona Shaakaaholaa’’ jedhamu keessa jiraachus itti himamuu poolisiin ibsa isaarratti caqaseera.

Keeniyaan biyya namoonni amantaa hordofan yoo ta’u, namoonni yoo haala balaafamaa, waldaalee seera maleessoo ta’an hordofuun miidhaaf saaxilaman kun kan jalqabaa miti.

Ji'a darbe keessa maatii miseensota waldaasaa ta'an jalaa ijoolleen lama du'uun wal-qabatee poolisiin erga to'atameen booda mirga wabiitin bahee jira.

Amma immoo namoonni inni "barri dhumaa gaheera" jedhee akka isaan soomaniif jajjabeessaa ture keessaa afur du'anii kaan ammoo laafanii hospitaala jiru.

Dhiyeenya kana ammoo namoonni "dhuma baraatu gahe" jedhanii Yugaandaarraa gara Itoophiyaatti baqatanii akka turanis gabaafamee ture.