'Yeroon ani hin jirre ijoolleen koo hin hiyyooman' jedhe $biliyoona 100 kan arjoome Biil Geetis

Biil Geetis

Madda suuraa, Maxine Collins/BBC

Yeroo dheeraaf dureessa addunyaa ta'uun sadarkaa tokkoffaa qabatee kan ture, Biil Geetis hanga ammaa deeggarsa namoomaaf $biliyoona 100 baasuu BBCtti hime.

Dhaabbatni Biil Geetis haadha warraa isaa duraanii Milaandaa wajjin hundeessaniin dhibeewwan ittisuun danda'amu qolachuufi hiyyummaa xiqqeessuurratti maallaqa guddaa baasuun hojjeta.

Gaaffiifi deebii BBC waliin godheen hojiilee namoomaa deeggaruuf hojjetu kanaaf hanga ammaa ''biliyoona 100 ol baaseera'' jedhe. Dabaluunis ''ammallee kaniin kennu nan qaba'' jedhe.

Maallaqni Biil Geetis hojii namoomaaf baase kun diinagdee waliigalaa biyya Bulgaariyaa jedhamtuun qixxeedha.

Hundeessitoota Microsoft keessaa tokko kan ta'e Biil Geetis fi dureessi biraan addunyaa Waaren Bafeet qabeenya isaanii guddaa dhaabbata Geetis dursee hundeesse Meliindaa Faawundiishin jedhutti makaniiru.

Geetis akka jedhutti nama gargaaruun ijoollummaatti keessasaatti hundee qabate. Harmeensaa yeroo mara qabeenya wajjin gaafatamummaa namaafis deebisanii kennuutu jira'' jedhu itti himti ture.

Faawundeeshiniin isaa ji'a sadii booda waggaa 25ffaa itti hundeeffame kabaja.

Geetis namaaf kennuun ykn namaaf waa gochuutti gammachuu akka argatu dubbateera. Hanga ammaa karaa faawuundeeshinii isaa doolaara biliyoona 60 baasuun namoota kutaalee addunyaa garaagaraa irra jiran gargaareera.

Haata'uyyuu malee arjooma godhu kanarraa kan ka'e jireenyisaa guyyuun jijjiirama keessummeesse akka hin qabne dubbata. Garaagartummaan jireenyakoorratti dhufe hin jiruu jedha.

Hambargariin ajaju harka qallatee hin xiqqaanne, jeettiin dhuunfaasaa ammallee gaarii jira, manneen jireenyaasaa gurguddoonis dhibee hin qaban.

Dureessiifi arjaan ganna 70 kun fuula durattis qooda qabeenya isaa gara caalu arjoomuuf qophii ta'uu himeera.

Ammoo ijoolleessaaf qabeenya hangamii akka dhaalchisu irratti yeroo baayyee wajjin dubbachuu himeera.

Wayita inni lubbuun darbu ijoolleensaa hiyyeeyyii ta'uuf deemuu? gaaffii kanaaf Geetis deebii yoo kennu ''lakki hiyyeeyyii hin ta'an'' jedhe. Deebii kana yoo kennu seeqaa ture.

Qabeenya akka malee guddaa kan hin dhiisneef ta'us akka gaariitti kan isaan jiraachisu ta'uu dubbate.

Biil Geetis obbolaa dubaraa lama qaba. Ijoollummaasaarraa qabee amala addaa kan qabu ture. Barnoota herreegaatiinis akka naannootti qacalee ta'uun beekama ture.

Naannoo Siyaatilitti kan barate Geetis barataa ganna 13 kutaa saddeet baratu ta'ee osoo jiruu dorgommii herreegaan dorgomeen warra gita hin qabne keessaa tokko jedhamee ture.

Biil Geetsiifi obbolootasaa

Madda suuraa, Gates Family

Seenaan Biil Geetis harka qaleessa dureessa ta'e jedhamee himamu miti. Abbaansaa Abbaa seeraa ture. Maallaqa argachuun dhiibaa hin turre. Ammoo mana barnootaa dhuunfaatti erguun miindaa abbaa wal-hanqattee godheera.

Ammoo osoo garas makamuu baatee amma maqaan Biil Geetis jedhu hin beekamu ture.

Abbaa kalaqaa kan ta'e Geetis ijoollummaasaatti naannoosaatti namoota muraasa hiree koompiitaraan hojjechuu argatan keessaa tokko. Harmee isaatu maallaqa ittiin kompiitara kana argatu walitti qabeef.

''Yeroo namni kamuu hin qabnetti nuti compiitara qabaanne'' jedha.

Booda hiriyyoota muraasa waliin Microsfot kalaquu danda'an.

Hiriyyoota isaa waliin karoora guddaa qabaachaa ture. Hiriyyaansaa tokko ganna 17tti boqochuun hedduu isa gaddisiiseera.

Ammoo wayita koompiitararra hin jirre akkamiin namni milkaahuu akka danda'u dubbisu turan.

Falaasamni Biil Geetis ''harki caalaan eenyummaa kee ammaa jalqabumarraa si keessa jira'' kan jedhuudha.