Ministirri Mummee Denmaark daandii guddaa Kopanhegan irratti haleellaan irratti raawwate

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Mummee Denmaark, Meetee Firederiksan Jimaata kaleessaa Kooppanhagen keessatti erga rukutamanii booda ‘‘naasuu’’ keessa galauu waajjiirrishee beeksiise.
Haleellaa kun addabaaabaayii magaallattii keessatti namtichi tokko bakkee isheen turte dhaquudhaan erga rukuteen booda jedhameera.
Namtichi haleellaa irratti raawwate kunis to’atamuun himameera.
Hooggantuu Olaantuun Komishinii Awurooppaa, Ursulaa Voon der Leeyen, ''gocha tuffatamaa, kan waan nuti Awurooppaa keessatti amannuufi falminu hunda faallaa ta'edha'' jechuun dubbataniiru.
" Ministirri Muummee Meetee Firederiksan Jimaata galgala magaalaa Kopanhaagen magaalaa Kultorvet keessatti nama boodarra to'annoo jala ooleen reebamteetti. Ministirri Mummeenis taatee kanaan rifataniiru," jechuun waajjirri ministira muummee osoo dhimmicharratti gadi fageenyaan ibsa hin kenniin waan mudate kana ibse.
Poolisiin gamsaatiin namichi to’atamee qorannoo gaggeessaa jiraachuu himuudhaan kana caalaa dubbachurraa of qusateera.
Nama kana aanga'aa kanarratti haleellaa kana raawwachuuf maaltu akka kakaasee kan jedhame hin jiru.
Namoonni ijaan argan lama, Maarii Adriyaan fi Anaa Raavaa, waan mudate arguu gaazexaa biyya keessaa BT jedhamutti himan.
‘‘Namtichi kallattii faallaa isheetii gara ishee dhaquudhaan saggoo isheerra yoo rukuti, isheenis ni gatantarte malee lafa hin dhoofte’’ jedhan dubartoonni lamaan gaazexichaatti dubbatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhiibbaan irratti raawwatame ‘‘cimaa’’ ta’ulleen ministirri mummee kun garuu hin kufne. Isaan booda kaaffee bira teesse jechuun haala ture ibsan.
Haleellaan kun erga filannoo EU irratti sagaleen kennamee guyyaa lamaan booda.
Hoggantuun paartii Soshaal Dimookiraat Denmaark, Aadde Firederiksan kanaan dura kaadhimamtuu paartii isaanii adda-duree Kiristel Schaldemose waliin sagantaa filannoo Awurooppaa irratti hirmaachuu isaanii TV2 Denmaark gabaaseera.
Paartiin Soshaal Dimookiraat, paartii guddicha mootummaa gamtaa Denmaark keessaati. Ammallee filannoo kana dursaa kan jiru, garuu ji'oota darban keessa deggersi isaanii baayyee gadi bu’eera.
Ministirri Naannoo Denmaark, Magnus Heunicke, toora X isaaniirratti akka jedhanitti: "Meetee haleellaa kanaan rifatte. Warra isheetti dhihoo jirru hunda keenyayyuu akka naasise dubbachuun barbaada."
Hogganaan Gamtaa Awurooppaa Chaarlis Misheel gamasaaniin, toora X irratti ''aarii guddaa keessa ,jirra'' jedhan.
''Gocha dheekkamsiisaa gara jabummaa kana cimseen balaaleffadha,'' jedhan.
Haleellaan kun MM Isloovaakiyaa Roobart Fiikoon, deeggartoota nagaa gaafachaa osoo jiranuu rasaasa baayyeen erga rukutamee ji'a tokko yeroo hin guunnetti kan raawwatameedha. Innis haleellicharraa lubbuun ooluun ergasii wallaansi baqaqsanii yaaluu taasifameeraaf.
Aadde Frederiksan, gaheettii waggaa 46 yoo taatu, waggaa afur dura hoggantuu Paartii Soshaal Dimookiraatota giddu-galeessa bitaa (centre-left Social Democrats ) ta’uun erga filatamteen booda ture bara 2019 Ministira Mummee ta’uun kan filatamte.
Kanaanis seenaa Denmaark keessatti ministira mummee umurii dargaggummaa taatee jirti.












