Badhaasawwan Noobeelii falmisiisoo kana dura kennaman jaha

Bara kana Badhaasa Noobeelii Nagaa namni injifatu Onkoloolessa 10 Oslootti beeksifamuuf jedha.

Badhaasa kana Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp ni injifata kan jedhu heddu irraa odeeffamaa jira. Tiraampis addunyaarratti waraana torba dhaabsisee akka jiru irra deddeebiin dubbata.

Ministiirri Muummee Israa'eel Beeniyaamiin Netaaniyuu badhaasi kun Tiraampif akka malu kaadhimuu isaa ibsee ture.

Ji'a Waxabajjii keessa Paakistaanis Tiraamp Badhaasa Noobeelii akka argatuuf akka kaadhimtu beeksiftee turte. Sababni ammoo waraana cimaa guyyoota muraasaaf Paakistaanifi Hindii gidduutti gaggeeffame akka dhaabatu gochuusaafi.

Haa ta'u garuu Tiraamp buufataalee nikularaa Iraan haleeluusaatiin badhaasi kun isaaf mala kan jedhurratti komiin ka'ee ture.

Badhaasi Noobeelii Nagaa addunyaarratti badhaasa guddaafi akkaan kabajamaa yoo yoo ta'u saayintistiifi hojjataa namoomaa beekamaa Alfireed Noobeel yaadachuuf kan mogga'eedha.

Namoonni badhaasa kana injifatan kan filaman koree koree miseensota shan of keessaa qabu kan paarlaamaan Noorweey filateeni.

Tiraamp osoo injifateetii, namoonni heddu falmisiisaa jechuunsaanii waan hin oolledha. Gosoota Badhaasa Noobeelii kennaman jaha keessaa Badhaasi Noobeelii Nagaa kaan irraa adda kan taasisu yeroo hunda falmisiisaadha. Sababni ammoo ulaagaan koreen badhaasichaa dhiyeessu namoota kaanif liqimfamuu dhiisuu mala waan ta'eef.

Badhaasawwan Noobeelii Nagaa kanaan dura kennamanii falmisiisoo ta'an jaha mee haa ilaallu.

Baaraak Obaamaa

Pirezidaantiin duraanii US Baaraak Obaamaa bara 2009 Badhaasa Nobeelii Nagaa yeroo injifatu namoota hedduuf hin liqimfamne ture - Obaamaa mataasaa dabalatee jechuudha.

Obaamaan barreeffama seenaasaa bara 2020 barreesse keessatti Badhaasa Noobeelii Nagaa kennameefii ture ilaalchisee: "Maaliif naa kennamee ture?" badhaasichatti akka hin amanne barreesse.

Badhaasichi Obaamaaf kan kenname aangoo qabatee reefu ji'a sagal yeroo guututti ture. Namoonni heddus badhaasichi isaaf kennamuu qeeqanii ture.

Daayirektara Inistiitiyuutii Noobeelii kan ta'e Geir Lundestad bara 2015 BBCti akka himanitti, boodarra koreen badhaasichi Obaamaaf akka kennamu murteesse itti gaabbee ture.

Yeroo Obaamaan badhaasicha fudhatu sana, Ameerikaan Afgaanistaan, Sooriyaafi Iraaq keessatti lola gaggeessaa turte.

Yaasiir Arafaat

Gaggeessaan duraanii Filisxeem Yaasiir Arafaat bara 1994 Ministiira Muummee duraanii Israa'el Yisaaq Raabiinifi Ministiira Dhimma Alaa Israa'el kan ture Shimoon Pereez waliin Badhaasa Noobeelii Nagaa argatanii ture.

Namoonn sadan kunneen Waliigaltee Nagaa Osloo jedhamun beekamuufi bara 1990oota keessa Abbaan Taayitaa Filisxeem akka hundaa'uf sababa ta'e milkeessuu isaaniif badhaafaman.

Nama waraanafi hokkora keessatti hirmaatee ture Yaasiir Arafaat Badhaasa Noobeelii argachuusaatti kanneen komii kaasan danuu turan.

Yaasiir Arafaat filamuunsaa miseensota koree Noobeelii gidduuttuu falmii kaasee ture.

Miseensa korichaa kan taate Keer Kiristansan filamuu Yaasiir Arafaat mormuun keessaa of baastee turte.

Heenrii Kisiinjar

Minsitiira Dhimma Alaa duraanii US kan ture Heenrii Kisiinjar bara 1973tti Badhaasa Noobeelii Nagaa injifatee ture.

Heenrii Kisiinjar tarsiimoo alaa US keessatti nama iddoo guddaa qabuufi murteessaa tureedha. Akkasumas nama akkaan falmisiisaa ture.

Dhoksaan mootummaa Kaamboodiyaa haleeluu, mootummoota abbaa irree Laatin Ameerikaa waliin hidhata qabaachuufi kaan keessatti kallattiifi al-kallattiin Ameerikaan akka hirmaattu gochuusaaf badhaasichi isaaf kennamuun falmii guddaa kaasee ture.

Waraanni Veetinaam akka dhaabbatuuf gochuusaaniif Heenrii Kisiinjariifi gaggeessaan Veetinaam Kaabaa Le Duc Tho waliin ta'uuni Badhaasa Noobeelii Nagaa bara 1973 kan ijifatan.

Miseensonni koree badhaasicha kennuu lama mormuun keessaa bahanii ture. Kisiinjar nama waraana dhaadhessuudha jechuun inumaayyuu badhaasicha hanga "Badhaasa Noobeelii Waraanaa" jechuun hanga waamutti gahanii ture miseensonni korichaa.

Abiy Ahmad

Gaggeessaan Itoophiyaa Abiy Ahmad muddama waggaa 20 olii Itoophiyaafi Ertiraa gidduu ture karaa nagaan furuusaaniif bara 2019tti Looreetii Nagaa jedhamuun Badhaasa Noobeelii Nagaa badhaafamanii ture.

Garuu waggaa tokko kan hin caalle booda, badhaasichi kennamuufii hin malle kan jedhu falmii guddaa kaasee ture.

Keessumaa Kaaba Itoophiyaatti waraanni eegaluu hordofee hawaasi idiladdunyaa MM Abiy badhaasichi hin maluuf ture jechuun qeeqee ture.

MM Abiy Badhaasa Noobeelii Nagaa erga fudhatanii waggaa tokko booda Kaaba Itoophiyaatti waraanni waliinii balaafamaan lubbuu namoota hedduu gaaga'e gaggeeffame.

Awung Saan Suu Kii

Gaggeessituu Barmaa kan turtee Awung Saan Sii Kii mootummaa Maayinaamaar waraanan bulu irratti karaa nagaa qabsaa'uun gaggeessituu biyyaa ta'uusheef Badhaasa Noobeelii Nagaa badhaafamtee turte.

Haa ta'u garuu haleellaa Musliimota Rohingaa irratti Maayinaamaar keessatti gaggeeffame dhaabsisuu dadhabuusheef mormii cimaan ishee mudatee ture.

Haleellaa Musliimota Rohingaa irratti gaggeeffame Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii "Duguuggaa sanyii" jechuun ibse.

Inumaayyuu Badhaasni Noobeelii Nagaa akka irraa mulqamuuf duulli gaggeeffamus, koreen badhaasichaa iyyata badhaasa irraa mulquu hin simanne.

Waangaarii Maataayi

Aktivistiifi kunuunsa naannoo irratti duula cimaa gaggeessuun kan beekamtu Waangaarii Maataayi Afrikaarraa nama jalqabaa Badhaasa Noobeelii argatteedha.

Wangaarii Maataayi bara 2004 ture Badhaasa Noobeelii kan argatte.

Sababni badhaafamuushee ammoo biqiloota miliyeenan lakkaa'aman akka dhaabaman duula gaggeessiteeni.

Garuu dhibee HIV AIDS ilaalchisee yaanni isheen kennitee turte badhaasasheerratti komiin akka ka'u godhee ture.

Vayiraasiin HIV uummata gurraacha lafarraa balleessuuf tolfame jechuun erga dubbattee booda qeeqni cimaan irratti ka'ee ture.

Yaada isheen vaayirasii HIV ilaalchisee kennite qorannoon deeggaru homaatuu hin jiru.

Maahatama Gaandii osoo hin fudhatin hafuusaa

Seenaa Badhaasa Noobeelii keessatti gama yeroo heddu kan kaadhimamee osoo hin fudhatin hafe Maahatama Gaandiidha.

Maahatama Gaandii jaaraa 20ffaa keessatti namoota dhiibbaa guddaa uumanii darban keessaa tokkoodha.

Badhaasa Noobeelii akka fudhatuuf yeroo shan kaadhimamus, Maahatama Gaandii osoo hin fudhatin hafe.