'Itoophiyaan maallaqa IMF irraa argachuuf murtoo cimaa gatii Birrii buusuuti ishee eeggata'

Itoophiyaan deeggarsa Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) irraa barbaaddu argachuudhaaf gatii Birrii gadi buusuuf murteessuu akka maltu Roohitars gabaase.

IMF akkaataa deeggarsa maallaqaa Itoophiyaaf taasisurratti marii torban lamaan darban Finfinneetti taasisaa ture waliigalteerra osoo hin ga’iin addaan kutuun isaa ni yaadatama.

“Akkaataa IMF sagantaa dinagdee aanga’oota [Itoophiyaa] deeggaruu danda’urratti tarkaanfiin jabaa deemameera” kan jedhe gareen IMF Finfinnee ture kun, mariin kun dhuma ji’a kanaa Waashingiteenitti akka itti fufu himees ture.

Itoophiyaan rakkoo dinagdeeshee furuuf liqaa dolaara biiliyoona 3.5 barbaaddi.

Liqaan dolaara biiliyoona 28 ta’u ammoo irra jira akka gabaasaaleen agarsiisanitti.

Kana waan ta'eef, mariin IMF Itoophiyaa waliin taasifamaa ture kun itti ba'isaa maal ta'uu danda'a kan jedhu akkaan eegamaa ture.

Kana dura marii Chaayinaa waliin taasifameen Itoophiyaan liqaashee achi siiqxee akka kaffaltu waliigalameera.

Kanaanis, maallaqa amma idaaf kaffalamuu qabu dolaara biiliyoona 1.5 qusachuushee Bulchaan Baankii Biyyaalessaa miseensota Paarlaamaaf himanii ture.

Biyyoota Lixaa maallaqa Itoophiyaaf liqeessan waliin waliigaluuf ammoo mariin IMF waliin taasifamu Itoophiyaaf murteessaadha.

Baatii Mudde keessa gareen liqeessitoota biyyoota badhaadhan jechuunis, Paaris Kilab jedhaman haal duree tokko ka’anii turan.

Itoophiyaan erga bara 2022 gara dhumaa yeroon liqaaa itti mijeeffachuu qabdu irra jalaa darbee as sagantaa IMF argachaa hin jirtu.

Dinagdeen biyyattii ammoo sababa qaala'insa jireenyaa, hanqina sharafa alaafi liqaa kaffaluu dhabuutiin rakkootu mudachaa jira.

Mariin kuni baatii Onkololeessa keessa qondaaltonni IMF aangawoota Itoophiyaa waliin marii taasisaniifi akkaataa dinagdee Itoophiyaa gargaaruu irratti mariin ''fooyyee'' qabu taa'ame booda taasifamaa jira.

Bitootessa 31, 2024’tti Itoophiyaan IMF irraa liqaa yoo hin arganne yookiin mari’attee yoo waliigaluu baatte, maallaqa duraan liqeeffatte hanga 2025 turtee akka kanfaltu hingoonu jedhaniiru.

''Marii kana xumurree waligaltee wayiirra yoo hin geenye biyyoonni Paaris Kilab waligaltee duraan tureen [idaa] kanfaluu qabdu jedhu,'' jechuun dubbatu xinxalaan BBCn dubbise.

Kana jechuun Itoophiyaan liqaa ishee achi siiqxee kanfaluuf waliigalteen IMF waliin taasistu akkaan ishee barbaachisa jechuudha.

Biyyoonni kuni liqaa Itoophiyaarraa qaban yeroo itti kanfalamu yoo achi butan Itoophiyaaf ‘’aara galfiidha’’. Dirqama waliigaluu qabdu jechuun isaaniimmoo Itoophiyaaf muddamadha jedhu xiinxalaan dinagdee Abdulmannaan (PhD).

‘‘Kunimmoo mootummaa Itoophiyaaf mata bowwuudha. Tokkoffaa idaa kanfaluuf maddi maallaqaa si barbaachisa. Lammaffaa idaa alaa kanfaluuf sharafni alaa si barbaachisa.

''Sababa kanaaf bajata biyya keessaarratti dhiibbaa qaba, sharafa alaa keenyarrattis dhiibbaa qaba jechuudha.''

Gama kaaniin, Itoophiyaan baatii Mudde keessa kanfaltii dhala yuuroo boondii irra jiru kanfaluu dhabuun biyya Afrikaa sadaffaa liqaa kanfaluu dhabde taateetti.

Mootummaan garuu kanfaluu hin dadhabne maamiloota alaa liqaa kennaniif ''wal qixa ilaaluuf malee,'' jedhee ture.

Dhimma 'mataa dhukkubbii' ta'e

IMF dabalatee dhaabbileen faayinaansii idil-addunyaa biroon Itoophiyaan humna birrii akka laaffistu [devaluation] gorsu.

Marii qondaaltonni IMF aangawoota Itoophiyaa waliin taasisan irrattis hamma sharafa birriifi sharafa alaa baankiifi gabaa seeraan ala (black market) gidduu jiru akka sirreessitu gaafatuu malu.

Marii amma taasisan kanaan dhimma maaliirratti akka walii galuu dadhaban wanti ammatti ibsame hin jiru. Haata’u malee, dhimmoota marii kanarratti ka’an keessaa dhimmi falmisiisaafi waliigaluurratti rakkoo ta’uu danda’u dhimma sharafa maallaqa alaati jedhu.

''Amma mataa dhukkubbii jabaa kan ta’e sharafa maallaqa alaa dhimma sirreessuudha. Mootummaan Itoophiyaa sirreessuufis sirreessuu dhabuufis rakkateera.''

Sababni isaas garaagarteen sharafa alaa seeraan kan baankileen sharafaniifi kan gabaa seeraan alaatti sharafamu gidduu jiru ''baay’ee bal’aa'' waan ta'eefidha.

Fakkeenyaaf, dolaara yoo kaafne yeroo ammaa kanatti baankileen dolaara tokko naannoo birrii 56’n sharafu, gabaa gurraachatti garuu 100 olidha. Kuni dachaaf deema.

''Kana nan sirreessa yoo jedhe rakkoo dinagdee hordofsiisu mootummaa Itoophiyaa kan isa sodaachise natti fakkaata. Qaamolee lamaan gidduu danqaa guddaa kan ta’e isa kanadha.

‘Isaaniis dhimmi kuni furmaata argachuu qaba jedhu. Mootummaan Itoophiyaas akkuma bitaa isa galeetti jira.''